Siidaan iddoo awwaalchaa Yooseef lammiilee Paalestaayiniin caccabuun Israa'el dheekkamse

Siidaa Yooseef caccabe

Madda suuraa, ISRAEL MINISTRY OF FOREIGN AFFAIRS

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Yooseef caccabe

Siidaa nama Kitaaba Qulqulluu keessatti beekamu Yooseefiif iddoo awwaalcha isaatti akka dhaabameef himamu lammileen Paalestaayin caccabsan.

Siidaan kun muddamni Paalestayinootaa fi Israa’el gidduutti yeroo deebi’ee hammaachaa jiru kanatti caccabfame.

Siidaan kun Nablus, Weest Baank keessatti kan argamu yoo ta’u, Ministirrii Muummee Israa’el haleellaa sanaan ‘’badii amala yaraatiin qaqqabe’’ jedhanii haleellaa sana qeeqan.

Guyyoota muraasan asitti lakkoofsi Paalestaayinootaa fi Israa’eloota du’anii kan dabalee yoo ta’u, duuti kunis haleellaa hamaa tibbana Israa’elitti naasu jabduu uumee kan dabalatuudha.

Haleellaa mana dhugaatii Telaviiv tokkorratti lammiin Paalestaayiin Kamisa darbe qaqqabsiseen lammileen Israa’el sadii du’uufi namoonni 11 biroo madaa’anii ture.

Israa’el haleellaa qaqqabe sanaaf deebii cimaa akka kennitu beeksifteetti.

Sambata galgala wayita siidaan kun diigamu humnoonni nageenya Israa’el haleellaa Kamisa raawwate hordofuun Weest Baank keessatti tarkaanfii waraanaa fudhataa turan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti maxxanfame Paalestaayinoonni ibsaa siidaa kanarratti fannifame wayita haleelaniifi caccabaa isaammoo wayita dadarban agarsiisa.

Suuraaleen Ministeerri Dhimma Alaa Israa’el gadhiise immoo siidaa sanarra gubaatiin ibiddaa qaqqabufi dhagaan siidichaa caccabuu agarsiisa.

Ibiddi kutaa manaa siidaa kana cinatti argamuutti qabsiifamee akka tures himameera.

Dubbi-himaan Humna Ittisa Israa’el Birgaader Jeneraal Raan Koochav raadiyoo waraanaatti akka himanitti, namoonni haleellaa sana qaqqabsiisan qaamolee nageenyaa Paalestaayiiniin hidhamaniiru jechuu miidiyaan Israa’el ‘Hayom news’ jedhamu gabaaseera.

Ministirrii Muummee Israa’el Naftaali Beeneet Paalestaayinoonni hokkora uuman "iddoo Jiwishootaa qulqulluu ta’e akka salphaatti nu jalaa mancaasan," jechuun namoota kana qabuuf dhaadatan.

Haleellaan kun ayyaanni Jiwishoota ‘festival of Passover’ kabajamuuf guyyoonni muraasni wayita hafutti qaqqabuun ittuu dubbii hammeesse.

Ayyaanichi Jiwishoonni jumlaan Masrii durii keessaa bara itti baafamaan yaadachuuf kan kabajamu yoo ta’u, Kana malees Jiwishoonni Yoosef bara durii mana hidhaa kolanii Masrii keessaa yeroo itti bahe akka ta’e amanu.

Siidaan awwaalcha Yoseef Jiwishoota biratti kabaja guddaan kan qabu yoo ta’u, Yooseef iddoo sanatti awwaalame jedhanii amanu.

Musliimoonni iddoo awwaalcha sun bakka Yooseef itti awwaalame yookin jaarraa 18ffaa keessa hayyuun amantii Islaamaa Sheek Yooseef Dawiqaat bakka itti awwaalame ta’uu hin oolu jedhanii amanu.

Bakkichi iddoo hokkorri itti ka’aa ture yoo ta’u, bara 2015 fi 2000 keessa Paalestaayinoonni hokkora bakka kanatti kaasuu isaaniitu yaadatama.

Nablus bakki jedhamu to’annoo qaamota nageenyaa Paalestaayiin jala kan jiru yoo ta’u, Jiwishoonni tumsa Waraanaa Israa’eliin siidaa iddoo awwaalchaa Yooseef kana dhaqanii daawwataa turan.

Wiixata ganamaan dhiironni Jiwiish lama otoo eeyyama bakka kana daawwachuu hin argatiin garasitti imalan rasaasaan rukatamanii madaa’aniiru.

Eenyu rasaasa akka itti dhukaase garuu waanti ifatti beekamu hin jiru.

Muddamni Israa'eel fi Paalestaayin jidduu jiru hammaataa jira.

Lammiin Paalestaayiin umriin ganna 17 tarkaanfii qaamoleen nageenyaa Israa’el Weest Baank magaalaa Jeniin jedhamtutti Dilbata fudhataniin madaa’ee ture, Wixata du’uu isaa miidiyaan Paalestaayiin ‘Wafa’ jedhamu gabaasera.

Magaalaa Jeniin jedhamtutti humnoonni nageenyaa Israa’el lammii Paalestaayiin qawwee hidhate tokkos ajjeesaniiru.

Dilbata darbe kana dubartoonni Paalestaayiin lama Weest Baankitti kan ajjeefaman yoo ta’u, isaan keessa tokko poolisii Israa’el waraantetti jedhama.