Ministira Muummee Israa’el haaraa ta’uuf dhiyaachaa kan jiran Naaftaalii Beeneet eenyu?

Madda suuraa, AFP
Ministira muummee Israa’el kan itti aanu ta’uuf adeemsarra kan jiran Naaftaalii Beeneet, seektara Komaandoofi Teeknooloojii irratti hirmaachuun abbaa qabeenyaa miiliyeenara ta’anidha.
Beenjaamiin Neetaaniyaahuu caalaa gara siyaasa mirgaa(right-wing) akka jiran kan himataniifi jiraachuu mootummaa Paalestaayin nama hin deeggarredha.
Beeneet MM ta’uuf yeroo dheeraaf hawwaa turani. Namni kun paartiin isaanii Yaamiinaa jedhamu filannoo darbe irratti teessoo muraasa waan argateef hanga yoonaa eegani.
Paartiin isaanii teessuma paarlaamaa torba qofa argateee xumure. Morkattoota lamaan keessaa tokkotti yoo jedhan mootummaa hundeessuuf carraa waan qabaniif ‘angoo shuumuu’ argatani.
2009 irraa kaasee angoorra kan jiran Netaaniyaahuu fi mormituu isaanii Yaayir Laappiid dabalee angoon MM akka kennamuuf waadaa argatani. Ilaalcha siyaasaa garagara qabaatanis, Laappiidiin deeggaruuf murteessani.
Namni ganna 49 Naaftaalii, 2006-2008 Netaaniyaahuu waliin hojjechaa waan turaniif deeggaraa isaanii jedhamu ture. Boodarra garuu adda ba’ani.
Paartii Liikuwiid gadhiisuun ba’ani. Filannoo 2013 geggeeffame irrattis Jeewiish Hoom Paartii kan jedhamutti makachuun injifatanii paarlaamaa seenani.
Hanga 2019’ttis mootummoota turan keessatti ministeera ta’uun tajaajilaniiru. Bara sanatti garuu paartiin isaanii teessuma argachuu hin dandeenye. Ji’oota 11 booda irra deebiin moo’uun paarlaamaatti deebi’ani.
Naannolee seena qabeessa falmisiisoo ta’an kan akka Weesti Baanki, Baha Jaruusaaleem fi Bakkeen olka’oo Sooriyaa Goolaan kan Israa’eeli isa jedhu haalaan deeggaru.
Israa’el Gaazaa irratti gaaffii abbaa qabeenyummaa akka hin qabne himanus, hojii lammiilee Israa’eel Weesti Baanki keessa qubachiisuu garuu deeggaraa turani.
Hawaasa idil-addunyaa biratti seer-maleessa jedhamus, Atihuudota kuma 600 ta’an Weesti Baanki fi Baha Jeruusaaleem keessa mandaroota jiran 140 irratti qubachiisuun koo sirriidha jetti, Israa’eel.
Carraan hojii qubachiisuu kun wal-dhabdee Israa’eel fi Paalestaayin gidduu mudatuuf sababa dha. Sochii kana dhaabuu mitii, yaadni gidduu seenuullee Beeneet biratti fudhatama hin qabu.
Hojicha kan deeggaran Netaaniyaahuullee waan amanan hin fakkaatu. Ingiliffaafi akka miidiyaarratti dubbatan haalaan kan beekan Beeneet, yeroo hedduu dhimma kana deeggaruun yaada kennaniiru.
Falmii TV biyya keessa irratti taasifamaa ture irratti, miseensa paarlaamaa kan ta’an namni Arbani tokko Ayihuudonni Weesti Baanki keessatti mirga hin qabani yoo jedhan, Beeneet harkaa fuudhanii: ‘‘isini wayita mukarraa mukatti koraa turtan, Ayihuudonni asitti mootummaa qabu ture,’’ ittiin jedhani.
Beeneet mootummaa Israa’eel cinatti kan Paalestaayin ijaaruu isa jedhus hin fudhatani.
Wal-dhabdee isaan gidduu jiru mootummaa lama wal cinatti dhaabuun furmaata ta’uu mala jedhamee Joo Baayidan fi hawasa addunyaan yaada dhiyaateef gurra hin qabu jedhu.
Guraandhala 2021 af-gaaffii taasisaniin, ‘‘hangan humnaafi to’annoo qabutti, lafa Israa’eel seentimeetira tokko dabarsee hin kennu’’ yoo jedhan dhaga’ameera. Inumayyuu daangaa Weesti Baanki humnaan babal’isuu deeggaru.
Maqaa Macaafa Qulqulluu Afaan Ibruu Juudiyaa fi Samaariyaa jedhuun waamu.
Haleellaa hidhattoota Paalestaayin irraa dhufu dandamachuuf tarkaanfiin humnaa fudhatamee akka ajjeefaman deeggaru. Adabbiin akkasii garuu yeroo dhumaaf kan dabarfame bara 1961 nama Adoolfi Iikmaan jedhamurrattidha.
Adeemsa araaraa 2018 keessa anga’oota Gaazaa waliin taasifames mormanii turani. Dhukaasa rookkeettii Gaazaarraa taasifame hordofuun haleellaa Israa’eel raawwatteen namoota dhibba hedduu ajjeesisaniiru jechuun anga’oota Gaazaa himatu.














