Paartileen mormituu Israa’el mootummaa waliinii hundeessuuf waliigalan

Madda suuraa, EPA
Bulchiinsi Netaaniyaahuun waggaa 12’f akka ministira muummeetti qabatee ture akka xumuramuuf paartileen mormituu Israa’eel mootummaa waliinii hundeessuuf waliigalteerra ga’an.
Hogganaan paartii Yesh Atiid, Yayir Lapiid waliigalteen paartiilee saddeet gidduutti uumamuu beeksiseera.
Akkaataa waliigaltee aangoo walitti daddabarsuu kaa'amee jiruutiin, hogganaan paartii Yaminaa, Naftaalii Beneet jalqaba ministira mummee ta’uun sana booda aangoo kana Lapiiditti dabarsa.
Mootummaan haaraan hundaa'e kun aangoo qabachuuf jalqaba paarlaamaa keessatti sagaleen kennamuu qaba.
Ibsa baasan irratti Lapiid, waligaltee isaanii kana Pirezdaant Rewuuvan Riviinitti beeksisuu isaani himeera:
“Mootummaan kun lammilee Israa’eel isa filatanii fi hin filannee tajajiluuf akka hojjatu waadaan seena.”
“Mormitoota isaa kabajuun hawaasa Israa’el hunda walitti fiduufi tokkummaa uumuuf wanta hundaa ni godha.”
Suuraan miidiyaa Israa’eli irratti ba’eeru Obbo Lapiid, Obbo Beneet fi hogganaan paartii Islamaa Raam, Monsuur Abbaas, waligaltee namootni hedduu uumamu hin danda’u jedhani yaadan yemmuu mallatteessan agarsiisa.
“Murteen kun cimaa fi rakkoo hedduu kan qabu ture garuu walii galteen irra ga’uun barbaachisaa ture,” jechuun Abbaas gazexeessitootatti himeera. “Walii galtee kana keessa wantoonni hawaasa Arabaa fayyadan” hedduu qaba jedhaniiru.
Erga pirezdaantichatti ergeen Lapiid mootummaa kana Beneet waliin akka bulchuu fi Hagayya 23 , 2023tti ministira muummee ta’uun akka bakka bu’u ibseera.
Filannoon akka gaggeeffamuuf paarlaamaan arittiin akka murteessuuf Riviin gaafateera.
Mootummaan walinii kun paarlaamaa Kinesseet barcuma 120 qabu kanaan yoo deeggarsaan hin filatamu ta’e, biyyattiin waggaa lama keessatti yeroo shanaffaaf filannoo gaggeessuu qabdi.
Miseensotni mootummaa walinii kanaa siyaasaa Israa’eel keessatti gosa adda addaa kan ta’anidha.
Gama ejjeenoo siyaasaan paartileen kun Nataniyaahuu aangoorraa kaasuun bakkasaa bu’uu irraa kan hafe wantootni isaan irratti walii galan muuraasadha.













