Lola Israa'eliifi Gaazaa: Yakka waraanaatu raawwate jedhe gareen mirga namoomaaf falmu, HRW

HRW haleellaa Israa'el raawwatte sadii, kan Caamsaa 16 raawwate dabalatee, qorachuu hime

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, HRW haleellaa Israa'el raawwatte sadii, kan Caamsaa 16 raawwate dabalatee, qorachuu hime

Lola humnoonni nageenyaa Israa'eliifi gareen hidhattoota Paalestaayiniin Caamsaa keessa haleellaan Gaazaatti wayita gaggeessaniitti yakki raawwatame kan yakka waraanaa jechuu dandeessisu jechuun gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach (HRW) dubbate.

Qorannoo dhaabbatichi taasiseen haleellaan Israa'el sadii raawwatteefi lammiilee nagaa 62 galaafate jedheen bakkeewwan waraanaa haleellaa raawwatuuf ka'umsa ta'u argatuu hin dandeenye jedheera.

Waraanni Israa'el immoo Gaazaa keessatti yeroo haleellaa raawwatu bakkeewwan waraanaa qofa irratti xiyyeeffatuu hime.

Dabalataan, garichi rokkeetiiwwan 4,300 hidhattonni gara Israa'el dhukaasan akka feeteen lammiilee nagaa irratti kan aggaamamedha jedheera.

Yeroo lola guyyoota 11'f ture Gaazaatti namoonni 260 yoo ajjeefaman, Israa'el keessa immoo namoonni 13 ajjeefamaniiru.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii kanneen Gaazaatti ajjeefaman keessaa 129 lammiilee nagaati jechuun hime.

Israa'el immoo 200 isaanii hidhattoota jechuun ibsiti. Gareen hidhattootaa Hamaas kan gaazaa to'atee jiru loltoonni isaa 80 ajjeefamuu himeera.

Qorannoon Humaan Raayitis Waach haleellaa Israa'el du'a lammiilee nagaaf sababa ta'e jedhe ibseera.

Kunneenis haleellaa Beit Hanoun, buufata baqattoota Shaati, akkasumas Caamsaa 10 Gaazaatti haleellaa raawwateen lammiileen nagaa 44 ajjeefamu hime.

Gabaasichi bakkeewwan sadiitti bakkeewwan waraanaa haleellaaf sababa ta'u hin jiru jechuun ''haleellaan bakkee waraanaa irratti hin xiyyeeffanne seeraan ala,'' jechuun ibse.

Dabalataan, lubbuu lammiilee nagaa baraaruuf of eeggannoon taasifamuu qaba jechuun haleellaa dura akeekkachiisni kennamuu qaba jedhe.

Dubbii himaan waraana Israa'el kanneen lola keessa qooda hin qabne akka hin miidhamne yaalii gochuufi bakkee waraanaa qofa irratti haleellaan akka xiyyeeffate himuun isaanii gabaasicha keessa eerameera.

Hidhattoonni Paalestaayin akkanumaan magaalota Israa'elitti rokkeettii dhukaasaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni Paalestaayin akkafeeteen magaalota Israa'elitti rokkeettii dhukaasaa turan

Yeroo barbaachiseetti, waraanni Israa'el bakkeewwan waraanni jiru lammiileen nagaa yoo jiraatan dursee akeekkachiisa akka kenne ibsa.

Gaafa Kibxataa waraanni Israa'el AFP'dhaan gabaasa keessa eeraman Humaan Raayitis Waach seera idil - addunyaa Hamaasiifi kaanin cabe balaaleffatuurra himannaa dur ture irra deebi'e himu fedhe jedhaniiru.

Waraanni Israa'el Hamaasiifi gareen kaan shororkeessitoota jedhe manneen, masjiida, manneen barnootaafi hospitaala keessaa haleellaa raawwataa turan jedhe.

Gareen mirga namoomaaf falmu hidhattoonni Paalestaayin xiyyeeffannoo malee gara magaalaalee Israa'elitti rokkeettoota dhukaasaa turan jedhe.

Haleellaa Hamaas irratti torban muraasa booda gabaasa akka baasu ibse.

Hamaas deebii kenneen ''loltoota Israa'eliin ajjeechaan jumlaa raawwatuus lammiileen nagaa akka hin ajjeefamne carraaquu,'' hime.