'Israa'eelitti haleellaan sanyummaa irra hedduun kanneen Itoophiyaa dhaqan irratti raawatama' - Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Haleellaa sanyummaa bara darbe Israa'eel keessatti raawwataman keessaa walakkaan kanneen Itoophiyaa irraa dhaqanii fi Araboota irratti kan raawwatame ta'uu qorannoon Mootummaan Israa'eel taasise saaxile.
Ministeerri Haqaa Israa'eel gabaasa baaseen bara 2021 haleellaa sanyummaa 458 galmaa'e keessaa dhibbeentaa 48 kan ta'u warra Itoophiyaarraa dhaqan (Beeta-Israa'eel) fi Araboota irratti ta'uu hime.
Haleellaawwan kunneen loogii kenniinsa tajaajilaa fi qacarrii hojii keessatti uumaman akkasumas haasaawwanifi beeksisawwan jibba sanyummaa mul'isan kan dabalatan ta'u ibse.
Akka Ministeerri Haqaa biyyattii jedhutti lammileen Israa'eel hidda sanyii Itoophiyaa qaban loogiin jibba sanyummaa irra gaha, ni qoollifatamu.
Israa'eel keessatti waggaa waggaan haleellaawwan jibba sanyummaa mul'isan kan raawwataman yoo ta'u, bara 2019 haleellaawwan 497, bara 2020 haleellaawwan 506 akkasumas bara 2021 ammoo 458 galmaa'aniiru.
Haleellaawwan kunneen kan ministeera haqaa biyyattiin galmaa'an malee, guutummaa biyyattiitti haleellaawwan raawwataman kanaa ol ta'uu gabaasaaleen ni mul'isu.
Akka gabaasni ministeerri haqaa Israa'eel baase agarsiisutti haleellaa sanyummaa Beeta Israa'eel ykn kanneen Itoophiyaa irraa dhaqqabu dhibbeentaan 23 kenniinsa tajaajilaa irratti yoo ta'u, 11 ammoo qacarrii hojii irratti.
Dabalataan dhibbeentaan 10 haasaawwan jibba sanyummaa addabaabayiitti dubbataman, dhibbeentaan 9 beeksisawwan jibba sanyummaa mul'isan, dhibbeentaan 7 haasaawwan iddoowwan tajaajilli uummataa itti kennamanitti dubbataman, dhibbeentaan 7 gidiraa poolisiin raawwatamudha.
Dhibbeentaan 4 barnoota jiddugala kan godhate akkasumas dhibbeentaan 3 ammoo yakkoota sanyiin adda baasuun raawwataman ta'uun gabaafameera.
Haleellaa akkamiitu raawwatama?
Ministeerri Haqaa Israa'eel haleellaa sanyummaa warreen Itoophiyaarraa dhaqan akkasumas Araboota irratti raawwataman jedhe keessaa sadi akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
Namni Yuuvaal Makuriyaa jedhamu hidda sanyii Itoophiyaa qabu loogii sababa bifa isaatiin wiirtuu gabaa Viiktitii jedhamu keessatti irra deddeebiin isa mudate bilbila harkaa isaatiin viidiyoo waraabee facebook irratti maxxanse.
Ministeerri Haqaa Israa'eel viidiyoo kana bu'uura godhachuun wiirtuu gabaa kana himate Yuuvaal beenyaa doolaara 23,000 akka argatu taasiseera.
Abbaan warraa fi haati warraa hawaasa Diruuzee Lixa Eshiyaa keessa jiraatan irraa ta'an Israa'eel loltummaan tajaajilaniiru.
Ta'us garuu haleellaa sanyummaa jalaa hin miliqne. Johaanisbargi irraa gara Israa'eel deebi'uuf xiyyaara eeggataa osoo jiranii qaamolee nageenyaan dubbiin jibba sanyummaa mul'isu itti dubbatameera.
Namoota baasiin imalaa turan keessaa Araboota lama adda baasuun poolisiin qabattoo nageenyaa hin hidhanne jechuun adabeera.
Taateen kun erga gabaafameen booda adabbiin isaanii irraa kaafamee poolisiin kana godhe to'annoo jala oolfameera.
Jibba sanyummaa Israa'eelitti
Israa'eel keessatti haleellaan sanyummaa Afrikaanotaa fi Araboota irratti raawwatamu waan haarawa miti.
Amma dura Israa'eelonni Itoophiyaa irraa dhaqan haleellaa sanyummaa irra dhaqqabu mormuun hiriira bahaa turan, poolisii waliinis walitti bu'aa turan.
Poolisiin humna hin barbaachifne fayyadamuu bira darbee yeroo itti kanneen Itoophiyaa irraa dhaqan ajjeesellee tureera.
Beeta Israa'eel jechuun kan of waaman Kaaba Itoophiyaa jiraachaa kan turaniifi hordoftoota amantaa Yihuudii kan ta'an namoonni hedduun yeroo gara garaatti gara Israa'eel godaananiiru.
Yeroo jalqabaaf bara dargii balaliinsa iccitii mootummaan Israa'eel qopheesseen Sudaan irraan garas kan imalan yoo ta'u ergasii, namni Yihuudii ofiin jedhu galmaa'ee mootummaa Israa'eeliin erga mirkanaa'ee booda garas fudhatama.
Kanneen amma dura deeman rakkoon hedduun isaan mudataa jiraatullee ammas deemuuf kan dabaree eeggataa jiran danuudha.
Mootummaa Israa'eel keessa kanneen Itoophiyaa urraa dhaqan ministirummaa dabalatee aangoo gurguddaa qabanis jiru.














