MM haaraan Israa'eel Beeneet biyyattii tokkoomsuuf waadaa galan

Madda suuraa, EPA
Ministirri Mummee haaraan Israa'el Naaftaalii Beeneet biyya mormii filannoowwan siyaasaa dadhabsiisoo afur waggoota lamaan darban keessatti nuffee tokkoomsuuf dhaadatan.
MM kunis motummaan isaa ''fedhii ummata hundaatiif hojjata'' jechuun, riiformiin barnootaa fi fayyaa dhimmota motummaansaanii dursa kennuuf keessaa ta'u himan.
Leellisitoonni raayit wiingi gamtaa paartiiwwan kana dura ta'ee hinbeekneen hogganamuus, kenniinsa sagalee miseensota mana maree Dilbataatiin 60-59n deeggarameera.
Innis MM biyyattii duraa Beenjaamiin Netaaniyaahuun kan waggoota 12 aangoorra turan mo'achuun dhaalan.
Mr Beeneet hogganaan Paartii Yaaminaa haaluuma aangoo qoddachuuf waliigalameetti hanga Fulbaana 2023tti MM biyyattii ta'uun biyya dursu.
Isaan booda ammoo waggoota hafan lama akka biyya bulchaniif, aangoo saa duree Paartii Yeshi Atiid kan ta'an Yaa'ir Laapiidiif dabarsa.
Mr Netaaniyaahuun kan waggoota dheeraf Israa'eel hoogganan ammoo duree Paartii Likuud akka ta'aniitti itti fufuun paartii mormitu ta'u.
Tibba marii Dilbata paarlaamaa Kneeset keessatti Yerusaaleemiitti gaggeeffameetti, Mr Netaaniyaahuun ''deebiinee ni dhufna'' jechuun waadaa galeera.
Miseensoonni mana marichaa erga motummaa gamtaa filataniin booda, Mr Netaaniyaahuun bahe dhaquun Mr Beenet harka fudhe baga gammadde jedheen.
Mr Beenet kan umuriin waggaa 49, haasaa taasiseen, ''Kun guyyaa gaddaa miti. Dimokraasii keessatti jijjiramni motummaa jira. Isatu ta'e,'' jedhan.
''Namni tokko akka hinsodaannee gochuuf kan nuuf danda'amu hundaa ni raawwanna... Warra alkan kana gammachu ibsachuuf yaadaniif ammoo gadda warra kaanii irratti hin shubbisiinaan jedha. Nuti waliif diinaa miti. Nuti ummata tokko.''

Madda suuraa, Reuters
Bakka butoonni Paalaasityaanootaa ammoo motummaa haaraa Israa'eel akka hinfudhannee himan.
''Kun dhimma keessoo Israa'el. Ejjannoon keenya yeroo hunda ifa, nuti kan barbaadnu bulchiinsa Paalestiyaan kan daangaa bara 1967 fi magaalaa guddoo isaa Yeerusaaleem ta'eedha'' jedhee dubbi himaan pirezidaantii Paaleesiyaanootaa Mahaamuud Abbaas.
''Weeraraafi qaama koloonii waan ta'eef mirgawwan keenya deebiifnee argachuuf humaan diduu qabna'' jedhan dubbi himaan kun Hamaas garee Isalaamaa Gaazaa to'atuutti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ammoo ergaa baga gammaddee Mr Beenetiif erganiiru.













