Netaaniyaahuun mootummaa haaraadhaan aangoosaanii dhabuuf

Madda suuraa, EPA
Paarlaamaan Israa'eel hundeeffama motummaa haaraa kan aangoo waggaa 12 Ministira Mummee Beeniyaamiin Netaaniyaahuun xumuru ni raggaasisa jedhamee eegama.
Motummaa haaraa ta'a jedhamee kan eegamuufi gamtaa paartiiwwanii kanaan dura ta'ee hin beekamne jedhame caalmaa teessoo tokkoo qaba.
Haalli kunis tasgabbii dhabiinsa siyaasaa waggoota lamaaf filannoon keessatti mul'ate ni dhaaba jedhameera.
Leellisaa Raayit-Wingi (Right-wing nationalist) Naaftaalii Beeneet haaluma waliigaltee aangoo qoddachuutti Ministira Mummee ta'uuf qophaa'aa jira.
Haaluma waliigaltee gamtaatti Paartii Yaamiinaa kan hoogganan Beeneet hanga Fulbaana 2023tti erga aangoorra turaniin booda, waggoota lamaan hafan ammoo hoggnaa paartii Yesh Atiid kan ta'an Yaayiir Laapiid'f dabarsu jedhameera.
Netaaniyaahuun kan waggoota dheeraadhaa Israa'eel hoogganaa fi aangoo siyaasaa olaantummaan to'ataa ture, ammas Paartii leellistoota Raayit Wiingi kan ta'e Liikud hogganuun paartii mormituu ta'a jedhameera.
Netaaniyaahuun motummaa haaraadhaan ''gamtaa balaafamaafi kan sobaa'' jechuun atattamaan aangoorraa akka buusulleen waadaa galeera.
Inni haalulleen himannaan malaamaltummaa, waliin dhahuufi amantaa cabsuu jedhan itti fufu jedhameera.
Kun maaliif raawwatamee?
Mr Netaaniyaahuun haala riikardii cabseen baroota aangoo shaniif, jalqaba bara 1996-1999tti isaan booda ammoo 1009-2021tti aangoorra turan
Ebla bara 2019tti filannoo gaggeessan illeen motummaa gamtaa hundeessuuf deeggarsa gahaa hinargatiin hafan. Itti aanseen filannoowwan lama gaggeessanis bu'aansaan eegame hinarganne.
Filannoo marsaa sadaffaatiin ammoo Netaaniyaahuun hogganaa paartii mormiituu kan turan Beenii Gaantiiz waliin aangoo qooddachuuf kan itti waliigalan motummaa tokkummaa biyyaaleessaa hundeessan. Ta'us ammoo waliigaltichi mikaa'u waan dhabeef baatii Muddee keessa filannoo afraffaa gaggeessan.
Paartiin Liikuud paalaamaa teessuma 120 qabu keessatti paartii guddaa ta'e dhufuulleen, Netaaniyaahuun ammas motummaa gamtaa hundeessuu waan hindandeenyeefu ittigaafatamummaa isaa paartii lammaffaa ta'uun xumuree Laatiidiitti dabarfame.
Netaaniyaahuun aangoorra akka hinturree kan morman paartiilee deegartoota Leef fi Jiddugalaa qofa osoo hintaane paartiin akka Yaamiinaa kan eejjannoon paartii Liikuud waliin walfakkaataa qabanilleen n mormu ture.
Yaamiinaa teessuuma torba qofa argachuun filannoon shanaffaa ta'ulleen motummaan gamtaa akka hundeeffamuuf barbaadamuuf sagalee caalmaa akka argatu yoo barbaadane garuu deeggarsisaa murteessaadha.
Marii torbanootaan booda Laapiid Yaamiinaan deeggarsa argateera. Kaayyoon saanii waloos Netaaniyaahuun aangoorraa buusuu qofaadha jedhameera.
Teessoowwan sagalee caalmaatiif barbaachisan 61 argachuuf waliigalteen paartilee saddeeti hammate Waxabajjii 2, 2021 mallaatteeffame. Sirni mallattoo kunis osoo sa'aatiin kaa'amee hinxumuraniin sa'aatii walakkaan dura kan qaqabe waan ta'eef innis kan carraa Netaaniyaahuun murteessuudha jedhameera.

Madda suuraa, Getty Images
Motummaa haaraan maal fakkaataa?
Motummaan Beeneet seenaa Israa'eel 73 keessatti kan motummoota darbaniin adda ta'a.
Gamtichi paartiilee ejjannoo siyaasaa bal'aa ta'e qaban kan hammate yoo ta'u, Paartii Arabaa Raa'am walabaa kan jalqabaa ta'ees hammateera.
Kana malees lakkoofsa olaanaa kan ta'e ministiroota dubartootaa saddeet qabachuusaatti kan addaa ni ta'a jedhamee eegama.
Gamtichi paartiilee akka Ra'aam fi Paartii Leef WiingIsraa'eloota Araba hintaane hammachunsaas imaammata Israa'eel Filisixeemoota irratti hordoftu irratti waldhabdee kaasuu mala jedhamuun sodaatameera.













