Benjaamiin Netaaniyaahuun mootummaan waliinii Israa'el haaraa hundaa'e akka ittifamu gaafatan

Beenjaamiin Netaaniyaahuu mootummaan waliinii Israa'eliif waan hamaadha jedhan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Beenjaamiin Netaaniyaahuu mootummaan waliinii Israa'eliif waan hamaadha jedhan

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu mootummaa qindoominaa haaraa uumame mormuun qindoominni kun akka ittifamu gaafataniiru.

Paartileen morkattootaa walitti qindaa'uun mootummaa waliinii uummatan kunneen kaayyoon walitti isaan fide inni ijoon, waggoota 12'f aangoo qabatanii kan jiran Aab Netaaniyaahuu aangoorraa buusuuf ture.

Beenjaamiin Netaaniyaahuun, ''mootummaan waliin haaraa hundeeffame akka aangoo hin qabanne ugguraa!'' jechuun miseensota paarlaamaa gara isaanii jiranitti dhaaman.

Paartileen saddeet sagalee filannoorratti argatan walitti qindeeffachuun mootummaa waliinii uumuuf waliigalteerra kan ga'an Roobii darbe ture.

Gareen kun mootummaa waliinii uummachuuf waliigalus, aangoo qabatee hojii eegaluuf garuu paarlaamaa biyyattiitti dhiyaatee sagalee kana gochuuf isa dandeessisu argachuu qaba.

Filannoo paarlaamaa kanaaf guyyaan qabame hanga yoonaatti hin beekamne, paartileen garuu qindoomina uumaniiru.

Paartileen siyaasaa qindaa'uun mootummaa waliinii uummatan kunneen wayita isaan adeemsarra jiran, Aab Netaaniyaahuun akkaan qeeqaa turan.

Mootummaan qindaa'aan egeree Israa'el kan balaarra buusuudha jechaa turan.

Mootummaa waliinii kana keessatti adda durummaan socho'aa kan jiran dursaan paartii Yaash Atiid Yeer Lapiid fi dursaan paartii Yamiinaa Naaftaalii Beeneetti.

Mootummaan waliinii kun paarlaamarraa sagalee deggersaa argatee yoo mootummaa hundeesse, akkaataa waliigaltee jiruun jalqaba Naftaalii Beeneet Ministira Muummee ta'u, waggaa lama booda ammoo Leer Lapiidiif aangoo dabarsu.

Dursaa paartii Yamiinaa Naftaalii Beeneet(bitaa) fi dursaa paartii Yaash Atiid Yeer Lapiid(mirga)

Madda suuraa, Yesh Atid handout

Ibsa waa'ee suuraa, Dursaa paartii Yamiinaa Naftaalii Beeneet(bitaa) fi dursaa paartii Yaash Atiid Yeer Lapiid(mirga)