'Ergan Jeewushoota Itoophiyaa argeen booda gurraattiifi Jewish ta'uu kootti nan boone'

Naadine Baachelor-Hant erga gurraachummaan ishee lammummaa ishee jewish irratti gaaffii kaaseen waggoottan booda Jewishoota Itoophiyaa kan lakkoofsaan muraasa ta'aniin wal arguuf gara Israa'elitti imalte. Isaanifis gurraachummaafi Jewish ta'uun baramaadha.

UK keessatti Jewish gurraacha ta'un ni dhagahama. Garuu Jewishoonni Biritish irra caalli adiidha. Garuu namni akka kiyyaa wayita bakka Jewishoonni jiran dhaqu adda baafama.
Warra gurraachaa si waliin jiraniitti Jewish ta'uu kee yoo himtus kaan waan akkasii jiraachuuyyuu hin hubatan.
Kanaafuu miira akka waan dagatamtee ykn gurraacha taatee Jewish ta'uun hin hayyamamneetu sitti dhagahama.
Ani lammii Jamaayikaa garuu Inglizii irraayi. Gama abbaa kiyya Jamaayikaa ta'eetiin sanyii Jewishiin qaban. Dhalootaan Jewish ta'uu baadhulleen amanticha nan filadhe.
Maatii amantaa hin qabne keessattan Birminghaamiitti guddadhe. Yeroo Yunvarsitii Kaambiriijii seenee Jewishoota arguuf gara dhaloota koo duriitti barbaacha taasisuu eegale.
Gara Jewishitti waanan geeddarameef isumaan jiraachuuf eegaleera.
Ta'us rakkooleen eenyummaan wal qabatanii ka'an, sanyummaa, qoollifatamuu fi jibbi ni jiraata. Garuu ani daandii filadheef miira boonsaa olaanaatu natti dhagahama.
Bakkeen hin baratamne ani hawaasa keessatti qabaachaa ture barachuuf fedhiin qabus sochii 'Black Lives Matter' jedhuu fi kan jibba sanyii irratti mariin hawaasa Jewish Biritish keessatti dabalatee akka cimu taasiseen jajjabaate.
Kunis imala gara lafa Jewush jalqabaafi bakka jireenyaa hawaasaa ish gurraachoota hawaasa Itoophiyaarraa dhufan itti argamanii Israa'eel akkan taasisuuf ka'umsa naaf ta'e.
Gurraachummaa fi Jewish ta'uun attamiin akka waliin adeemu akka na hubachiisan abdadheen ka'e.

Jewishoonni Itoophiyaa Israa'eel eenyuusaan?
- Hawaasni Jewush Itoophiyaa Israa'eel, Beeta Israa'eel jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, amantaa isa durii fi adda ta'e kan Judizimii irraa hordofu.
- Opareshinii waraanaa waliitti fufaa bara 1980 fi 1990 keessa gaggeeffameen Jewushoonni Itoophiyaa kuma 28 ol gara Israa'eeliitti geeffaman
- Baqattoonni kumaataminis kaampii Sudaan gahuuf torbanoota hedduuf imalanii turan- kanneen 1,500 ta'an imalarra osoo jiranu du'an
- Erga bara 2015 asi maatiiwwan kanneen duraan Israa'eel galanii 4,500 ta'an erga Itoophiyaa keessatti bakka turmaata keessa waggootaaf turaniin booda gara Israa'eel geeffaman

Opareshiniiwwan dhoksaatiin bara 1980mota keessa osoo hin fudhatamiin dura, Jewushoonni Itoophiyaa hundinuu gurraacha jedhanii amanu turan.
"Namoonni omaa kan hin beekneefi waan hunda dagachuu irratti kan jalqabaati,'' jetti Pininaa Aganyahu kan wayita waggaa sadii jirtu Israa'eel galte yoo natti himteetti.
''Yerusaalam lafa qulqulluu, lafa dammaa, aannaniif warqee, bakka hunduu Jewushii ta'anii fi hundu Jewush gurraacha ta'an qaqabuudhaaf waan sammuu kee keessaa qabdu jira ture.''

Jewushoota Itoophiyaatiif jalqabarratti hawaasa gurraacha hin taane keessa jireenya eegaluuf aadaa rakkiisaa ture. Akkuma warra Israa'eel kan isaan hin eegneetti dhagahamu ture.
Hawaasichi ummata gurraacha keessatti Jewishii lakkoofsaan xiqqaa kaasee hanga Jewish gurraacha lakkoofsaan gadaanaa biyya Jewush keessaa ta'utti jijjirama olaanaa keessa darbe.
Jewushoota Itoophiyaa gara 155,000 ta'aniitu har'a Israa'eel keessa jiraata. Kunis baayyina ummata biyyattii keessaa %2 gadi.
''Lakkoofsaan gadaanaa ta'u kee wayita hubattu baayyee cimaadha,'' jetti Pininaa. ''Hiriyyoota fiwaaheloota kiyyaan yeroo hunda 'dhugaatti gadaantummaa tokkorraa kan gara biraatti ce'uun maal akka fakkaatu hubachuu hin dandeessan'' jedhaan.''

Ani gaaffiiwwan dhuunfaa fi amantaa gadi fagoon qaba ture. Waa'ee isaa dokimantarii raadiyoo hojjachuun ammoo miira wal faalleessan muraasaa natti kakaase.
Gama tokkoon waanan amantaafi aadaan ani hordoofu kan dhalattoonni Jewushoota Awuroppaa Liixaa irraa dhufee ta'unsaa hanga tokko kan naannoo kiyyaatiin adda.
Jewushota gurraachotan ani waliin socho'aa jiru kanneen addunyaa kaan irraa amanta Judaa'izimiitiin guuddatan irraa kunneen baayyee addadha.
Fakkeenyaaf qophiin Sigdatii kan ani isaan waliin Jeerusaalamiitti kabajuu, addatti ayyaana Jewushoota Itoophiyaa fi anatti kan toleedha, jecha isaan kadhannaaf itti fayyadaman dabalate. Ani Hebruunan kadhadha garuu Jewushoonni Itoophiyaa ammoo Giiziin afaan Itoophiyaa duriitiin kadhatu.

Madda suuraa, Getty Images
Jewushoonni Itoophiyaa ayyaanni kun Jewushoota kaaniin ni hammatama jedhamee abdatamulleen, garuu ammalleen hawaasa Jewuushii kaaniifi isaa jidduu garaa garummaa guddaatuu jiru.
Haata'u malee, wal fakkeenyi akka jiru dhagaheera. Israa'eeliitti gurraacha ta'uun, akkuma UK keessaa, loogii, haalaan qabamu dhabuu fi poolisoonni gara jabinaan si miidhuu danda'a jechuudha.
Jewushoonni Itoophiyaa jireenyasaanii gama maraanuu gaarii ta'anilleen lakkoofsaan xiqqaa ta'usaaniitti baayyee miidhaman.
Bara 2019 keessaa erga dargaggeesse hidhannoo malee lammii Itoophiyaa Salamoon Takkaa jedhamu poolisii dabareen alaatiin ajjeeffameen booda hokkoorrii mormii biyyattii guutuutti ka'ee ture. Qondaallii poolisii sun amma himannaa ajjeechaa irratti banameera.
Namoota mana kireessaniif irraa miidhaan irra gahaa ture akkasumas motummaan dhiiga lammiilee Itoophiyaanoota Israa'eeliin arjoomamee dhooksaan gataafaa ture.
''Akkan yaadutti yeroo sanadha kan hawaasni Itoophiyaa akka hawaasni Israa'eel haala wal qixa ta'een akka nu hin ilaalle kan hubatan,'' jetti oggeettiin seeraa fi roogeettiin Jewushii Itoophiyaa Roonii Maalkaayi wayita natti himteetti.
''Israa'eel keessa jiraachu waan barbaadnuuf qabsaa'aa jirra. Eenyumtuu addatti akka nu ilaaluu hin barbaadnu,'' jetti.

Daani Limoor, Ajajaa Mosaad Duraa fi opareshiinii dhoksaa jalqabaa Jewushoota Itoophiyaa hedduun ittiin gara Israa'eeliitti fidaman dursaa turetu, garaa garummaa Jewushoota adiifi gurraachoota jidduu jiruu xiqqeessuuf duula gaggeessaa ture.
Ani mana saatti irribaata Sanbataatiif isaafi haadha warraasaa argeen ture. Yeroo sanattis Oraa Yochaanaan dubartii Jewuush gurraatti saba garee Igboo kan Naayijeeriyaa keessaa irraa taa'ees argeen ture.
''Waliin hobsitoota ta'uuf caalaa barachuu qabna,'' jedhan Daaniin. ''Seenaan Jewuush kutaalee ummata isaa ilaalchisee- saboota, kanneen ajjeechaa, dhoohi'nsaa fi dirqiidhaan geeddaramu irraa hafuun jaarraawwan booda deebisanii aadaa, barmaatileef, afaaniitiin mulachuufi yeroo tokko tokkos haala ejjeennaa qaamaasaanii yeroo biyya biraa jiran qaban, ilaalchiisee himteewwan hedduutuu jira.
''Eenyummaan Jewuush kan alaan mul'atu, afaan ykn kan nyaata nuti soorannu qofaan ibsamuu osoo hintaane, kan amantaafi dudhaalee walootiin ibsamudha malee.''
Gurraacha ta'un Jewushii gadaanaa si taasisuu baatulleen, muuxannoon turtii naannawa hawaasa Jewushi gurraachootaa kiyya garuu dhugaadhuma sana naaf mirkaneesseera. Seenaan Jewuush qaama seenaa gurraachaa fi seenaan gurraachaas qaama seenaa Jewuushiiti.
Ronii Maalkaayi haalan ani kanaan dura hin yaadneetti gurraacha ta'uufi Jewushii ta'uu haala addaa ta'u ibsiti.
''Yeroo hunda haalluun kiyya dhimma X (X factor) kiyya jedheen aman. Kanaafu namoonni yeroo hunda akka addaatti kan ittiin na ilaalaniif'' jetti. ''Garuu ammoo wayita gara kutaa namoonni 20 kan ati qofti adda taateetti wayita ol seentu waa'ee isaa yaadi. Yeroos haallu kee yaaduun ittiin boonuu dandeessa.''
Odeessaalee dabalataa:
Naadine Baacheloor-Hant gaazexessituu, qopheessituu raadiyoo fi gabaaftuu dhimma siyaasaa Oduu Yahoo News UK'tti
Suuraawwan hundi kan Naadine Baacheloor-Hant fi Kaandaake Wiilsaniiti


















