Israa'eel Jewiishota Itoophiyaa 2000 ta'aniif karra bante

Madda suuraa, Getty Images
Israa'el Jewiishota Itoophiyaa 2000 ta'an gara biyya ishee akka seenan hayyamte.
Namootni kunneen namoota 8000 ta'an waggoota dheeraaf gara biyyattii galuuf kaampii godaantotaa keessatti eegaa turanidha.
Namoonni kunneen Falaashaa jedhamuun kan beekaman yoo ta'u, lammummaa Israa'eel Jewishoti hedduun kallattiin argatan irratti falmiin isaan mudataa ture.
Eeenyummaan isaanii tokko tokkoon erga mirkanaa'ee booda ture gara Israa'eel akka seenan kan hayyamamuuf.
Bara 1980moota keessa kumootaan kan lakkaa'aman oppireeshinii dhoksaan Itoophiyaa irraa gara Israa'eel geeffamaniiru.
Hedduun isaanii Gondar fi Finfinnee keessa, kaampii godaantotaa keessa jiru.
Hawaasni Falaashaa miseensota Beeta-Israa'eel kanneen xumura bara 1800 keessa mishinaroota Awurooppaatiin amantaa Kiristaanaa fudhatanidha.
Mootummaan Israa'eel Jewishota ta'uu isaanii beekamtii guutuu hin kennuuf.
Gara Israa'el seenuu qabuu fi hin qabaniin Jewishota Itoophiyaa wayita ammaa Israa'eel jiran biratti osoo hin hafiin dubbii falmisiisaadha.
Gariin isaanii Israa'eel akka seenan hayyamamuufi qaba yoo jedhan, gariin ammoo Jewishota miti lammileedhuma Itoophiyaati jechuun hayyamamuufi akka hin qabne falmu.
Dhiyeenya ministira Godaansaa ta'uun kan muudamte dhalattuun Itoophiyaa Piniinaa Tamaanoo-Shaataa, murtee kaabinee biyyattii kanatti gammaduu ishee tiwiitarii irratti barreessite.
"Baay'een gammade" jette.
Miseensota Falaashaa Israa'eel ala jiran mara gara Israa'eel seensisuuf waadaa galtee turte.
Jewishotni Itoophiyaa bara 1980moota irraa eegalanii gara Israa'eel seenuu kan eegalan ta'us, achitti rakkoon adda addaa isaanirra gaha.
Hoji-dhabdummaa, hiyyummaa fi loogiin isaanirra gahaa ture baroota darban fooyya'iinsa agarsiisus guutummaatti hin furamne.
















