Waliigaltee UAE fi Israa’eel kaan mufachiisee kaan gammachiise

Madda suuraa, EPA
Israa’eel fi UAE’n waliigalteerra ga’uusaaniitiin qaamolee garagaraa irraa deeggarsaafi mormii keessummeessaa jira.
Gorsaan olaanaa Tiraampi Jaareed Kushinar, UAE fi Israa’eel jaarsummaa Ameerikaatiin waliigalteerra ga’uun isaanii Giddu-gala Bahaatti jijjiirama guddaafi naannichatti nagaa kan fidudha jedhani, turtii CBS waliin taasisaniin.
Waliigalteen kun waligaltee biyyoota Arabaafi Israa’eel gidduutti taasifame isa 3ffaa yoo ta’u, UAE yeroo jalqabaaf hammate.
Hawaasni addunyaa gariin waliigaltee kana yoo jaju, palastaayin, Iraan fi Turki garuu dubbii hamaadha jechuun mormaniiru.
Waliigalteen torbee sadii keessatti mallattaa’a jedhamee eegamu kun, hariiroo biyyoota kunneeni cimsa kan jedhame yoo ta’u, biyyoonni kunneen embaasiiwwan isaanii ni banatu jedhamee eegama.
Irra deddeebiin walitti bu’aa turuu
Israa’eel 1948’tti biyya ta’uun erga hundooftee as, UAE dabalatee biyyoota giddu-gala Bahaa fi Afriikaa Kaabaa waliin wal-gaarreffachaa turte. Haalli kunis Masriifi Yoordaanoos waliin erga waliigalteen mallattaa’ee booda tasgabbaa’aa dhufe.
UAE fi Isaraa’eel naannichaaf yaaddoo nageenyaati jedhanii kan amanan Iraani.
Tiraampi aangootti erga dhufanii as, gorsaan isaanii Jaareed Kushinar UAE fi Israa’eeliin araarsuuf yaalii gochaa turani.
“Waliigalteen kun tarkaanfii guddaadha, naannichatti nageenya waan buusuuf lakkoofsa loltoota Ameerikaa achi jiranii xiqqeessa. Tiraampiif injifannoo guddaadha. Naannichaaf abdii guddaadha’’ jedhani Kushinar.
Waliigalteen kun Filisxeemiif maalidha?
Akka waliigaltee kanaatti, Israa’eel fi UAE gidduutti hariiroon diippiloomaasii ni eegalama.
Naannoon Weesti Baanki Israa’eeliin weeraramee jiru karoora biyyattiin naannicha daangaa ofii keessa galchuuf qabdu yeroodhaaf kan dhaabsisu ta’a. Kun ammoo Israa’eeliifi Filisxeem gidduu rakkoo cimaa ta’ee kan turedha.
Naannichatti waliigaltee kanarratti maaltu jedhame?
MM Israa’eel Netaaniyaahuun, waliigaltee kana mallatteessuun keenya ‘‘carra qabeessummaadha’’ jechuun, ‘‘walitti dhufeenya gaarii akka qabaannus nan abdadha’’ jedhani.
‘‘Ministirri Haajaa Alaa UAE Anuwaar Gaargash gama isaaniitiin, karoora Israa’eel Weesti Baankiin dhuunfachuuf qabdu kan dhaabudha’’ jedhaniiru.
Baahireeniifi Oomaanis deeggarsa isaanii yoo ibsan, Saawudiin ammallee omaa hin jenne. Ilmi Mootii Mohaammad biin Saalmaan, Israa’eeliif Filisxeem araara akka buusan gaafachaa turani.
Lammiileen Filisxeem garuu waliigaltee kana mormaa jiru. ‘‘Gantummaadha’’ jechuun. ‘‘UAE’n waliigaltee salphinaa kana keessaa dafanii ba’uu qabu’’ kan jedhan dubbi himaa pirezidantii Filisxeem Muhaammuud Abbaas kan ta’an Nabiil Abu Ruudiinyaa dha.
Ministirri Haajaa Alaa Iraan gama isaaniitiin, ‘‘kuni Filisxeemiin ganuudha’’ jedhani.
Turki gamashiitiin Filisxeemirra goruun, ‘‘Yaa UAE, seenaan sindhiisu’’ jechuun, walitti dhufeenya diippiloomaasii waliin qaban addaan kutuu akka dandeessu himtee jirti.














