Juwiishootni Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman Israa'el galan

Madda suuraa, Israel GPO
Juwiishoti Itoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman Israa’el galan, kumaatamaan kan lakkaa’aman imaluuf eeggachaa jiru.
Tarkaanfiin kun Israa’el biyyatti akka isaan deebistu erga himteen booda kan taasifame dha. Kana duras hawaasa kana fudhachuuf waadaa galtus milkeessuu hin dandeenye ture.
Godaantonni Juwiishii Itoophiyaa waggoota kurna dura dhoksaan ture Israa’el kan galaa turan.
Haa tahu malee gaaffii ulaagaa isaaniin achi qubachiisuuf barbaachisuun adeemsichi boodatti harkifachaa tureera.
Tibba Mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay jiran waliin lolarra jiru kanatti dhimmi kun hawaasa Jewiishotaa Kibba Gondaritti tamsa’anii jiraniif yaaddoo uume.
Ministirri Mummee biyyattii Benjaamiin Netaanyaahuu, morkataan isaanii Beenii Gaantaz namoota 316 buufata xiyyaaraa Been Guuriyoon gahan simataniiru.
Netaanyaahuun ibsa kennaniin, ''godaantota, obbolooti keenya Juwiish Itoophiyaa yeroo xiyyaararraa bu’anii lafa Israa’el dhungatan aniifi haati manaa koo Saaraan imimmaaniinidha iddoo simannaa dhaabachaa turre,’’ jedhan.
‘’Abjuu kana dhugoomsuuf baayyee eegne, har’aa dhugaa tahaa jira’’jedhan.
Ministirri Godaantotaa Niinaa Tamaanoo Shaataa- godaantonni bara 1984 dhoksaan Israa’el galan haala dhufaatii godaantotaa ammaa hubachuuf Itoophiyaa deemaniiru jette.
Hawaasni Falaashaa Muuraa jedhamuun beekaman, sanyii warra Jiwiish amantii isaanii Kiristiyaanummaatti geeddarani dha.
Amanticha jaarraa 19ffaa keessatti haa jijjiiraniyyuu malee ammallee sanyiin isaanii Juwiishota jedhamuun beekamu jiruufi jireenya isaanii akkuma waara Juwiishotaatti gaggeessu.
Haa tahu malee, akka hawaasa Juwiish Itoophiyaa Beeta Israa’el jedhamanii kana dura Israa’el galanii, warri Falaashaa Muuraa akka seera Juwiishotaatti sanyii isaaniirratti shakkiin gatii jiruuf lammii tahuuf ulaagaa guutuuf yeroo isaan fudhata.
Hanga mootummaan Isaraa’el bara 2015tti hawaasa guutuu hanga 2020tti biyyatti deebisuuf waadaa seenutti waggootaaf dubbiin lafarra harkifachaa ture.
Namooti Falaashaa tahan 16,600 gara Israa’elitti imaluuf haa galmaa’aniyyuu malee hanga ammaatti namoota 2000 qofatu ulaagaa guutuun biyyattii gale. Mootummaan waadaa eeguu dhabuuf dhimma kanarratti warreen duula gaggeessaniin komatameera.
Namooti 100 tahan Jimaata dhufu garas dhaqqabu jedhamee eegama. Mootummaan hanga dhuma baatii Amajji, 2021tti yoo xiqqaate namooti 1700 tahan ni dhufu jedheera.
Jiwiishoti Itoophiyaa yeroo jalqabaaf gara Israa’el kan dhoksaan geeffaman kaampii baqataa Sudaan irraati. Dhaabbata Basaasaa Israa’eltu ajaja ministira mummee yeroosiin biyyattii isaan gahuu danda’e.
Geejibni dhoksaa hawaasa kanaa yeroo dhumaaf bara 1991tti ture kan raawwate.
Juwiishota Itoophiyaa Israa’el keessatti madaqsuun dhimma rakkisaa tahee ture dha. Sababiinsaa hawaasni kun hojii dhabdummaa, hiyyummaa fi loogii achitti irra gahuun rakkatu ture. Dhihoo kanaa as garuu haalli isaanii foyyaa’aa dhufeera.















