Waliigalteen Sudaaniifi Israa'el maaliif baqattootatti sodaa uumee?

A damaged building seen near a submerged area after flash floods hit Merove town of Khartoum, Sudan on 13 September 2020

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Manneen hedduun qarqara laga Abbayyaa bara hunda lolaan diigamu

Xalayaa gaazexeessitoota Afriikaatiiin barraa'an keessaa, kan Zayinab Mohaammad Saalih, walitti dhufeenya haaraa Sudaaniifi Israa'el jidduufi maaliif gama deeggartoota Israa'el irraa akka miira wal makaa umee ilaallata.

Short presentational grey line

Magaalaa guddoon Sudaan, Kaartuum magaalaa gama sarara sanyiitiin kan qoollifatteedha. Naannoo ishee namoota waraan Daarfu baqatan kanneen tulluuwwan Nubaa fi hawaasawwan loogeffaman kan biraatu jiraata.

Jidduu galli magaalatti garuu irra caalaa bakka jireenyaa warra barataniifi kanneen afaan arabaa dubbataniiti.

Akkasumas magaalattii addunyaa Arabootaa birratti erga bara 1967tti yaa'ii Liigii Arabaa keessumeessiteen booda jechoota ''Hinjiruu Sadii'' (Three Nos)n beekamti.

Innis diddaa walitti dhufeenya Israa'ee kan: ''Nageenyi hinjiru, beekamtiin hinjiru, mariin hinjiruu'' jedhuun ibsaman ture.

Haata'u malee kanneen qarqara magaalattii jiraatan akka mirkaneessanitti, adeemsi sunis lammiilee Sudaan hundaan kan deegarame hinturre.

Hawaasni kunis mannisaanii dhoqqeen ijaarame wayita roobni eegalu baruma baraan jalaa diigama.

Baroota dhihoo keessa muraasni isaanii sibilaafi simintootti fayyadamuun ijaaramuu eegalaniiru, galanni maallaqa firoota imala sukkanneessaa taasisuun gammoojjii Sina'i keessa qaxxaamuranii Israa'eel keessatti kolugaltummaa gaafataniif haa ta'uti.

Hedduuni isaanis wayita imalicha yaalaniitti lubbuusaanii dhabaniiru.

Haata'u malee koolugaltummaan yeroo jara sanaaf Israa'eeliin kenname sunis tarii walitti dhufaanya jaarsummaa Doonaald Tiraampiin taasifame kanaan miidhamu mala.

Akka biyyoota Arabaatti walitti dhufeenyi Israa'el waliin kan eegalamu erga wal dhabdeen Paalestaayinoota waliin jiruu hiikameen booda kan jedhu ture.

Zeinab Mohammed Salih
Zeinab Mohammed Salih
Some returnees reported being tortured at the hands of Sudanese state intelligence agents"
Zeinab Mohammed Salih
Sudanese jouranlist
1px transparent line

Erga walitti dhufeenyi labsameen boodas Ministirri Tikaa Israa'el Elii Kooheen kolgaltoonni Suudaan gara biyyasaanii akka deebiifaman yaada kaasanii turan.

Haata'u malee baayyeen isaanii kan baqatan Sudaan keessa bakka ammalleen itti waldhabdeen jirurraayi.

Akka Motummoota Gamtoomaniitti, baqattoota lammii Sudaan 6,000 oliitu Israa'el keessatti argama. Kanneen keessaayis caalmaansaanii sadarkaan baqatummaa seeraa kan hinkennamneefiidha.

2px presentational grey line

Akkasumas waggoota muraasa darban keessa, kumaatamni akka kaampii keessa jiraachu ykn biyya sadaffaa kan akka Ruwaandaafi Yugaandaa akka filatan taasifamaniin booda biyyaa baafamaniiru.

Namni bara 2014tti gara Sudaan deebii'uuf filatee tokkos, sababii kanneen deebi'anii to'annoo jala waan olfamaniifi paasportiin isaanii waggaa shaniif waan haqamuufu murtee isaatti gaabbuu hima.

Some 150 refugees stand in line as they are sent back to Sudan on 13 December 2010 from the Ben Gurion Airport near Tel Aviv

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'e garuu lammiilee Sudaan fedheesaaniin deebii'an jetti

Obbooleesi isaa qixusuun ammalleen Israa'elitti argamuufi akkuma hojii argateetti maallaqaan maatii isaa gargaaru, gara biyyaa deebii'uuf hinyaadu.

Namoonni gara biyyaa deebii'an muraasnis ergamtoota tikaa Sudaaniin dararamuuti gabaafame.

'Ijoolleen kiyyaa Afaan Hebruu qofa dubbatu'

Azraa el-Nuur, kan magaalaa Israa'el Adraad jiraattu gara Sudaaniitti deebiifamuu dide. Isheenis lola Garreen Nubaa keessa ture baqachuun maatii ishee waliin umurii waggaa torbaatti kan biyyaa baqatan.

Isheenis Masrii deemuun achitti erga waggaa torba dabarsite jirti.

Azra el-Nour
Azra el-Nour
My two daughters know nothing about Sudan, even I don't know much about my country, I left it very young"
Azra el-Nour
Sudanese migrant in Israel
1px transparent line

"Achiin abbaan kiyya gara Israa'el akka deemnuuf murteessan. Achi gahuufis waan hedduu keessa dabarree'' jechuun natti himte.

Isheenis amma waggaa 27 haadha ijoollee lamaa kan afaan Hebruu qofa dubataniiti. Tokkoon isaaniiyyu garuu sadarkaan kolugaltummaa seeraa hinkennamneef.

Isheenis yoo sababaii kamiinu gara Sudaaniitti deebii'uuf dirqaman, biyya keessa jiraachuuf loogiin akka irra gahu soddaatti.

''Ijoolleen kiyya lamaanu waa'ee Sudaan omaa hinbeekan. Isaan dhiisii ani mataan koo waa'ee biyya kiyyaa omaa hinbeeku. Wayitan baayyee ijoollee turen biyyaa bahe sababii ta'eef. Dhugaatti yoo asii baafamne attamiin akka jiraadhu hinbeeku.''

Israa'el keessatti simatamu dhabuu

Nama waggaa 31 kan ta'e Baashir Baabikir gara Daarfuuriitti deebii'u akka sodaatu hima. Mandarri maatiin isaa kan dhihenya Kotum itti argamu erga haleelammeen booda isaanis hanga ammaatti kaampii keessa jiraatu.

''Mandara kiyya keessatti sibrti illeen hinhafne. Hunda keenyatu baqate. Baayyenis kaampii Kaasaab keessa jiraatu. Kanneen caromanii Kaartum keessaa fira qaba ammoo achi jiraatu.''

Inni faddaloota nama dadabarsaniif kanfaluun karaa Masriin gara Israa'el gale. Walitti dhufeenyi Israa'eliifi Sudaan waan fooyya'eef gara biyyaa na deebisuu laata jechuun yaadda'aa jira.

Kunis hiriira mormii Kaartum keessa guyyaa torban darbe salaataan booda gaggeefameen mul'ateera.

Waliigaltichi gamtaa sivilootaa Janaraaloota Sudaan bulchan waliin aangoo qooddatan muraasa biraatti mataasaa wal falmisiisaadha.

Women in Darfur

Yotaam Gidroon, qorataa walitti dhufeenya Israa'eeliifi Afriikaa yoo ta'an, Israa'eel yeroo dheeraaf riphee loltoota kibbaa dabalate mormitoota motummaa deegaaraa turte jedhu.

Walitti walitti bu'iinsi Daarfuure cimeettis sochiileen riphee loltootaa Yarusaalamiitti waajjira bakka bu'aa saaqqatanii ture.

Garuu ammoo, Sudaanoonni hinsimatamefi haalli Israa'ee keessaa baayyee wal xaxaadha. Murteen gara biyyaa deebii'uun kamuu feedhii irratti kan hundaa'eedha jetti Israa'eel. Dhugaan jiru garuu baqattoonni akka bahaniif dhiibbaa hedduutu taasifamaa jira.

Fakkeenyaaf, bara 2017tti seerri hanga isaan Israa'el bahaniitti minideessitoonni %20 midnaasaanii akak qabatan gaafatu darbee ture. Seera kanas Manni Murtii Olaanaa faallaa heeraati jedhee ture Ebla darbe.

''Yoo Daarfuuriitti deebiifamne, ni duuna ta'a. Israa'ee ammalleen namoota hedduuf diina. Nuti ammoo asitti haala baaayyee cimaa keessa jiraataa jirra,'' jedhan Mr Baabikir.

Presentational grey line

Yaadachisa jechaa: BBCn jecha baqattoota jedhu kan fayyadame namoota namoota ganaa adeemsa seera kolugaltummaa hinxumuriin hundaaf. Kunis gareewwan namoota wal waraansa baqatan, kanneen sadarkaan kolugaltummaa argatuuf jiran akkasumas kanneen hojiifi jireenya gaarii barbaadanfi kan motummaan baqattootaa dinagdee jedhuun hunda kan hammatuudha.

Presentational grey line
A composite image showing the BBC Africa logo and a man reading on his smartphone.

Correction 23 December 2020: This story has been amended to include the High Court ruling in April that struck down the law allowing the Israeli state to collect 20% of migrant employees' salaries.