'Sirni Israa'eel Paalestaayinootarratti raawwattu Appaartaayiidiidha'- Aministii

Dubartii Paalistaayiin humnoota Israa'eeliin Weesti Baankitti qabamte

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbatni mirga dhala namaaf falmu Amanistii Intarnaashinaal, Israa'eel imaammata cunqursaa sirna appaartaayidii Paalistaayinoota dachee ishee keessaa jiran irratti raawwachaa jirti jedhe.

Israa'el garuu ''himannaa sobaati'' jechuun balaaleffatte.

Dhaabbatichi ibsa baaseen seeronni, imaammatootniifi gochaaleen Israa'eel paalistaayinoota dachee ishee keessaafi lafa humnaan qabatte keessa jiraatan irratti hordoftu Appaartaayidiin qixxeedha jedhe.

Appaartaayidiin, sirni cunqursaa saba adda foyuun raawwatamu kan Afrikaa Kibbaatti bara Kolonii keessa sirna cunqursaa hamaa ta'ee beekamu, seera idila addunyaa jalatti yakka namoomaa jedhamee farrajamedha.

Gabaasni Aministii kun Israa'eel ''bulchiinsa cunqursaa hundee dhaabbatummaa qabuufi Paalistaayinoota hacuucu fayidaa jeewishoota Israa'eel eeguuf hojiirra oolchaa jirti'' jedha.

Israa'eel gabaasa kanaaf deebii kenniteen ''himannaawwan kijibaa hunda gadi-jabeesseen fudhatama dhabsiisa'' jette.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Israa'eel Aministiin ''Soba, yaada wal-hinqabanneefi dhaabbilee jibba Israa'eel qabanirraa yaada madduun himannaa bu'uura hin qabne'' naannessaa jechuun deebisanii jaarmiyicha himatan.

Ministeerri Haajaa Alaa Israa'eel ibsa Aministiif deebii laachuuf ibsa baaseen gabaasichi mirga Israa'eel akka biyya warra Jeewiish taatee jiraachuuf qabduuf beekamtii kan dhorkeefi jibba amantaa fi saba Jewish(anti-semetism) irratti boba'aa kan firfirsuu jedheera.

Faallaa kanaan Ministeerri Haajaa Alaa Paalistaayin ibsa baaseen gabaasni jaarmiyaan mirga namoomaa kun baase ''sanyummaa, qollifannaa, hacuuccaa, sirna kolonii, apaartaayidii warri paalistaayiin dhugaatti jiraatan ifatti gadi fageenyaan kan agarsiise'' jedheera.

Apaartaayiidiin sirna sanyiin gargar qooduufi cunqursuu mootummaan garee lakkoofsaan xiqqaa warra adii uummata harka guuddaa gurraacha Afrikaa Kibbaa irratti bara 1948-1991 raawwatamaa ture dha.

Waliigalteewwan idila addunyaa sadii Apaartaayiid akka balaaleffatamu mallateeffameera. Kanneen keessaa tokko bara 1973 kan mallatteefame 'International Convention on the Suppression and Punishment of the Crime of Apartheid' dha.

Waliigalteen kun Apaartaayid jechuun maal akka ta'e yoo ibsu(define) ''gocha namoomaa hin taane kaayyoo olaantummaa umuufi tiksuuf jecha garee gosa tokkoon garee gosa biraa irratti haala caasaa sirnaa qabuun raawwatuudha'' jedha.

2px presentational grey line

Appaartaayiidiin akkamiin hojjeta?

Beeksisa Apaartaayiidi qarqara galaanaa Keeptaawunitti maxxanfamee ture kan warra adii qofaaf hayyamame ta'uu himu

Madda suuraa, Getty Images

  • Bara 1948 mootummaa dhaaba biyaalessaa Afrikaner jedhamuun Afrikaa Kibbaatti beeksifame
  • Uummatni gurraachis gad-aantummaan ilaalamu
  • Uummatni gurraaci filannoo biyaalessaarratti sagalee hin kennan
  • Sanyiiirratti hundaa'uun jiruufi jireenya hunda keessatti qoodamanii jiraatu
  • Afrikaa Kibbaa keessa bakka hedduutti warri gurraachi lafa qabaachuurraa ni dhorkamu
  • Hojiin oogummaa hedduun warra adiif kennama
  • Maandellaan bara 1994 pireezidantii gurraacha jalqabaa ta'uun yoo filataman hojiin ala ta'e

Miidhaa Paalistaayinootaa Israa'eel keessatti

Lammiilee Israa'eel miiliyoona 9.45 keessaa dhiibbeentaa 20 kana ta'an Araboota paalistaayiin jechuun of ibsaniidha. Baha Jarusaaaleemitti kan argamu Weesti Baank kan Israa'eel bara 1967 waraanaan to'atte keessa ammoo paalistaayinoota miiliyoona 2.9 ta'antu jiraata. Dabalataan paalistaayinoonni miiliyoona 1.9 ta'an ulaa Gaazaa kan Israa'eel keessaa akkka baatu ta'eefi UN lafa humnaan to'atameedha jedhu keessa jiraatu.

Akka seeraatti lammiileen Israa'eel hundi sanyiifi amantaan osoo gargar hin bahiiin mirga wal-qixaa qabu. Haata'u malee akka gabaasni Aminsitii jedhutti ''Israa'eel paalistaayinoota garee Jeewish hin taane jechuun gadi aantota gootee ilaalti.''

Hacuuccaan kun sirnaafi caasaa jaarmiyaa qabaatee paalistaayinoonni Jeewishootaan qixxee mirga qaban akka hin shaakallee imaammata, seeraafi gochaan hojiirra oolaa jiraa jedheera.

Kuniis dachee Israa'eeliifi lafa Israa'eel humnaan to'atte akka Weest Baanki keessatti hojiirra oolaa jiraachuu ibsa Amanistiin.

Lammii Isaa'eel fi Arabaa sagalee keennaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Gabasnii kun akka jedhutti sababa waraanaa hundeeffama Israa'eeliif sababa ta'een Paalistaayinoonni lafa adda addaarra bittinaa'anii jiraachuun isaaniifi Israa'eel ammoo gariin lafa kanaa humnaan to'attee jiraachuun hacuuccaa fi cunqursaa kanaaf haala mijataa uumeera.

Paalistaayinoonni dachii Israa'eeliifi lafa humnaan to'attee qabatte keessa jiran lammuummaa dhorkamaa, hayyama jireenya argachuuf rakkachaa, maatii isaanii wajjin jireenya qabaachuuf dararamaa, socho'uufi qabeenya fayyadamuuf dhorkaan irra kaahamaa jiruu jedheera.

Dabalataaniis haala mirga namoomaa sarbuun reebamaa, ajjeefamaa fi mirgoota namoomaa bu'uuraa sarbamaa jiraachuu isaaniif ragaa argachuu gabaaseera.

''Sirna kana itti fufsiisuu kaayyeffachuunis yakka namooma irrattii raawwatame Apaartaayidii jedhamuu danda'u Israa'eel raawwachaa jirtii jedhe Aminsitiin.

Barreessaa Olaanaan Aministii Intarnaashinaal Agnees Kalamaard hacuuccaa sanyummaa uummata miiliyoonaan lakkaawamu irratti haala sirnaawaa fi caasaa dhaabbattumma qabuun raawwatamaa jiru kanaaf sababni amansiisaan hin jiraatu'' jedhan.

Itti dabaluunis hawaasni idila addunyaa dhugaa Apaartaayidii Israa'eel beekee yoo haqni argamuufi baate saalfaachiisaa ta'u kana dura akka dhaabu gaafataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Ministirri Haajaa Alaa Israa'eel Yeer Lapiid gama isaanii Amanistiin Siiriyaa biyya mootummaan uummata isaa miiliyoona walakkaa fixe Apaartaayidii hin jenne- Iraan yookaan sirnoota malaammaltummaan fi ajjeechaan beekaman Afrikaa fi Laatiin Ameerikaa keessa jiraniin osoo hin jedhiin Israa'eeliin Apaartaayiidi jechuun isaa fudhatama kana hin qabnee jechuun balaaleffatan.