Hokkora keessoo Israa'eel waraanaa waliiniif sodaatamee fi Waraana Gaazaa hammaate

Madda suuraa, Getty Images
Lola Paalistaayiniifi Israa'eel guyyaa shanaffaa isaa qabateen waraanni Israa'eel haleellaa Gaazaarratti raawwatu kan jabeesse yoo ta'u, haleellaawwan rookkeettii Gaazaarraa gara Israa'eelitti dhukaafamaniis itti fufaniiru.
Waraanni Israa'eel humni lafoofii qilleensaa haleellaa qindaa'aa raawwachaa jiraatus Gaazaa akka hin galle beeksiseera.
Rippoortarri BBC Gaaazaa jiru Dooniiwwan waraanaa, jeettii waraanaafii Hilikooptaraan haleellaan Gaazaarratti raawwatamaa akka jiru gabaaseera.
Wiixata darbe lolli erga eegalee hanga ammaattii gama Gaazaan namoonnii 100 gama Israa'eeliin ammoo namootni torba ajjeefamaniiru.
Gama kaaniin Israa'eluma keessatti Araboota Israa'eliifi Jeewishoota gidduutti walitti bu'iinsi dhalate pireezidantiin biyyattii waraanni waliinii (Civil War) akka hin kaane akka akeekkachiisan dirqisiiseera.
Ministirii Ittisaa Israa'eel Beeniiy Gaantiz walitti bu'iinsa keessoo kana tasgabbeessuuf humna nageenyaa hedduu bobbaasaniiru.
Walitti bu'iinsa kanaan walqabatee hanga yoonaatti namootni 400 ol ta'an to'annoo jala oolfamaniiru.
Ministirri Muummee Israa'eel Beenjamiin Netaaniyaahuu biyyi isaanii hidhattoota Paalistaayin Gaazaa jiran ittiin jetturrattii hanga yeroo barabaachisaa ta'etti opireeshinii waraanaa ittii fufuu akka dandeessuu beeksisan. Itti dabaluunis waraana kana keessatti Hamaas gatii jabaa baasaa jedhan.
Faallaa kanaan dubbii himaan humna Gaazaa bulchaa jiruu Hamaas, humni waraanaa lafaa Israa'eel duula eegaleen kan itti fufu yoo ta'e waraana Israa'eel jabeessee haleeluun ''barnoota jabaa'' barsiisuuf qophoofneerra jedhe.
Lolli torba kanaa Paalistaayiniifi Israa'eel gidduutti gaggeefamaa jiru erga bara 2014 lola isa akkaan hammaataadha.
Lollii kun kan eegale Baha Jarusaalemitti muddama Israa'eliifi Paalistaayiinoota gidduuttii ka'een ture.
Ibsi Ministira Muummee Neetaaniyaahuu booda osoo hedduu hin turiin viidiyoon samii Gaazaa ifa dhukaasotaan guute agarsiisu gadhiifameera.
Itti aansee rookkeettii Gaazaarraa furguggifaman magaalota Israa'eel akka Ashikeloon, Asdood, Beershebaafi Yavine rukutuniiru.

Madda suuraa, Reuters
Humni waraanaa Israa'eel sa'aatiiwwan dura miseensota waraanaa eeggannoof kaahaman 7,000'f waamicha godheera. Naannoo daangaa Gaazaattis loltootaafiifi taankii bobbaaseera.
Humna lafootiin Gaazaa haleeluun filannoo harkaa qaban kan itti yaadamaa jiru malee murteen dhumaa haa eegalamu jedhu kan hin dabarfamne ta'uus beeksiseera.
Kun kanaan osoo jiruu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez ''muddamni fi waraannii Gaazaafi Israa'eel atattamaan akka qabbanaa'u'' gaafataniiru.
Barreessichi waamicha dippiloomaatotni amma dura dhiyeesanii waliigalteen waraana dhaabuu hin finne irra deebiin dhiyeessan.
Kamiisa wantoota ta'a:
- Rookkeettiiwan sadii Libaanos irraa dhukaafamanii galaana Kaaba Israa'eel keessa kufaniiruu jedhe humni ittisaa Israa'eel. Qaamni rookkeetticha dhukaase ana jedhu hin argamne. Garuu Hezboolaa kan bara 2006 ji'a tokkooffa Israa'eeliin waliin wal waraanaa ture dabalatee hidhattootni biroonis jiru.
- Humni Waraanaa Israa'eel haleellaa addatti xiyyeefateen waajira tikaa, manaa fi daldala hidhattootaa rukuteera jedhe.
- Hamaas Gaazaarraa Israa'eelitti rookeettii hedduu dhukaaseera. Dubbii himaan Hamaas ''waan gochuu dandeenyu keessaa muraasa ishee agarsiifne'' jedheera
- Daandilee xiyyaaraa idial addunyaa akka KLM, British Airways fi Virgin Atlantic Israa'elitti balalii qaban addaa kutaniiru.
Erga Wixataatii Paalistaayiin keessatti daa'imman 27 dabalatee namootni 103 ol lubbuu ajjeefamanii, 580 kana ta'an ammoo madaahuu Ministirri Fayyaa Gaazaa jiru ibseera. Aaanga'oonni Gaazaa haleellaa Israa'eeliin namoonni nagaan hedduun du'uu dubbachaa jiru.
Israa'eel gama isheen namootni ajjeefaman hidhattoota jetti. Itti dabalauunis namootni du'an gariin rookkeettii akka hin malleettii achuma Gaazaatii dhukaafameenii jetti.
Israa'eel walitti bu'iinsa Jeewishootaafi Araboota Israa'eel magaalaalee Israa'eel garaagaraa keessa jiran giduuttii dhalateen yaaddahuun kaampaniiwwan to'annoo nagaa daangaa eeggannoof keewwattee 10 hojiitti waamteetti.
Namootni siyaasaa walitti bu'iinsi keessoo kun waraana waliinii hiika hin qabnetti akka hin guddannee yaadda'anii waamicha dhiyeessaa jiru.
Rakkoo kun kan ishee yaaddesse michuun Israa'eel US illee osoo hin hafiin waamicha gochaa jirti.
Hoogganni olaanaan Hamaas hawaasni idila addunyaa Israa'el irratti dhiibbaa uumee Israa'eel Jarusaalem keessatti dhiibbaa waraanaa Masjiida al-Aqsaarratti gootu akka dhaabdu godhan isaaniin dhukaasa akka dhaaban himan.
Haata'u malee dubbii himaan waraana Israa'eel Hildaa Zilbermaan Israa'eel ammatti waraana dhaabuu fedhaa hin jirtu jechuu barruun Times kan Israa'eel gabaaseera.













