Lola Israa'el-Palistaayin: Araboonni Israa'el eenyu fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Torbeen kun daangaa Israa'eeliifi Palistaayinootaa irratti yeroo waldhabdeen jajjabbaa ta'e uumamaa turedha.
Walitti bu'insaafi hokkara guyyootaaf walitti aansuun mudateen booda Israa'el magaalaa Lood kan dhiheenya Teel Aviivitti argamtu keessatti labsii yeroo muddamaa labsiteetti. Kun ammoo mormii Araboonni Israa'el erga gaggeeffameen booda ture.
Mootummaan Israa'el hawaasa Arabaa irratti tarkaanfii humna atattamaa akka kanaa yoo fudhatu kun erga bara 1966 as kan jalqabaati jedhameera.
Araboonni Israa'el eenyudhaa?
Seenaa Araboota Israa'el

Madda suuraa, Getty Images
Israa'eel akka bulchiinsa warra Yihudootaa qofa taatetti yeroo ibsamtu dhageessanii ta'uu danda'a. Garuu Israa'el lafa jireenya warra Yihudootaa hin taaneetis.
Araboonni Israa'el lakkoofsaan xiqqoo yoo ta'an, hiddi dhiiga isaanii Paalistaayinootadha. Araboonni Israa'el hidda dhiigaan Palistaayinoota ta'anillee lammummaan isaanii garuu Israa'elidha.
Israa'el baay'ina ummataa miliyoona torbaa olii kan qabdu yoo ta'tu, kanneen keessaa gara miliyoona 1.9 kan ta'an ammoo Araboota Israa'elidha.
Bara 1948tti wayita bulchiinsi Israa'el hundeeffameetti, Paalistaayinoonni gara 750,000 ta'an mana isaanitii hari'ataman ykn ofumaan baqatanitti kan daangaa Israa'el keessatti hafaniidha.
Kanneen bara sanatti Israa'el keessaa baqatanis, daangaa Israa'eliin Weest Baankiifi Gaazaa keessa kan qubatan yoo ta'u, kan hafan ammoo naannichatti bakkeewwan garaa garaatti kaampiiwwan keessatti dahatan.
Kanneen daangaa Israa'el keessatti hafanis, Araboota Israa'el, Paalistaayinoota Israa'eel ykn Paalistaayinoota ofiin jedhu.
Irra jiraan Araboota Israa'el amantaansaanii Islaamadha. Akkuma hawaasa Paalistaayinootaa kana Kiristaannoonni Israa'el keessaa baayyinaan sadarkaa lammaaffaarratti argamu.
Araboonni Israa'el erga filanno jalqabaa Israa'el kan Ammajjii 25, 1949 gaggeeffamerraa kaasee mirga filachuu ni qabu. Haata'u malee, ammoo haala harka lafa jalaatiin barootaaf loogiif saaxilamoo akka ta'an himu.
Walitti makamuu

Madda suuraa, Getty Images
Sababii Covid-19 dhiheenya uumameen waliin hojjechuuf walitti makamanilleen yeroo baayyee hawwaasni Arabaafi Yihudootaa jireenya hawaasaa waliin hin qooddatan.
Bakkeen walitti itti makaman tokko sirna kunuunsa fayyaa biyyaaleessaa lafa dhukkubsattoonni Yihudootaafi Arabootaa waliin hospitaaloota, wallaansaafi hakiimoota itti argatan isa tokkodha.
Dhibba keessaa doktaronni harki 20, narsoonni harki 25 fi ogeessoonni faarmaasii harki 50 Araboota Israa'eel.
Haata'u malee, eenyummaa biyyaaleessaa lammiilee Arabootaafi Yihudoota Israa'el walitti hidhu adda baasuun baayyee rakkisaadha.
Fakkeenyaaf, waraanni hawaasa Israa'el keessatti gahee olaanaa baha. Lammiilee Yihudootaatiif tajaajilli loltummaa dirqama.
Araboonni garuu kana keessaatti hin hammatamne.
Loogii

Madda suuraa, muna.kurd15
Araboonni Israa'el harka wayyaa jalaatiin biyya isaanii keessatti loogiin akka irra gahaa jiru dubbatu. Haalli kun dhaabbilee idil-addunyaa mirgaaf morman hedduun kan deeggaramudha.
Aminastii Intarnaashinaal akka jedhutti Israa'el Paalistaayinoota biyyattii keessa jiraatan irratti loogii dhaabbatummaan keessee jirti.
Akka gabaasa dhaabbata Humaan Raayitis Wooch Ebla 2021 keessa baaseetti, aanga'oonni Israa'el Appaartaayidii raawwataa jiru.
Kunis Paalistaayinoota Israa'el keessa jiraataniifi kanneen lafa to'annoo Israa'el kan ta'e Weest Baankiifi Gaazaa keessa jiraatan irratti yakka namoomaa akka raawwachuutti ilaalama jedheera gabaasichi.
Haata'u malee, ministeerri dhimma alaa Israa'el gabaasichaan, ''sobaafi hiika maleessa'' jechuun kuffiseera.
Araboonni Israa'el ammoo mootummaan lafa isaan bara dheeraaf qabatan akka jalaa saamuufi baajata biyyaaleessaatiinilleen beekaa akka isaan irratti loogii taasisu himatu.
Seerri biyyattii keessatti gareewwan lamaaniif hojjatus akkasuma garaa gara.
'Lammii lammaffaa biyya tokkoo'
Fakkeenyaaf, seerri biyyattii dhimma lammummaa ilaallatu warra Yihudootaaf kan loogudha. Kanaanis Yihudoonni bakka fedhanii yoo dhufanilleen battalumaan paasportii Israa'el argachuu danda'u.
Paalistaayinoonni hari'atamaniifi ijoolleen isaanii garuu mirga kana dhorkamaniiru.
Paarlaamaan Israa'el bara 2018tti 'seeraa biyyaaleessaa' wal falmisiisaa tokko raggaasisee ture.
Innis Afaan Arabaa afaan Hibirootaa waliin afaan biyyaaleessaa ta'uu kan dhabsiise ture. Kana malees, mirgi ofiin of bulchuu 'ummata Yihudootaa qofaaf kan kenname,'' jechuun labse.
Aymaan Odeh Araba Israa'el kan ta'eefi miseensi paarlaamaa akka jedhaniitti, wayita biyyattiin seera 'olaantummaa Yihudootaa' mirkanneessuu ragaasifteetti, Araboota Israa'elitti dubbiin 'lammii lammaffaa biyya tokkoo' ta'a.
Haaluma walfakkaatun, Ministirri Mummee Israa'el Beniyaamiin Netaniyaahuun mirga sivilii mirkanneessuuf waadaa galanii ture, haata'u malee garuu ''kan caalutu murteessa'' jedhan.














