Israa'el-Paalastaayin: Qondaaltonni Hamaas ajjeefamuu hordofuun Israa’eel rookkeettiin tumamaa jirti

Madda suuraa, REUTERS
Haleellaan xiyyaaraa Israa’eel qondaaltota gurguddoo Hamaas ajjeesuun gamoo Gaazaa keessa jiru erga barbadeessee booda, hidhattoonni Hamaas rookkeettiiwwan hedduu Israa'eelitti dhukaasaa bulani.
Lolli Wiixatarraa kaasee eegalame kun gara ‘‘waraana guddaatti’’ ce’uu mala jechuun UN akka akeekkachiisu isa taasiseera.
Amma yoonaatti yoo xiqqaate namoonni 67 gama Paalestaayin, torba ammoo gama Israa’eel irraa lubbuu dhabanii jiru.
Wal-gaarreffannaan Musliimotaafi Ayihuudotaa bakka amantaa Baha Jeruusaaleem jiru irratti eegale, Wiixata darbe gara lolaatti kan geeddarame.
Naannoowwan Israa’eel Ayihuudonniifi Araboonni itti jiraatanitti hokkora guyyoota lamaaf itti fufeen, namoonni 374 to’annoo jela yoo oolan, poolisoonni 36 miidhaan irra ga’eera.
MM Israa’eel Beenjaamiin Netaaniyaahuu, Roobii galgala yaada kennaniin, poolisiin nageenya akka eegsisu gargaaruuf, magaalota goolamaa jiranitti raayyaa waraanaa erguuf akka karoorfatan himani.
"Hokkorri Arabootaan Ayihuudota irratti raawwatus ta’e kan Ayihuudotaan Araboota irratti taasifamu waan dabaati’’ jedhani haasawa viidiyoodhaan dabarsaniin.
Hidhattoonni Paalestaayin Wiixatarraa kaasee rookkeettiiwwan gara Israa’eelitti yoo dhukaasan, Israa’eelis bakkeewwan muraasa haleeluun deebii kennitee jirti.
Hanga yoonaatti rookkeettiiwwan 1,500 Gaazaa irraa gara magaalota Israa’eel garagaraatti dhukaafamuu Humni Ittisaa Israa’eel (IDF) ibseera.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin bulu, namoota 67 ajjeefamaniin dabalata 400 ol kan ta’an madaa’anii jiru jedha.

Madda suuraa, REUTERS
Netaaniyaahuun akka jedhanitti, mootummaan isaanii diina keenya ala jiruufi warreen biyya keessaa hokkora kaasan irraa Israa’eeliin eeguuf humna qaban hundatti nifayyadamu.
Anga’oonni Paalestaayin garuu, ‘‘ummata miiliyoona lama ta’uufi durumaan burjaaja’ee jiru irratti badalaa hamaa raawwatamedha’’ jechuun ‘‘haleellaa humnaa’’ Israa’eel qeeqanii jiru.
Guyyaa Roobii maaltu ta’e?
Haleellaa Israa’eel gamoo al-Shaaruuk kan Gaazaa keessatti argamu barbadeesse hordofuun rookkeettiiwwan 130 gara Israa’eelitti dhukaasuu hidhattoonni Gaazaa himaniiru.
Gamoon dheerinaan sadaffaa ta’eefi haleellaa xiyyaaraan barbadaa’e kun, waajjira muummee TV al-Aqsaa kan Hamaasin buluu ture.
Israa’eel anga’oota Hamaas gurguddoo Gaazaa turan ajjeesuufi itti aansuunis buufataalee misaayeloonni irraa dhuka’an irratti akka aggaammattu yoo himtu, Hamaasis anga’oonni duraa ajjeefamuu mirkaneesseera.
Haleellaa qilleensarraa 2014 as isa guddichadha jedhameen dura jiraattonni gamoowwan keessaa akka baqataniif akeekkachiifamanus, namoonni nagaa ajjeefamuutu himama.
Akka AFP’n gabaasetti, obbolaa dargaggoo lama dabalatee miseensonni maatii tokkoo shan haleellaa kanaan ajjeefamanii jiru.
"Osoo kolfaa taphachaa jirruu tasuma boombiin nuhaleeluu eegalani. Wanti naannoo keenya ture hundi abiddi itti qabate,’’ Jedhe durbiin isaanii ganna 14 Ibraahiim, imimmaan buusaa yoo dubbatu.
Gama biraatiin, Israa’eloonni miiliyoonotaan lakkaa’aman erga sagalee akeekkachiisaa dhaga’anii booda bakkeen da’annaa boombii jelatti argamu, akka IDF jedhutti.
Gaazexessituun Jeruusaaleem Poosti Aanaa Ahiroonheeyim mucaashee baatii shanii waliin bakka da’attee jirturraa akka BBC’tti himtetti, ‘‘sagalee qolannaa misaayelootaa gurguddoo jiran irratti dabalataan, rookkeettiin nucinaa yoo kufu dhaga’uun hedduu nama rifaasisa,’’ jette.
Magaalaa Israa’eel Isdeeroot keessatti, daa’imni ganna shanii Idoo Avigaal jedhamu, lola gamoo mana jireenyaarra ka’e gidduutti lubbuun dabartee jirti.

Madda suuraa, REUTERS
Addunyaan maal jechaa jira?
Barreessaan Olaanaa UN, Antooniyoo Guuterees hokkora adeemaa jiruun ‘‘akka malee yaadda’uu’’ himani. Manni Maree Nageenyaa UN’s dhimmicharratti mari’achuuf yaa’ii taasisus, ibsa hin kennine.
Roobiirra Netaaniyaahuu bilbilaan kan dubbisan pirezidantiin US, Joo Baayidan, nageenya Israa’eeliif deeggarsa akka taasisan dubbatanus, ‘‘tasgabbiin waaraa’’ dhufuu qaba jedhaniiru.
"Abdiin kiyya haalichi yeroo dhiyootti akka tasgabbaa’udha, garuu rookkeettiiwwan kumaatamni itti dhukaafamaa kan jirtu Israa’eel, ofirraa qolachuuf mirga qabdi,’’ jedhani riipportaroota Waayit Haawus turanitti.
Ministirri Haajaa Alaa US, Antoonii Biliinkan, qaamolee lamaanuu waliin wal-arguuf naannichatti jila ergineerra jedhani.
Raashiyaanis gamasheetiin warri ‘Middle East Quartet’ jedhaman, US, EU fi UN akkasumas ishee dabalatee akka walga’an yaamicha dhiyeessiteetti.
Haasawa dubbi himaan Hamaas ‘‘yoo Israa’eel jeequu dhiifte, nutis mareedhaaf qophiidha’’ jedhu eeruudhaani, Raashiyaan kara Ministeera Alaatiin waamicha kana kan goote.













