Dhirsaafi niitiin doqdoqqeen Iraan qaxxaamuraa osoo jiranii qabaman waayee mana hidhaa biyyattii maal jedhu?

Madda suuraa, PA Media
Dubartiin lammii Biriitiish Iraaniin hidhamte Lindseey miirri mana hidhaa keessaa ulfaataa dha jetti.
Iraan basaastan jedhamanii kan hidhaman ishee fi abbaan warraa ishee waggoonni 10 ittti murtaawuun sa'aa muraasa dura BBC'tti dubbatte.
Lindseey fi Kireeyig Foormaan imala imla addunyaa naannawuu karoorfatanii Amajjii 2025 osoo Iraan keessaa motor-saayikiliin qaxxaamuranii.
Gaaffii fi deebii bilbilaa mana hidhaa Teehraan keessaa tolchiteen, Lindseey hidhaa Iraan, qormaata sammuu jabaa akka ta'e himte. Manni hidhaa miidhaa qaamaafis saaxilamuu himte.
Iraan basaasufi himata jedhame kan haalan jaalalleewwan lamaan, murtoo isaanirratti darbe "gaddisiisaa" jette.
Ministirri dhimma alaa Biriiteen Veettee Kuuppar "waan rifaasisaa fi fudhatama kan kan hin qabne"jedhan.
Lindseey, haasawa bilbilaa neetworkiin baay'ee ciccitaa tureen yoo dubbattu, manni hidhaa keessa jiran dhiphaa, kan hedduu bakka tokkotti keessatti hidhaman ta'uu himte.
"Fayyummaan qaamaa kiyya akkan gaafa as galuu miti, yoon asii bahu garuu naa deebi'a" jetti gaaffii fi deebii BBC Radio 4's Today programme waliin tolchiteen.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mana hidhaa kana keessatti "tasumaa miirri gaariin sitti dhagahamuu hin danda'u" "guyyaa lakkaawuu fi obsaan dabarsuun filadha" jette.
Itti dabalauun: "Namoota haala daran rakkisaa keessa jiran, kanneen umrii isaanii guutuu asitti akka dabarsan itti murtaa'e faa waliin, ani inumaa isaan biratti ayyaantuudha guyyaan kana keessaa bahu ni dhufa jedheen abdadha " jetti.
Jaalalleewwan gara Awustiraaliyaa osoo imalaa jiranii Iraan keessa ennaa cehan, Mudde 30, 2024 Armeeniyaa irraa Iraan seenanii Amajjii 04 2025 Paakistaan dhaqqabuuf ture.
Viisaa Iraan ni qabu ture. Amajjii 03, 2025 Iraan garuu ni hidhaman.
Ilmi Lindseey, Jooyi Beeneet, Iraan basaasuu isaaniif ragaan qondaalonni Itraan dhiyeessan tokkollee hin turre jedhe. Mootummaan UK "si'aayinaan tooftaa hunda fayyadamuun biyyatti akka isaan deebisu" waamicha godhe.
Beeneet abukaatoon isaanii Iraan jiru bu'uurri seeraa isaan himachiisu hin jiru jedhus mirga wabii dhorkatamanii jiru. Onkololeessa mana murtiitti dhiyaatanii akka ofi hin ittisne dhorkanmanii turan jedhe.
Maatiin akka jedhetti daanyaan Dhaddachi 15ffaan Mana Murtii Warraaqsa Iraan murtoo isaanirratti dabarseera.
Lindseey, murtoo kana dura haala qabiinsa isaanii mana hidhaa kan isheen "hamaadha" jettuun kaasuun qondaalota Iraaniif xalayaa barreessite. Haqas barbaanna jette.
"Haala Iraan keessaa hunda tole jennee fudhachuun, waan gochuu dandeenyu gooneerra. Adeemsa seeraa jiru obsaatii, haqa arganna jennee yaallee haqa hin aganne" jetti.
Mirgi keenya akka kabajamu feena jetti Lindseey. Adeemsi haqaa Iraan "haqa qabeessaa fi fudhatama akka qabne" agarsiisuu feena jette
"Sirnuma keessan keessattuu, adeemsa haqaaa keessaniin, olaantmmaa seeraa sarbaa jirtu" jettee itti himuu dubbatti.
Lamaan isaanii mana hidhaa kaanirraa fooyame, damee mana hidhaa Erviin keessatti hidhaman.
Mana hidhaa qeeqni guddaa irratti kennamaa ture dha. Bakka Dararaa fi qabiinsa namoomaa hamaan bakka gaazexeessitoonni fi namoonni siyaasaa itti hidhaman ture akka dhaabbileen mirgoota namoomaa jedhanitti.
Lammiileen lamaan umriin gara 50 ta'an mana hidhaa "dhiphaa, xuraawaa fi jeeqamaa" ta'e kana keessatti ji'oota 13 dabarsuu maatiin himan.
Beeneet mootummaan akka maatii isaaniif dhaqqabu gaafata. Mootummaan UK maatii isaanii akka dhaggeeffataa hin jirre komii qabaachuu hima. Xalayaas ministeera dhimma alaaf barreessuun deebii dhabuu hima.
Ministirri dhimma alaa Kuuppar: " Dhimma kana hanga isaan bahanii biyya ofiitti deebi'anitti mootummaa Iraan waliin dubbanna, "jedhan.
Nageenyi isaanii dhimma dursa kenninuufi dha. Karaaa qoonsilaas gargaarsa ni goona jedhan.
Waajjirri dhimma alaa UK lammiileen isaa akka gara Iraan hin imalle akeekkachiise. Lammiileen Biriitish akkasumas lammummaa lakkuu Iraanii fi Biriitish kanneen qaban hidhamuu danda'u jedhe.
Lindseey Roobii BBC'tti akka dubbattetti ishee fi abbaan warraa ishee Iraan seenun dura websaayitii mootummaa laaluu himte. Iraan keessa imaluuf rakkisaa akka ta'e baree gorsa gaafachaan ture jetti.
"Amma gaafatamummaa kiyya ofumaa fudhachuun narra jiraata" jetti.
Iraan waggoota dhiyoo na basaasuu fi balaa biyyoolessaati jechuun lammiilee lammummaa Biriitishii fi Iraan qabanii fi lammiilee alaa hedduu hiite. kanneen 15 ta'an UK irraayi.
Lammummaa lakkuu kan qaban Nazanin Zaghari-Ratcliffe fi Anoosheh Ashoor bara 2022 gadhiifamuun Iraan keessaa akka bahan akeekkachiifaman. Mootummaan UK kanneen baasuuf paawundii miliyoona £650 Teeraanif kenne.
Lammiileen Faransaay Cécile Kohler, Jacques Paris fibOlivier Grondeau, kan Jarman Nahid Taghavi dhiibbaa mootummmoonni isaanii godhaniin gadi lakkifaman.













