Seenaa dubartoota Iraan mana hidhaa hamaa keessa jiranii

Nasim
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Dubartoota BBC 100

Naasim kophaa ishee lafa irratti jilbeenfattee, kutaa xiqqaa foddaa hin qabne keessatti, waan hidhamtoonni biroo dararamaa jiran dhaga'uu dandeessi.

Eegduun balbala rukutee: "Reebicha sana dhaga'aa jirtaa? Qophaa'i, atis itti aanta" jedha ture.

Isheef "guyyaa guyyaan sa'aatii 10 hanga 12'tti gaaffii fi deebiin ni taasifamaaf ture." Akkasumas irra deddeebiin ajjeechaa akka irratti raawwatamuu danda'u doorsifamaa turte.

Kutaan qullaan meetira lama hin caalle, siree fi mana fincaanii hin qabu ture. Dubartiin ganna 36 rifeensa tolchitu kun mana hidhaa Iraan hamaa, Eviin jedhamutti ji'a afur kophaashee hidhamtee turte.

Namoonni isheen argite kanneen ishee gaafatan qofa turani. Isheenis "waan duutuu fi namni tokkollee kana hin beeku" jettee yaaddee turte.

Naasim fi dubartoota biroo, kanneen yeroo ammaa mana hidhaa Eviin keessatti hidhaman haala irra jiran baruuf maddoota amanamoo hedduu irraa odeeffannoo walitti qabneerra.

Naasim fi dubartoota biroo, kanneen yeroo ammaan tana mana hidhaa Evin keessatti hidhamaniif, odeeffannoo maddoota amanamoo hedduu irraa haala jireenya guyyaa guyyaasanii walitti qabnee jirra.

Baayyeen isaaniis mormii "Dubartii, Jireenya, Bilisummaa" jedhu du'a shamarree ganna 22, Mahsaa Amiinii kan Fulbaana bara 2022 hordofee ka'een walqabatee namoota kuma kudhaniin lakkaa'aman keessaayi.

Mahsaan seera hijaaba uffachuu dubartoota dirqiisiisuu hordofee ture to'annaa poolisii jalatti osoo jirtuu kan duute.

Namoonni erga gadhiifamaniin booda haala Eviin keessatti mul'atu kan dubbatan yoo ta'u, wayita keessa jiranii garuu waa'ee jireenya hidhamtootaa gadi fageenyaan argachuun baay'ee hin danda'amu.

Naasim osoo Ebla 2023 keessa to'annoo jala hin oolfamiin dura rifeensa bareechuu hojjataa turte

Madda suuraa, USG

Ibsa waa'ee suuraa, Naasim osoo Ebla 2023 keessa to'annoo jala hin oolfamiin dura rifeensa bareechuu hojjataa turte
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wanti dhageenye gara jabummaa qofa osoo hin taane, bakka faallaa walxaxaa hidhamtoonni mirga dubartootaaf duula itti fufanii fi uggura isaan irratti kaa'ame adda kutuu malee mormab mul'isa.

Yeroo ajaa'ibullee ni ture, hidhamtuun tokko, darbee darbee abbaa warraa ishee waliin kophaa ishee yeroo akka dabarsitu hayyamameef, kan mana hidhaa keessatti ulfooftellee turte.

Naasimiin muuziqaa raappii fi meekaappii ykn dibata miidhaginaa kan jaallattu yoo taa'u, Ebla bara 2023 hiriyyootashee waliin mormiirratti erga hirmaatteen booda ture kan to'annoo jala oolte. Isaan keessaayis tokko tarkaanfii mootummaan fudhateen ajjeefamte.

Isheenis qorannicha, "waa'ee warra daandiirratti du'an yaaduudhaan" lubbuun hafteetti. Namoonni Naasim yeroo kophaashee mana hidhaa keessaa baate argan, qaamashee irratti dirmammuu fi madaa fi sobaan akka amantu gochuuf attamiin akka itti dararame ibsan.

Rezvaaneh mormii kana hordofuun abbaa warraashee waliin bara 2023tti to'annoo jala oolte. Lamaan isaaniiyyuu mana hidhaa Eviin kan kutaa dhiiraa fi dubartootaa adda addatti qabdu keessatti galan.

Namoonni ishee qoratanis, abbaa warraashee akka ajjeesan, "akka cilee gurraachaatti hanga geeddaramuutti gar malee akka reeban itti himan" jedhan.

Naasim kophaashee erga hidhamtee, qorannoo fi salphifamteen booda gara kutaa dubartootaa, kan Rezvaneh dabalatee kaan gara 70 of keessaa qabutti geeffamte. Irra caalaan isaanii himannaa siyaasaatiin to'annoo jala kan oolaniidha.

Kutaan CCTV mana hidhaa Eviin keessatti hidhamtoota saala jijjiratan qophaa'e bara 2020 keessa miliqeera - kunis kutaa dubartootaa isa guddaa keessa jiruun wal fakkaata

Madda suuraa, Evin prison CCTV

Lammiin Biriteen-Iraan, Naazaaniin Zaaghaari-Ratcilffe bara 2022 gara UKtti akka deebitu hayyamameef, adabbiishee gara waggaa afuriitti kan itti dabarsitedha.

Dubartoonni achi jiran irra caalaansaanii sababa aktiivismii isaaniitiin, yakka hololaa facaasuun, sirnarratti hidhannoo harkisuu fi nageenya biyyaa balaadhaaf saaxiluu dabalatee adabbiin itti murtaa'eera.

Kutaalee afur namaan guutame keessa kan jiraatan yoo ta'u, tokkoon tokkoon isaanii keessa hanga namoota 20 ta'aniifi sireewwan olka'iinsa siree sadii tuulamanii jiraatu.

Yeroo baayyees kutaa dhiphoo ta'e keessa waliin jiraachuunsaanii waldhabdee kan jiduusaaniitti uumu yoo ta'u, yeroo tokko tokkoos waldhabdeen qaamaa fi afaaniin ni ka'a. Ta'uus dubartoonni walitti dhufeenya cimaa ni uummatuu.

Yeroo qorraa "namni hundi qorraan cabbaa'uun" dubartoonni ammoo, ho'a argachuuf, "qaruuraa bishaan ho'aa qabatanii naanna'u." Yeroo bonaa ammoo ho'aan rakkattu.

Bakki kushiinaa xiqqaan midijjaa lama lama qabu tokko jira, bakka, yoo maallaqa gahaa nyaata mana hidhaa irraa bitachuuf qabaatan, nyaata bu'uuraa mana hidhaa gara kutaa isaaniitti fidamu dabaluudhaaf ofiisaaniif bilcheessuu danda'u.

Bakki dukkanaaʼaa fi xuraaʼaan dhuma koridoorii tokkoo akka bakka tamboo itti xuuxan taʼee tajaajila. Mooraan xiqqaan simintoodhaan hojjetamee fi bakka xiqqoo biqiltootaa fi kiyyoo kubbaa saaphanaa qabu xiqqooala ilaaluuf ni gargaara.

Uffatasaanii uffachuu fi kutaasaanii kan mana dhiqannaa lama qabu keessa socha'uudhaaf ni danda'u. Galgala hundaa mana fincaanii dhaquufi ilkaansaanii rigachuuf hiriira galanii eeggatu.

Rezvaneen ulfa ta'uushee kan barte asitti ture, erga gara ji'a afuriif mana hidhaa keessa turtee booda.

Waggootaaf dhala dhabuun rakkataa sababii turteef, daaʼima godhachuuf abdiichuu dhiistee turte. Garuu akka seera mana hidhaa Evinitti, isheefi abbaan warraashee, kan ammallee mana hiidhaa kutaa dhiirotaa keessatti argamu, darbee darbee dhuunfaatti akka wal argan kan hayyamameef yoo ta'u, yeroo kana keessaa isa tokkotti ulfoofte.

Ulfa ta'uushee yeroo hubatteetis, "guyyoota hedduu boosse". Isheenis, "Waan hamaa dhiibbaa sammuu fi mudama mana hidhaa sana keessaa ture" argatte.

Kutaawwan namaan guutaman kanneen keessatti bakka guyyoota isaanii irra caalaan tasgabbiidhaan siree isaaniirra taaʼanii itti dabarsan argachuun qormaata yeroo hunda isaan mudata ture.

Kana biraan haalli nyaata mana hidhaa sana keessaa akka isheen juusii appilii, daabboo fi foon dharaatu ishee taasise. Isaan kanneen argachuun ammoo baayyee cimaa ture.

Yoo akka carraa ta'e suurii mana hidhaa keessa jiru keessatti foon argattees gatiinsaa kan alaarra dachaa lamaadha.

Daa'ima mana hiidhaa keessaa

Manni hidhaa ulfa baatii afur irraa kaaftee akka hordoffii fi qorannoo altiraa saawindii taasiiftuuf sababii hayyameef daa'ima dubaraa garaadhaa akka qabdu doktaroonni itti himame.

Akkuma dhawannaa onnee mucaashee dhageessuun, miirrii abdii ishee cimaa ture.'' Haata'u malee haalli mana hidhaa keessaa akka fayyaa mucaashee hin miineef sodaataa turte.

Rezvaaneen waa'ee soorata ishee qofaas osoo hin taane, sababii dhukkubba maraamartoo qabduuf dhiphina ofiirraa fageessuu qabdi turte. Hakiimoonni mana hidhaa keessas baklaa ulfi irraa bahuu olaanaa akka qabdu itti himan.

Vidaa, gaazexessituu hojii fakkii kaasuu jaalattuudha. Isheenis ansoolaatti fayyadamuun dubartoota kannaa fakkii kaafiiti.

Tokkoonsaa suuta mana hidhaa keessaa loofamee baafames, kan hidhamtuu lammii Kurdish, Paakhshaan Aziizi, kan gara naannoo Kurishii fi Sooriyaa Iraaqiitti imaluun miidhamtoota garee Bulchiinsa Islaamaa gargaarteedha.

Paakhshaan himannaa bulchiinsa Iraaniin loluudhaaf meeshaa fayyadamuudhaan himatamee jedhuun, murtiin du'aa kan itti murtaa'e yoo ta'u, murtiin kun yeroo dhiyootti raawwatamuu akka danda'u yaaddoo guddaatu jira.

Viidaan waan hiika dhokataa qabu omaa akka hin kaasne akeekkachiifamte. Keenyaa mooraa sanaa tokko irratti cilee walirraa fafagaatee jiruu fi duuba isaanii bosona magariisa taʼe dibde. Angawoonni itti biifatan.

Koridoorii tokko keessatti suuraa amaaqixa (cheetah) Iraan fiigu tokko fakkii kaafte. diigde. Dubartoonni muraasni, "humna gaarii hangamii akka irraa argatan dubbachuu itti fufan". Garuu halkan tokko aanga'oonni, "deemanii irraan waan biraa dibuun," Viidaan meeshaalee ittiin fakkii kaaftu akka hin arganne dhorkan.

Hojii aartii ishee keessaa tokko osoo hin tuqamiin hafeera. Innis da,balii galaanaa guddaa, bifa diimaa qabu keenyaa koridoorii dubartoonni itti tamboo xuuxuuf deeman irratti kaafameedha.

Pakhshan Aziz

Madda suuraa, UCG

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii Viidaan Paakhshaan Aziiz kaafte

Dubartootaaf kunuunsa fayyaa argachuun rakkoo cimaa walitti fufaadha. Sirreeffamtoota keessaa isheen tokkos, aktivistiin mirga namoomaa fi badhaafamtuun Noobilii badhaasa nagaa, Naargis Mohaammad, rakkoo onnee lubbuuf yaaddeessuu fi sombaa qabdi.

Haata'u malee, mana hidhaa keessatti doktara argachuuf karaa dheeraa deemaa turte. Firoonni ishee, sababii wayita beellama wallaansaatiif yoo deemtu mataatti uffata uffachuuf diddeef qondaaltoonni irra dedebiin yaala ishee dhorkaa turan.

Angawoonni kan harka kennatan erga hidhamtoonni ishee waliin turan torban lamaaf nyaata lagatanii booda ture. Naargis sababa yaalaatiin jalqaba baatii Muddee guyyoota 21'f gadhiifame.

Duuban ammoo, isheen fi warri kaan, mormii gaggeessuu fi mirga isaaniif falmuu itti fufan. Seerichi haguuggii mataasaaniitti akka uffataniif kan dirqisiisu ta'ulleen, baay'een isaanii ni didu.

Dubartoonni kunneenis erga yeroo dheeraaf aanga'oota waliin waldhabdee keessa turaniin nbooda, kaameraa CCTV jalaa dhoksaa tokko tokkoo akka qabaataniif jecha akka sireewwan isaaniirratti golgaan kaa'aniif hayyamaniif.

Dubartoota kanaaf dhimmoota cimaa ta'an keessaa tokko murteesaanii dhaga'uuf eeguudha.

Qorataan Naasim tokkoos adabbii du'aatiin ishee doorsisaa waan turaniif, hiree ishee baruudhaaf gara guyyoota 500 eeguu qabdi turte.

Hidhamtoota ishee waliin turan irraa jajjabina argaataa turte. Isheenis dubartoota sana akka obboleettota lubbuu ishee kennanii ibsiteetti.

Ganama hunda hiriyyootashee keessaa isheen tokko golgaa siree ol qabuudhaan harkiftee ciree akka nyaattu taasisa.

"Guyyaa hunda waan hojjechuu qabnu yaadna, kanaaf dhuma guyyaa sanaatti 'har'a jiraanneerra' jedhee ofitti himuu dandeenya," jechuun ture maddawwan keenya keessaa tokko kan ibsitu.

Viidaan dubartiin ganna 35, olola farra mootummaa raabsuu fi faallaa nageenya biyyaa hojjechuun himatame

Madda suuraa, UCG

Ibsa waa'ee suuraa, Viidaan dubartiin ganna 35, olola farra mootummaa raabsuu fi faallaa nageenya biyyaa hojjechuun himatame

Kaansaanii ammoo yeroo isaanii walaloo dubbisuun, sirbuun, tapha kaardii mana keessatti taphachuu fi TV ilaaluun dabarsu. Televijiinii lama isaan dowwachu danda'anis kan chaanaalii Iraan diraamaa, dokumeentii fi kubbaa miilaa agarsiisan jiru.

Wantoota xixiqqoo kanatu Naasim wayita murtiishee eeggattuu, doorsisa ajjeechaa yeroo hunda irra ga'u irraa akka ooltu taasise.

Dhumarrattis, murtiin yeroo darbuu, baqattummaa waggaa 20 magaalaa xiqqoo Tehraan irraa fagaattee argamtu keessatti dabarsuu, hidhaa waggaa jahaa fi reebicha 74 itti murtaa'e.

Isheenis olola raabsuu fi meeshaa waraanaa Rippabiliika Islaamaa isuuraa kaasuu jedhamuun himatamtee turte.

Murtiin sun cimaa ta'us, Naasim garuu ammas hafuura baafachuu akka dandeessu itti dhaga'ame. Akkasumas jireenya dhabeera jettee yaadde jiraachuu akka dandeessu itti dhaga'ame.

Dubartoonni baala kana keessa jiran biroo sadii sirna kana irratti meeshaa waraanaa fakkii kaasuu ykn garee hidhate waliin hidhata qabaachun murtiin du'aa itti murtaa'e. Haata'u malee isaan keessaa tokko murtiin ishee akka kufamu taasiseera.

Bara darbe keessa namoota 800 ol irratti murteen du'aa darbeera. Kunis waggaa saddeeti keessatti isa olaanaa ta'u dhaabbanni mirha namoomaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal hime. Hedduun isaanitis yakkoota jeequmsaa fi qorichaan wal qabataniidha. Kanneennkeessaayis baayyeeb dubbatoora.

Mootummaan Iraan garuu mirga namoomaa sarbuu himannaa jedhu cimsee kan haalu yoo ta'u, haalli mana hidhaa Eviin keessaa kan ulaagaalee barbaachisan hunda guutee fi hidhamtoonnis hin dararaman jedha.

Rezvanee baatii Onkololeessaa keessa intala deesse

Madda suuraa, UCG

Guyyaan Rezvaneetti murtaa'u ammumma dhihaatu, aanga'oonni mana hidhaa yeroodhaaf mana hidhaatii da'umsaaf akka baatu isheef hayyaman. Isheenis ji'a Onkololeessaa keessa mucaa durbaa deesse.

Haata'u malee, gammachuu fi boqonnaan isheen intalashee nagaan dahuudhaaf sodaataa turte, gaddaa fi aarii waliin kan wal makeedha. Abbaan warraa ishee intala isaanii fudhattee mana hidhaa Eviin keessatti isa daawwachuu danda'us, garuu ishee waliin mana hidhaatii akka bahu hin hayyamamneef.

Akkasumas sababa dhiphina kanaatiin, Rezvanee harmiishee aannan baasuufii rakkatte. Yeroo dhiyootti intalashee daa'imaa waliin gara mana hidhaa Eviinitti waamamuudhaan, murtii hiidhaashee kan waggaa shanii hafe akka raawwattu eegaa jirti. Yoo daftee akka gadhiifamtu hin hayyamamneef ammoo gara waggaa afuriitti dhiyaachuu danda'a.

Yeroo baayyee daa'imman hanga waggaa lamaatti mana hidhaa keessatti haadha isaanii waliin akka turuun hayyamama. Sana booda, yeroo baay'ee firri dhiyoo akka eeguuf itti kennama ykn sun yoo hin danda'amne ammoo mana daa'immanii keessa kaa'amuu danda'u.

Haata'u malee, sirreeffamtuun tokkos yaada isaanii kana deeggaruudhaan, rakkooleen isaan mudataa jiru kan isaan caalaa, "jajjabeessuu fi cimsuu" ta'u dubbatti. Waan itti amanan qabachuunis, "fuuldurri ifaadha: mana hidhaa keessatti illeen qabsaa'uudha,'' jedhu deeggartee jirti.

Fakkiiwwan Viidaa keessaa tokko

Madda suuraa, UCG