'Naannoon Somaalee duraan waraanaa fi walitti bu'iinsaan beekamu har'a qe'ee nagaa fi misoomaa ti' - MM Abiy Ahmad

Madda suuraa, EBC
Eebbi Projektii Riizoortii Shabalee kan naannoo Somaaleetti ijaaramee hogganoota biyyoota Gaanfa Afrikaa kan walitti fide ture.
Preezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahamud, Preezdaantiin Jibuutii Ismaa'el Omar Geelee Jigjigaatti argamanii jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad buufata Jigjigaatti argamuun qondaalota kanneeniif simannaa godhan.
Daawwannaan qondaalota kanneenii wayita gaanfa Afrikaatti muddamni mul'ataa jirutti waan ta'edha.
"Obbolaa koo Gaanfa Afrikaa baga nagaan gara Itoophiyaa dhuftani!" ergaa jedhu karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniiru Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad.
Haasawa eebba projektiin kanaarratti godhaniin bulchitoota biyyoota ollaa kanneeniin wanti walitti nu fide eebba pirojektii naannoo Somaalee kana jedhan.
Misoomni fi nageenyis waan walitti nu sassaabu dha jedhan.
"Projektiin, nageenyi fi misoomni nama walitti fida, Yoo nagaan kun itti fufe riijinii kanaa ol hedduu walitti kan sassaabu waan ta'eef nagaa fi misooma uumameef naannicha dinqisiifachaa keessummoota dhufan immoo baga gara biyya keessanii nagaan dhuftan jechuunii fedha," jedhan.
Naannoon Somaalee kaleessa 'walitti bu'iinsaan beekamu qe'ee nagaa fi misoomaa' ta'uu ibsan ministirri muummee.
"Naannoon Somaalee kanaan dura waraanaa fi walitti bu'iinsaan kan beekamu yoo ta'u, hoggantoonni garana kan dhufaan araarsuuf, nagaa kabajchiisuuf ture.
Har'a garuu akkuma hundi keessanuu agartan uummanni nagaa jaalatu uummanni Somaalee misooma babal'aa [argaa jira].
Daandiiwwan kiiloomeetira kumaatama, ijaarsa manneenii jiru. Dhiyoo kan eegalchiifne riifaayinarii boba'aa, pirojektii xaa'oo, projektii buufata xiyyaaraa babal'isuu, amma immoo Riizoortii Shabalee kan bal'inaan keessatti hojjetamanidha.
Warshaan tolchaa makiinaa ta'ee dargaggoonni hoggantoota isaanii gammachuun kan keessatti simattan nagaan naannoo Somaalee keessatti akka bokkaa kan roobu ta'uu guyyaa itti agarre waan ta'eef kana salphifnee hin laallu, hojii guddaadha, injifannoo guddaadha," jedhan Ministirri Muummee.

Madda suuraa, EBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Riizoortiin Shabalee piroojektoota ijoo sagantaa 'Maaddiin Dhalootaaf' jedhuun hojjetamaa jiran keessaa isa lammaffaa yoo ta'u, Riizoortiin Shabalee lafa hektaara 385 irratti hojjetame akka ta'e ergaa ministirri muummee karaa miidiyaa hawaasaa dabarsanirraa ni mul'ata.
"Riizoortiin kun bakka bashannana qofaa utuu hin taane galmee seenaa ogummaa ijaarsa gamoo ammayyaa duudhaafi aadaa Naannoo Somaalee waliin qindeessee tolchee ol kaa'edha.
Piroojektichi hojii guddaa biyya keenya bahaatti hojjetameefi waadaa Itoophiyaa Afrikaatti bakka hawwata tuuristii adda duree gochuuf seenne hojiidhaan kan mirkaneessedha." jedhe ergaan miidiyaa hawaasaa ministira muummichaarraa fudhatame.
Dhalattoonni Somaalee biyyoota naannichaa garaagaraa keessa jirtan Somaaliyaa, Jibuutii, Keeniyaa Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa jirtan Jigjigaan isin simachuuf kan yoomuu caalaa qophii waan taateef deddeebitanii akka nu daawwattan, misoomsitan, nu barsiiftan, nurraa akka barattan affeeramtaniirtu" jechuun waaman.
Daawwannaa qondaalonni Somaaliyaa fi Jibuutii Itoophiyaatti godhan kanarratti ibsi masaraa Somaaliyaa (Villa Somaaliyaa) irraa karaa miidiyaa hawaasaa kenname, hoggantoonni kunneen kan wal argan, haala nagaa fi siyaasaa naannichaa irratti qormaatawwan mudataniif fala barbaaduuf, tumsa diinagdee cimsuufi hariiroo dippilomasii jabeessuuf ta'uu ibseera.















