Waa'ee ajjeechaa Shawaa Kaabaatti aanga'ootarratti raawwatamee kan beeknu

Aanga'oota ajjeefama keessaa

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti haleellaa hidhattoonni Jimaata darbe raawwatan jedhameen hoggantoonni godinaa sadiifi namoonni biroo waliin turan lama ajjeefaman.

Angaa'aan godinaa eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan BBC'tti akka himaanitti, gaggeesitoonni kunneen hojii mootummaatiif gara aanaa Yaayyaa Gullalleetti bobba'anii deebi'aa osoo jiraniiti kan ajjeefaman.

Aanga'oonni godinichaa ajjeefaman kunneen, Obbo Geetahun Ejjetaa, itti gaafatamaa Buusaa Gonofaa Godinaa, Obbo Siyyuma Abarraa, Itti gaafatamaa waajjira Bishaaniifi Inarjii Godinaa, Obbo Muluneeh Gizaaw, itti gaafatamaa Misooma Jallisii Godinaa yoo ta'an, namoonni lama ammoo konkolaachisaa fi caasaa gandaa isaan waliin imalaa turan ta'uus himan.

Ajjeechaan kun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamuun kan raawwatamee ta'uu dabaluun BBCtti himan aanga'aan nageenyasaaniif jecha maqaa dhokfatan kun.

Angaa'onni kunneen aanaa Yaayyaa Gullalleerraa osoo deebi'aa jiranii bakka Laga Giraar jedhamutti dhukaasa itti banameen ajjeefamuu eeran.

Haata'uu malee, ajjeechaa aanga'ootaa hidhattoota Waraanaa Bilisummaa Oromootiin raawwatame jedhame kana BBCn qaama himatame kanarraa addatti hin mirkaneeffanne.

Aanga'oota mootummaa ajjeefaman kanaan alattis namni tokko miidhaan qaamaa akka irra gaheefi kanneen hidhattootaan fudhataman akka jiranis himan angaa'aan godinichaa BBCf yaada kennan.

Godinichatti ajjeechaan namoota nagaafi gaggeesitoota mootummaa raawwatamuun waan irra deddeebiin dhagahamaa ture ta'ulleen, angaa'onni godinaa bakka tokkotti haala akkasiitiin yoo ajjeefaman kun kan jalqabaati.

Ji'a Sadaasaa darbes godinichumatti bulchaa aanaa Waacaalee kan turan Obbo Nugusee Kooruu dabalatee qaamoleen nageenyaa hedduun hidhattootaan ajjeefamuunisaanii ni yaadatama.

Afaan qawwee

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'a tokkoon duras godinuma kanatti Aanaa Sulultaatti ajajaa poolisii aaniichaa dabalatee, namootni lama haleellaa hidhattootaan ajjeefamanii ture.

Haleellaa hidhattoonni godinichatti geessisaa jiraniin lubbuun namaa guyyaa guyyaan darbaa jira kan jedhan angaa'aan godinichaa, kunneen angaa'ota godinaa waan ta'aniif oduun isaanii dhagahame malee namni nagaa guyyaatti ajjeefamu lakkoofsa hin qabu jedhan.

Godichichatti hidhattoonni (kan aanga'aan kun diina jechuun waaman) haala addaatiin badii guddaa geessisuuf itti xiyyeefatanii hojjechaa jiranis jedhu.

Daandii Guddaa godinicha keessa darbuun gara naannoo Amaaraa geessu irratti atoobisoota dhaabisuun namoota hedduu butanii ajjeesuun ammoo walitti bu'insa sabaa uumuu kan kaayyeffate fakkaata jedhu.

"Torbeema muraasa dura Aanaa Kuyyuu Ganda Qarree Kuraa jedhamutti atoobisii gara naannoo Amaaraa deemu dhaabsisanii nama 50 caalu butanii fudhatan. Isaan keessaa kan gadhiifame nama muraasa. Hedduu isaanii ni ajjeesu. Kun ta'e jedhamee walitti bu'iisa sabaa uumuu irratti kan kaayyeffatedha," jedhan.

Kana malees, godinichi dhiheenya Magaala Finfinneetti qabuuf jecha xiyyeeffannaa addaa kennuun dararaa fi miidhaa geessisuun dhageettii miidiyaalee argachuuf waan raawwatamaa jiru akka ta'es himu.

Haalli amma godinicha keessa jiru yaaddessaa fi kan lubbuun namaa guyyaa guyyaatti itti ajjeefamu ta'ulleen xiyyeeffannaa rakkinicha madaalu kan hin arganne akka ta'es kaasaniiru aanga'aan BBCn dubbise kun.

Ajjeechaa dhiheenya nannichatti raawwate

Haleellaa Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti Mudde 10, 2024 hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bananiin ajajaa poolisii dabalatee lubbuu namoota lamaa galaafachuun gabaafameera.

Waajjirri Komunikeeshinii aanaa Sulultaa ibsa karaa Feesbuukii isaatiin baaseen, WBOn kan ABO-Shanee jechuun ibse, ''gochaa qaaneessaa raawwate kanaan qondaaltota poolisii waliigaltee araaraa raawwachiisuuf marii hawaasaaf bobba'an irratti dhukaasa banuudhaan lubbuu qaalii namoota lamaa wareeguun akkasumas namoota lama madeessaniiru'' jedhe ture.

Dabalataan gareen kun ''namoota lamas ukkaamsee fudhachuudhaan qabeenya irraan miidhaa geessise cinaatti, humnoota nagaa buusuuf araaraman irraa inaaffaa qabu agarsiisee jira,'' jedhe.

Kana malees achuma Godina Shawaaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti bulchaa aanichaa dabalatee namoonni 45 ol hidhattootaan ajjeefamuu maddeen BBCtti himan.

Jiraatan aanichaa sodaa nagenyaaf maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, walitti bu'iinsi qaamolee mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta'uu hin oolle jechuun shakkan gidduutti Jimaata ganama akka ture himan.

Bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee qaamoleen nageenya mootummaa hedduu ta'an wayita gara walitti bu'iinsi kun uumametti socho'aa jiranii ture garee hidhattota jedhamaniin marfamanii lola walirratti banuu odeeffannoo qabaachuu dubbatan.

Wajjjirri Komunikeeshinnii Mootummaa Aanaa Alaltuus ajjeechaa qondaala mootummaa kana irratti raawwatame balaaleffachuun, "gaggeessaa uummataa ajjeessuun abjuun milkaa'u gonkuma hin jiru," jechuun iseera.

Lola ture kanaanis hoggantoota dabalatee qaamoleen nageenyaa 45 ol ta'an ajjeefamuu akka hin oolleefi kanneen madaa'anii gara hospitaalota Fiicheefi Muka Xurriitti argamutti geeffamuu jiraattoonni BBCtti dubbachuunsaanii ni yaadatama.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.