Sulultaatti ajajaa poolisii fi qondaalli mootummaa akkamiin ajjeefaman?

Madda suuraa, OLF/X
Haleellaa Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti Mudde 10, 2024 hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bananiin ajajaa poolisii dabalatee lubbuu namoota lamaa galaafachuun gabaafameera.
Waajjirri Komunikeeshinii aanaa Sulultaa ibsa karaa Feesbuukii isaatiin baaseen, WBOn kan ABO-Shanee jechuun ibse, ''gochaa qaaneessaa raawwate kanaan qondaaltota poolisii waliigaltee araaraa raawwachiisuuf marii hawaasaaf bobba'an irratti dhukaasa banuudhaan lubbuu qaalii namoota lamaa wareeguun akkasumas namoota lama madeessaniiru'' jedhe.
Dabalataan gareen kun ''namoota lamas ukkaamsee fudhachuudhaan qabeenya irraan miidhaa geessise cinaatti, humnoota nagaa buusuuf araaraman irraa inaaffaa qabu agarsiisee jira,'' jedhe.
Garee WBO ibsa dhimmicha ilaalichisuun baaseen, ajajaa poolisii aanichaa maqaadhaan adda baasanii fi nama biraa isaan waliin ture tokko ajjeesuu ibse.
Akkasumas konkolaataa qaamoleen mootummaa kunneen ittiin imalaa turan barbadeessuu fi qondaala Paartii Badhaadhinaa maqaan adda baasee eeree tokkos madeessuu ibsa baase keessatti eere.
Waajjirri Komunikeeshinii aanaa Sulultaa, ''mootummaan keenya humna kana karaa nagaatti deebisuuf daandii dheeraa qaxxaamuruudhaan gahee olaanaa taphateen hawaasni keenya gammachuu guddaa keessa seenee yeroo jirutti, humni shororkeessaa ABO-Shanee kun akkuma aanaalee fi godinaalee biroo, gama Aanaa Sulultaatiinis karaa nagaatiin akka galan tattaaffii olaanaa gochaa osoo jiruu bifa waamicha Abbootii Gadaa, Haawwan Siinqee fi Mootummaa keenya irraa maqeen gochaa qaanessaa kana raawwatee jira,'' jedhe.
Tibbana waliigaltee ajajaa WBO Gidduugaleessaa duraanii fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa jidduutti taasifame hordofee hidhattoonni aanolee garaagaraa galaa jiraachuu mootummaan himuunsaa ni yaadatama.
Hidhattooni karaa nagaatiin galan kunneenis meeshaa waraanaa isaanii osoo hin hiikkatiin akkuma hidhataniitti simannaan osoo taasifamuufii miidiyaalee biyya keessaa irratti argamaa ture.
Hidhattoonni waamichicha mootummaan dhiyeesseef fudhachuun galan mooraa leenjii haaromsaa galuu mootummaanis ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbata Biyyoota Gamtooman (UN) Keessatti waggoota 30 oliif, wal dhabdee hiikuu irra hojjechaa kan turanii fi amma Siwiizarlaandi kan jiraatan Obbo Baayisaa Waaqwayyaa, hidhattoonni meeshaa isaanii waliin haala tibbana taheen galuun seera miti jedhu.
Kanneen qabsoo nagaatti deebi'uuf waliigalan meeshaa waraana hiikkachuudhaan kallattummaan gara kaampii leenjii haaromsaa qophaa'eef galuu qabu jedhan.
Ajajaan duraanii WBO Zoonii Gidduugaleessaa yeroo mootummaa walii walgatee taasisaniitti naannichatti nagaan ni deebi'a abdii jedhu uumee ture.
Obbo Baayisaan garuu ''mootummaan garee murtaa'e waliin qofa osoo hin taane hidhattoota guutuu walaiin yoo waliigalteerra hin geenya naannoo Oromiyaatti nagaa guutuu deebisuun ulfaataadha ta'a,'' jedhu.
Ajjeechaan Sulultaatti tahe haala akkamiin akka raawwatame beekamuu baatus qondaalonni mootummaa ajjeefaman marii nagaa mijeessuuf akka socho'aa turan odeeffannoon komunikeeshinii aanichaa qoodee ni mul'isa.
BBC'n dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa argachuudhaaf bulchaa aanichaa dabalatee hanga bulchaa godinaatti bilbiluu illeen deebii argachuu hin dandeenye.
Akkasumas Aanaa Sulultaa irraas dhimma odeeffannoo toora Feesbuuk gubbaatti maxxansanii kanarratti dabalataan dubbisuuf yaallee hin milkoofne.
Garuu miidiyaan Addis Standard waajjira komunikeshinii aanichaa wabeeffachuun waa'ee haleellaa kanaa gabaaseera.












