Naannoo Amaaraatti hoggantoonni mootummaa 30 ol akkamiin bakka tokkotti ajjeefaman?

Naannoo Amaaraa Lixa Goojjamitti torban darbe hoggantoonni mootummaa naannichaa fi miseensonni humna nageenyaa 30 ol hidhattoota Faannoodhaan ajjeefamuu bulchaan naannichaa himan.

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

Naannoo Amaaraa Lixa Goojjamitti torban darbe hoggantoonni mootummaa naannichaa fi miseensonni humna nageenyaa 30 ol hidhattoota Faannoodhaan ajjeefamuu qondaalli mootummaa naannichaa himan.

Aanaa Dagaa Daamot magaalaa Faras Beet jedhamu keessatti Sadaasa 26/2017 ''humna mootummaaf odeeffannoo kennitaniittu'' jedhamuun hoggantoonni aanaa hedduu, miseensota milishaa fi poolisoonni shakkamanii hidhattoota Faannoon ji'oota lamaa oliif ukkaamsamanii turan ''ajjeefamaniiru'' jedhan.

Bulchaan aanicha Obbo Waalee Alamaayyoo kaabinoota aanaa isaanii 20 tahu waliin ajjeefaman jedhan Hogganaan Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina Lixa Goojjam.

Xumura ji'a Fulbaanaa keessa humna nageenya mootummaa wlaiin ''waraanni jabaan'' gaggeefamee gaafa Fulbaana 29 bara 2017 aanittiin to'annoo hidattoota Faannoo jala galte jedhan. Kana hordofee humni waraanaa mootummaa aanicha gadhiisanii bahuu jiraattonni BBCtti himaniiru.

Humni Raayyaa Ittisa biyyaa milishaa, miseensota poolisii fi kaabinoota hundaa bakka tokkotti dhiisee bahe'' jechuun jiraataan tokko dubbate.

Itti dabalun haala hin baramneen bulchaan aanichaas magaalittii keessatti hafuu dubbate.

Itti Gaafatamaan Bulchiinsaa fi Nageenyaa Goojjam Lixaa Obbo Mulugeetaa Alam, yeroo Raayyaan Ittisa Biyyaa bobbiif achii bahu citanii duubatti hafuu BBCtti himan.

''Dukkana waan taheef sababoota adda addaanidha muraasni isaanii citanii duubatti kan hafan kan jedhan qondaalli mootummaa kun,'' gareen finxaalessaa hoggantoota hafan kaan jaarsummaa jedhanii walitti qabuun bakka tokkotti hidhan'' jedhan.

Jiraataan naannichaa tokko ''humni Faannoo hawwaasa miidheera. Mootummaaf odeeffannoo fi deeggarsa kennitaniittu'' jechuun hoggantoota mootummaa adamsanii to'annoo jala oolchaa turuu hime.

''Hoggantoonni aanichaa Faannoodhaan hidhamanii turan,'' kan jedhan jiraataan kun buufata poolisii bulchiinsa aanichaa keessatti argamu keessatti hidhamanii akka turan himan.

Maqaan koo akka dhahamu hin barbaadu kan jedhan ogeessi qonnaa hidhamtoota keessaa tokko tahuu himan, eeruu Fulbaana 29 godhameen akka qabamanii turan BBCtti dubbatan.

Ogeessa kana dabalatee akkasumas dubartoota sagal waliin walumaagalatti namoonni 115 tahan Faannoodhaan hidhamanii akka turan dubbatan.

''Ganama nu galchuun sa'a booda ammoo nu baasaa akkasumas keessaa gadhiisaa fa'aa turan'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hidhattoonni Faannoo namoota jibba dhuunfaa irraa ka'e hidhaman adda baasuun gadhiisanii namoonni 57 achitti hafuu dubbatan.

Hoggantoonni Faannoo waan ittiin shakkaman akka ibsan gaafatamuu kan himan namni hidhamanii bahan kun, dhumarratti isaa dabalatee namoonni 37 gadhiifamuu himan.

Jalqaba ji'a Onkoloolessa keessa naannoo buufata poolisii namoonni kunneen hidhamaniitti haleellaan diroonii raawwachuu himan jiraataan kun.

Haa tahu malee hidhamtoota irra miidhaan waan hin geenyeef hidhattoonni Faannoo namoota achitti hanbisan gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Gomaaxaa jedhamuutti geessan jedhan.

Hanga guyyaa ajjeefamniittis achi keessa tursiifamuu dubbatan.

Namoonni hidhaman kunneen meeshaalee hidhatanii jiran hidhattoota Faannootti kennuu namoonni ijaan arganis himaniiru.

Hawwaasni naannichaa namoota hidhaman kanneen gadhiisisuuf kadhataa turuu fi maatiin isaanii gara mootummaatti iyyachaa turuu jiraataan BBCtti dubbate himeera.

Obbo Mulugeetaan garuu bakkichi ''fagoo waan taheefi sarara irraa waan maquuf humni nageenyaa mootummaa yoo gale malee gadhiisisuun akka hin danda'amne'' dubbatan.

Roobii darbe gaafa Sadaasa 25 bara 2017 humna mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu'insa dhalateen Faannoon hidhamtoota 37 tahan halkan sa'a 9:00 irratti bakka turanii baasuu namoonni ijaan argan himan.

Maqaa isaanii waamanii bakka lamatti qoodanii baasan. Jalqaba namoota 31 marsaa lammaffaan namoota jaha konkolaataadhaan fe'uun magaalaa Faras Bet jedhamu irraa tilmaamaan KM 3 irratti mana barumsaa argamtutti akka fudhatan hime.

Yeroo mooraa mana barumsichaa geenyu hanga bu'aa nu jedhanitti hin eegne. Ofumaan buune. Warri marsaa lammataa irratti dhufan deebi'aa bahaa nu jedhan. Kanumaan deebinee konkolaataa irra bane jechuun yeroo dhumaaf waan argan BBCtti himan.

''Warra 31 duraan deeman gara mooraa mana barumsichaatti galaa jedhan. Erga nuyi achii baanee sagalee dhukaasaa dhageenye,'' jedhe.

Hidhattoota Faannoodhaan hidhamanii kan fudhataman hoggantoonni aanichaa 31 ''Faras Beet Mikaa'el'' bakka jedhamutti geeffamuun ajjeefamuu jiraattonnii fi namni ijaan argan tokko BBCtti himaniiru.

Hogganaan Bulchiinsaa fi nageenyaa Godinichaa Obbo Mulugeetaan ''hoggantoonni siyaasaa fi nageenyaa'' 37 ji'a lamaaf erga hidhamanii maallaqa akka kaffalanii fi akka salphatan erga godhamanii booda ''bakka tokkotti ajjeefamaniiru'' jedhan.

Obbo Mulugeetaan ''hoggantoonni kunneen deebi'anii akka gara caasaa mootummaatti hin gallee fi bulchiinsa aanichaa dadhabsiisuuf jecha ajjeefaman'' jedhan.

Namoonni hafan jaha gara Qatsalaa jedhamutti erga geeffamanii booda ''kana booda akka irra deebiin dogogora hin hojjenne'' jedhamuun gadhiifamuu dubbatan.

Hidhattoonni Faannoo naannoo Oromiyaa Shawaa kaabaa keessatti namoota nagaa ajjeesuun himatamu.

Tibbanuma Horroo Guduruu Wallagga Bahaa aanaa Amuruutti keessatti dargaggoota hoolota daldalan irratti ajjeechaa raawwachuu jiraattonnii fi bulchaan aanichaa himaniiru.