Qabsoon hidhattoota Faannoo jijjiirama akkamii fiduu danda'a?

Miseensoota Faannoo Goojjam

Walitti bu’insii hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa jidduutti wagga tokko darbeef naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiru sochii waliigalaafi jireenya ummatichaa guyyaa guyaaarratti dhiibbaa taasisuun himama.

Sababii kanaatiinis wagga tokko darbeef naannichaatti sochiin daldalaa, geejjibaa, fayyaa, barnootaa fi kaan gufachuusaa jiraattoonnii fi aanga’onni naannichaa ni dubbatu.

Walitti bu’insi baatii 15 dura naannichatti eegale tibba gannaa qabannaa’ee kan ture yoo ta’u, torbanoota muraasa darban keessa ammoo naannoo Goojjamiitti cimuu jiraattoonni ni dubbatu.

Mootummaa hidhattoota Faannoo irratti duula bal'aa gaggeessaa jiraachuun kan himame yoo ta’u, hidhattoonni ammoo kan bara darbee caalaa ‘‘cimuudhaan humnoota mootummaa dura dhaabbachuuf dandeettii’’ horachutu himama.

Hayyuun maqaansaanii akka hin dhahamne gaafataniifi dhimmichatti dhiheenya qaban tokko, ‘‘Faannoon dirree waraanaatiin mootummaa kuffiisuu baatuulleen gara mariitti akka seenuuf ykn filmaata gara biraa akka barbaaduuf ni dirqiisiisa’’ jedhu.

Haata’u malee hanga ammaatti caasaa ijaarsa walfakkaatu qabaachu kan dadhaban gartuuwwan Faannoo, ejjannoon waa’ee marii qaban, gaaffiin dhiyeessanii fi mari’ataa bakka isaan bu’u ilaalchisee wanti qabatamaan dubbatamu danda’amu hin jiru.

Gartuuwwan tokko tokkos mariidhaaf fedhii akka hin qabne dubbatu. Miseensi paartii Badhaadhinaafi hayyuun haala naannichaa itti dhiheenyaan hordofan kan BBCn dubbise, ‘‘Carraan Faannoon qabu dandeettii amma ummate qabchuun mariidhaaf dhiyaachuu’’ ta’u dubbatu.

Faallaa kanaatiin yoo Faannoon waraanaa wagga tokko darbeen naannicha keessatti miidhaa olaanaa qaqqabsiiseen injifachuuf galma godhatee itti fufuu yoo filate, ‘‘Faannoon jiraachuunsaa balaarra kufa, mootummaan ammo humnasaa cimfata’’ jedhan.

Imala waggaa tokkoo

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tibba waraanaa Tigraayiitti raayyaa ittisaa maddii hiriiruudhaan hidhannoosaa kan cimse Faannoon, waraanaan booda ammo bulchiinsa naannichaafi mootummaa federaalaa waliin mufii keessa seene.

Gaaffii daangaa naannoo Amaaraa fiTigraay jidduu haala furmaata dhabuufi ummanni Amaaraa qaamoolee garaagaraatiin miidhaaf kan saaxilameedha jechuun, humnni addaa fi Faannoo hidhannoo akka hikkataniif murtee darbeen gara walitti bu’iinsaatti ce’e.

Faannoo kan deeggaraniifi siyaasaa Amaaraa keessaa kan hirmaatan Dr Misgaanaawu Andu’alam, ‘‘yeroo ummanni Amaaraa kan haleellaarraa isa ittisu barbaaduutti, ‘‘waliigaltee Piritooriyaatiin booda yoo humni addaa diigamu ummanni tikseen irraa fudhatame Faannoo ta’e dhufe’’ jechuun sababii walitti bu’insiichaa jalqabaa kaasu.

Miseensi ABIN obbo Alamuun (maqaansaa kan jijjirame) waraanni naannoo Amaaraa ‘‘kan ummaticharratti dhufeedha malee, kan ijaaramuufi itti yaaduun eegale miti’’ jechuun mootummaa himatu.

Faannoo Goojjamootti walitti qabaa ittaanaa fi ittigaafatamaa dame siyaasaa, Asiras Maara, mallattoon waraanichaafi dubbii babarbaachi waraanaa Tigraayiin maddii akka ture ibsa.

Yeroo sanatti gareewwaan Faannoo tokko tokko waraanaa Kaabaa keessaatti kan himaatan yoo ta’u, ALI bara 2013 irraa kaasee keessattuu Goojjamiitti ‘‘humna kan hidhannoo hiikkachiisuuf yaalamaa ture’’ jedhu.

Deebii harkifataa mootummaa miidhaa ummataa Amaaraa irratti eddoowwan garaa garaatti irra gahuuf kennuuf agarsiise, sababii kana waliin eeda’amuun rakkoo amma naannichi keessatti argamuuf gahu dubbata.

Yeroo ammaa kanattis dandeettiin Faannoo kan mootummaa dura dhaabbachuuf dandeessitu ta’u hima. Namni miseensa Badhaadhiinaa turan BBCn dubbiise garuu, Faannoon dandeettii wagga tokko keessatti horateen dandeettii mootummaa jijjiru irra akka hin geenye akka amanan dubbatu.

‘‘Faannoon jalqaba walitti bu’insichaatti gandoota keessatti ture kan walitti qabaman. Amma garuu gara garee hidhataa qabaachuutti caasaa uumuuf yaalii taasisaa jira’’ jedhu.

Haata’u malee adeemsi kun kan dadhabbiiwwaniin guutame ta’u kan kaasan hayyuun kun, caasaan tokkichi dhabamuun, rakkooleen disippiliinii, jidduugalummaa fi dursaa kan humnoota Faannoo biratti bal’inaan mul’atuudha jedhu.

Miseensi ABIN obbo Alamuun ammo qabsoon Faannoo wagga tokko keessatti dandeettii olaanaa ummatulleen garuu ummaticharratti badii namoomaa fi qabeenyaa olaanaa hordofsiisuu dubbata.

Itti dabalunis, Akkasumas naannichatti eddoowwan garaagaraatti caasaa mootummaa diiguun aangoo gibira sasaabuu harkaa fudhachu dubbata.

Qoodiinsa keessoo fi tokkummaa

Hidhattoonni Faannoo naannoolee baadiyaa naannichaa irra caalaa to’achu dubbatan illeen, hoggansi hidhattoota kanneen akka tokkootti dursu hin qaban. Baatii tokko dura hoggansa tokko qabaachuuf walgahii taa’an illeen, osoo bu’aa qabatamaa hin argatiin hafe. Sababii kanaatiin, kaan adda of baasanii kaan ammo qaama hundeeffame jedhame keessa galan.

Kunis Faannoo keessa garaagarummaan fedhiifi ejjannoo jiraachu akka mul’ise dubbatama. Sochiilee Faannoo hundeeffama dhaabbataa morman keessaa tokkoo Asmaara Maara, ‘‘Gaaffiin qabsoo hanga tokko ta’eetti Faannoon qoodameera hin jechiisiisu’’ jedha.

Haata’u malee ‘‘hundeeffamni tokkummaa ammalleen sadarkaa adeemsa mariirra jira. Duulaan taasifamuurra adeemsuma isaa eeggatee akka dhufuuf hojii waloo hojjachuu itti fufne’’ jedha.

Gareewwan Faannoo naannicha eddoowwan garaa garaa keessa socha’an jidduutti maddi garaagarummaa, adeemsicha ‘‘xumuruuf hariifachuudha’’ kan jedhan miseensi Badhaadhiinaa duraanii, ‘‘garaagarummaan yaadaa umamuu qofaa osoo hin taane,bu’aan booda deeggartoonnis dubbicha harbeessuudhaan gara haala balaafamaatti’’ akka geessan dubbata.

Yaaliin gareewwan Faannoo gara tokkootti fiduu milkaa’u baatulleen, adeemsiisaa saffiisaa fi hanga tokkoon milkaa’aa akka ture kan dubbatan Dr Misgaanaawu, haata’u malee wal himannaa cimaa deeggartoota jidduutti mudateen ‘‘wanti ta’u hin mallee fi kan tokkummaa gara fuulduraa hubannoo keessa hin galchiineedha’’ jechuun qeequu.

Garaagarummaan fedhii aanga’oota Faannoo tokkummaan akka hin dhaabbanneef gufuu akka ta’e kaasuun, ilaalchi naannummaa fi gaheen namoota fedhii sochiicha olaantummaan hogganuuf qabaniis adeemsiicha akka diige dubbatu.

Miseensi Badhaadhiinaa duraanii kun ammo, siyaasa Amaaraa keessatti ‘’ilaalchi gandummaa hundee gadi fageeffate Faannoon akka dadhabuuf gumaata taasisuulleen, isaanis tokko ta’uf rakkataa jiru’’ jedha.

‘‘Ijaarsiiwwan garee lamaatti qoodaman kunneenis adeemsa naannichaa waliigalaa qabu. Gandummaafi dhimma aangoo jira. Muudaan ala jiru mataansaa walii hin galu. Kanaafuu rakkoon of dursuu kun dhiheenyatta ni furama amantaa jedhu hin qabu’’ jedha.

Walta’iinsa dhaabbiilee biroo waliin

Humnootiin Faannoo irra deedebiin akka himaniitti kaayyoonsaanii mummeen sirna mootummaa paartii Badhaadhinaa irrati qabsaa’u yoo ta’u, garuu dandeettiifi ijaarsa haala siyaasaa biyyattii keessa jiruu hubannoo keessa galchu qabaachuun gaafachiisaadha.

Kanaanis humnootiin fedhii siyaasaa fi kaayyoo qaban hedduun biyya keessa jiruutti Faannoon humna deeggaraadha jedhuun dhabuu akka fakkeenyaatti kaasu xinxaltoonni.

‘‘Ummanni Amaaraa sirnichi ni kuffiisa’’ kan jedhan Dr Miisigaanaawu, sun wayita ta’utti garuu mootummaan ce’umsaa ni barbaachisa. Yeroo sanatti sirna ummanni Itoophiyaa hundi keessatti hirmaatan hundeessuudhaaf, humnootiin garaagaraa gara mariitti dhufu jedhanii amanu.

Asiras Maara gamasaatiin, sochiin Faannoo qofaasaa ‘‘gaaffii siyaasaa Itoophiyaa hundaaf furmaata fida jennee hin ammannu’’ jechuun, humnoota ilaalcha walfakkaatu qaban kaan waliin ta’uun ‘‘sirna haqa- qabeessaa ta’e ijaaruuf’’ akka hojjatu ibsa.

Kanaafuu waliin hojjachuudhaaf qorannoo gaggeessaa jiraachuufi ‘‘tokko tokko waliin mallattooleen abdii jira, kaan waliin ammo dhimmoon gonkumaa waliin nu hin galchiine jira’’ kan jedhu Asras, garuu ammo sana fiduudhaaf ‘‘ejjannoo nuti barbaachisaa nu taasisan irra gahuu qabna’’ jedha.

Obbo Alamuun ammoo Faannoowwan humnoota siyaasaa biyyattii kaan waliin walta’insa uumuudhaaf ‘‘dursa rakkoo keessoosaanii saffiisaan xumurachu qabaatu’’ jedha. Kana malees ‘‘yoo hirreesaanii cimfataa adeeman barbaachisummaansaanii ni dabala. Marii madaalawaa taasisuuf ni mijata. Qaamni humna fooyya’aa qabu kaan walitti qabaa adeema’’ jedhu.

Hayyuun BBC dubbiise akka jedhaniitti ammo, Faannoon humnoota biyyattii keessa socha’an keessaa deeggaraa argachu danda’a. Garuu ammo gariichi kaayyoosaa milkeessuuf walta’insi kun hangam isa gargaara gaaffii jedhuu kaasu.

Itti dabalunis Faannoon Faannoon jijjirama qabatamaa fiduu kan danda’u yoo humnoota muxannoo qaban qaliin walta’insa uumuu danda’eedha. Walta’insii akkasii ammo, sochii Faannoo naannicha bira darbuun gara naannoolee biyyattii kaaniitti akka bal’atuuf ni dandeessisa.

Faannoon yoo hoggansa tokko jala galuu danda’e fi yoo walta’insa dandeettii siyaasaa fi waraanaasaa qindeessuuf gargaaru uumuu danda’e, kallattiin sochiichaa bu’urrarraa jijjiramu danda’a. Garuu ammo haala qabatamaa amma jiruun Faannoo humni keessaayis ta’e allaa isa gargaaru waan hinjirreef haalli sochiichaa yeroo gabaabaatti ni jiijjirama amantaa jedhu hin qaban.

Filannoo marii nagaa

Walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa wagga tokko lakkoofsiisee hanga ammaatti nagaa buusiif wanti agarsiisu hin jiru. Kanaan wal qabtees, barattoonni bara darbe mana barnootaa seenuu qaban miiliyoona jaha keessaa ‘walakkaan ol’ kan ta’an sababii walitti bu’iinsichaatiin osoo barnoota hin galiin hafan. Bara kanas barattoot miliyoona lamaa gadi qofti galmaa’u naannichi ibseera.

Akkasums dameen qonnaa, fayyaas sababiidhuma walitti bu’insichatiin rakkoon mudateera.

Kana malees waeaanichan namoonni nagaa hedduun ajjeefamaniiru. Dhaabbanni mootummaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa fi dhaabbileen mirgaaf falaman yeroo adda addaatti gabaasa baasaniin, namoonni nagaa hedduun ajjeeffamu, kaaan miidhaan irra gahuufi qe’esaaniirra buqqaafamu himan.

Walitti bu’insa kana karaa mariitiin furuudhaaf mootummaan federaalfi mootummaan naannichaa karriisaanii banaa ta’u akkasumas manni maree qaamoolee lamaan araarsu hundeeffamulleen hanga ammaatti yaaliin qabatamaan eegalame akka hin jirre himama.

‘‘Kan qabsoofnu gaaffii siyaasaatiif. Galmi keenya nagaa fiduudhaaf’’ kan jedhuu Asras Maara, ‘‘karaa siyaasatiin nagaa fiuun waan dadhabameef humnaan fiuuf qabsaa’aa jirra. Kan yaadnu nu milkaa’ee ummanni boqonnaa hawaasummaa osoo argatee gammachuun keenyaa daangaa hin qabu’’ jechuun marii haqa qabeessaa akka fudhatu akeeka.

Ta’us mootummaan marii dhugaa barbaadusaatti shakkii qabaachuu, ta’ulleen ‘’yoo carraan gaaffiin ummata Amaaraa ittiin deebii’u jiraate gara mariitti haalli itti hin dhufne hin jiraatu’’ jechuun hanga ammaatti gaaffiin ifatti akka hin dhiyaanneef kaasa.

Dr Misgaanaawu mariin jiraachuu akka danda’u amanu. Haata’u malee Faannoowwan filmaatasaanii kaa’u qabaatu jedhu.

Kanas ta’e dhimmi marii amma kan saffiiseedha kan jedhan Dr Misigaanaawu, ‘‘haala amma jiruun kaayyoon Faannoo sirna jijjiruudha. Ijaarsi Faannoo muraasni haa mari’annu jedhan illeen, marii dhuunfaa waan ta’ef eessayyuu hin gahan’’ jedha.

Hayyuun maqaasaanii dhokfatan kun garuu ‘‘Faannoon amma mariitti dhufuu qabaata’’ jechuun, yaada mriirraa baqachuurra, yaaddoosaanii dhaabbiilee idil-addunyaa fi qaama sadaffaatti beeksiisuun waan irratti wal amanan gaafachuu wayya. ‘‘Sababiinsaas ummanni waraanaa keessa jiraachu hin qabaatu’’ jedhan.

Mootummaan irra deeddebiin waliti bu’insaa mariin furmaata barbaachu akka barbaadu fi ‘‘hololo mootummaan hojjatuu fi dhugaan lafarra jiru addadha’’ jedhu hayyuun kun. Mootummaan mariicha akka barbaadus ni amanu.

Haalli nageenyaa qaxanichaa fi haallii waraanaa akkasumas qaala’insii jireenyaa moorummaa dhiphina keessa galcheera. Sababiiwwan kanaafi kan biraatiinis mootummaan marii barbaadulleen, ‘‘of jajaa jira,’’ jedhu namni miseensa badhaadhinaa duraanii turan kun.

Sababii kanaatiin mariachi kaawunsii nagaa naannichaan hundeeffameen ykn qaamoolee kaaniin dhiibanii akka fidaniif barbaduun alatti kaka’umsa saatiin ni fida amantaa jedhu hin qaban.

Xumurriisaa maal ta’u danda’a?

Rakkoo walitti bu’insichi naannichaa keessaatti uumeen wali biratti yoo ilaalame, furmaanni nagaa osoo argameef kan baayyeen barbaadaniidha. Hanga ammaatti garuu filamaatiiwwan haala nageenyaa sana agarsiisan hin umamne. Siriiyyuu walitti bu’insiichii caalaa akka itti hin cimne yaaddeessa.

Obbo Alamuun akka jedhaniitti, sochiin Faannoo dhaabbiilee idili=addunyaafi mootummota biraatti beekkamu kaasanii, ‘‘dhiibbaa alaatiin ykn marii haqa qabeessaan Faannoon mootummaarraatti dhiibbaa uumuu akka danda’u’’ amanu.

Dr Misgaanaawu walitti bu’iinsa dheeraa gaggeessuun ummata gatii baasisa jedhanii amanu. ‘‘Kanaanis hanguma waraanni dheereechaa adeemuun ummanni nuffii danda’a’’ jedhu.

Namni miseensa badhaadhinaa duraa ta’an kun ammo, ‘‘Faannoo hoggansa tokko qopheeffachuun tokkummaan dhaabbatee mootummaa waliin yoo mari’ate, naannicha bira taruun biyyaafilleen carraa gaariin;; akka umamu amanu.

“Kun yoo hin taanee garuu mootummaan humnsaa cifachuun, faallaasaatiin Faannoon ummataa keessaa bahaa waan adeemuuf haaliichaan dirqamee marii keessa galuu danda'a'' yaada jedhu qabu.