Ajjeechaafi dararaa hidhattoonni Faannoo Gojjaam namoota nagaarratti raawwatan hanga ammaa waan beeknu

Madda suuraa, Social Media
Naannoo Amaaraa Godina Goojjam Kaabaa, Aanaa Meeccaa Kibbaatti Wiixata Adooleessa 23, 2024 ‘mootummaa waliin walgahii taa’aniiru’ jechuun, hidhattoonni Faannoo namoota nagaa ajjeesuufi dararuu jiraattoonniifi aanga’oonni godinichaa himan.
Hidhattoonni Faannoo magaalaa Garcaac jedhamtu (magaalaa aanaa Mahaal Gannat) keessaa namoota 17 mootummaa waliin ‘marii nagaa’ taa’aniiru jedhe erga to’ateen booda, jilbaan foqoqsiisuurra darbee darara guddaa erga irraan gahanii booda afur ajjeesanii kanneen hafan hidhuusaanii BBCn hubateera.
Jiraataan naannichaa tokko, dhimmisaa ‘marii nagaa ittiin shakkaman osoo hin taane’’ barmaatilee miidhaa geessisan ilaalchisuun leenjiirratti hirmaachuuf Baahir Daar gahanii yoo deebii’an miidhaan irratti raawwatamu ibsan.
Bulchaan Godina Goojjam Kaabaa, miidhamtoonni kunneen Adooleessa 19 sagantaa barmaatilee miidhaa geessisan sadarkaa godinaatti jira jedhamerratti hojjetan leenjii leenjiftootaarratti erga hirmaatanii booda gara naannoosaaniitti yoo deebii’an dararamuufi ajjeechaan akka isaan mudate ibsaniiru.
Hidhattoonni Faannoo gara waggaa tokkootiif naannichatti mootummaa waliin walitti bu’iinsarratti argamanis, naannicha yeroo dheeraaf to’atanii akka jiran BBCn jiraattotarraa hubateera.
Kana dura haalli akkasii mudatee akka hin beekine kan dubbatan jiraattonni naannichaa, gochaan abbootii amantaa, jaarsoliifi dubartootarratti raawwatameen baayyee gadduu himan.
BBCn viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta’efi bal’inaan qoodame, akkasumas odeeffannoo bulchiinsi naannichaa baase bu’uurreeffachuun haalicha hubachuuf yaaleera.
Kanaaf, sababii dararaafi ajjeechaa namoota kanaa? Walgahiirratti hirmaataniiru jedhame eenyu akka qopheesse? Odeeffannichis eessaa dhufe? Carraa namoota lubbuun hafaniifi kaaniif deebii argachuuf yaaleera.
Walgahichi eenyuun qophaa’e?

Madda suuraa, Social Media
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Jiraattonni miidhaan irratti raawwatame walgahii paartiin biyya bulchu Badhaadhinni qoppheesserratti hirmaatan jechuun [hidhattoota Faannootiin] himannaan kan irratti dhiyaate ta’us, walgahiin jarreen kunneen irratti hirmaatan garuu kanaan adda ta’u BBCn jiraattotaafi qopheessitoota walgahicharraa hubachuu danda’eera.
Leenjiicha kan qopheesse dhaabbata miti-mootummaa ‘Amref Health Africa’ jedhamu yoo ta’u, leenjichis guyyaa walakkaaf ture. Kaayyoon leenjiichaas marii gochaawwan barmaatilee miidhaa geessisan ittisuurratti kan xiyyeeffate akka ture qaamni qopheessee kun BBCf mirkanneesseera.
Leenjii gaafa Jimaataa Adooleessa 19, 2024 Baahir Daaritti gaggeeffamerratti kanneen hirmaatan hundi yeroo leenjiichaa xumuruun ‘‘nagaadhaan gara dhufaniitti deebi’aniiru’’ kan jedhan qopheessaan walgahichaa.
Namoonni leenjii dhaabbata miti-mootummaa dhimmoota fayyaarratti hojjatu kanaan qophaa’erratti hirmaatanis dubartoota, jaarsoolii biyyaafi abbootii amantaa naannoosaaniitti dhageettii qabanidha.
Haata’u malee, gareen Fannoo naannicha keessa socha’u jiraattonni walgahii mootummaan qopheesserratti argaman shakkii jedhuun jiraattota akka darareefi kaan ajjeese jiraattonni ibsaniiru.
Hirmaattonni leenjichaa wayita gara naannoosaaniitti deebi’an kan isaan hin eegne akka isaan mudate dubbatu jiraataan.
“Namoonni shakkaman’’ kunneen erga gara naannoosaaniitti deebi’anii booda hidhattootaan manasaanitii qabamanii akka walitti qabaman taasifame.
Ummata fuldurattiss daandii dheeraa haala salphiinaafi dararaatiin jilbeeffachiisuun akka foqoqan dirqisiifamuu jiraataan tokko BBCtti himan.
“Faannoon Badhaadhinatu walitti isaan qabe jechuun hidheen’’ jechuun taatee sana kan ibsan jiraataan gara biraa ammoo, tarkaanfiichis ‘‘adabbii haata’uu, kan ittiin baratamu hin beeku’’ jedhan.
Waraabbii viidiyoo taatee dararaa mul’isuufi miidiyaa hawaasaarratti haalaan qoodamerratti, dubartoonni afuriifi dhiiroonni 12 yoo dirqamaan jilbeefatanii daa’iman/foqoqan ni mul’atu.
Suuraalee mata-duree ‘‘baandaawwan kaawunsiliin ergamtuu sirnichi [mootummaa] ijaareen walitti qabamanii turan haala kanaan simannaan taasifameefiira’’ jedhu irratti dubartoonni, jaarsoliifi abbootiin amantaa ummata dura jilbeebbiin yoo daa’iaman agariisa.
BBC waa’ee taatee ijoo dubbii ta’e kanaa garee hidhattoota Faannoo naannicha keessa socha’an dubbiisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Waa’ee ajjeechaa raawwatamee
Bulchaan Godina Goojjam Kaabaa, Obbo Asaffaa Xilaahun jiraattota hidhattoota Faannootiin ajjeechaafi dararaan irratti raawwatame kunneen mootummaa waliin walgahii teessan jechuun akka ta’e BBCtti himan.
“Namoonni kunneen hirmaattoota ‘marii nagaa’ ta’uun mootummaa waliin mari’ataa akka turan gochuun hubachuun hirmaattota walgahii 17 jilbeeffachiisuun gara adabbiitti geessan’’ jedhan.
Isaan keessaas afur maqa Budigudiit jedhamuufi kan tilmaamaan magaalaarraa fageenya kilomeetira afur irratti argamutti halkanuma sana ajjeeffamanii reeffisaanii barii gaafa Kibxataa ganama argamu jiraattonni BBCtti himan.
“’Kan kana agarte adabadhu, baandaa, obboleessa keenya yoo ta’eyyuu hin dhiifnuuf’’’ jechaa deebiisanii mana hidhaa erga seensisanii booda, arfan saanii halakan baasanii ajjeesan,’’ jedhan jiraataan kun.
Tarkaanniif hidhattootaan fudhatame kanaanis dhiiroota afuriifi dubartiin tokkoo ajjeeffamu jiraattonniifi bulchaan naannichaa BBCn dubbise mirkaneessan.
Sababii namoota hidhattootaan to’ataman keessaa jarri arfan qofti itti ajjeeffaman irratti odeeffannoo gadi fageenyaan hubachuuf yaaliin BBCn taasise deebii qabatamaa hin arganne.
Jiraattonni Faannoo naannichatti argaman harka jiru jedhamanis sa’aatiiwwanii booda arfan isaanii ‘‘gara jabinaan ajjeeffaman’’ kan jedhan bulchaan godinichaa Obbo Asaffaan, bulchiinsisaanii haala ajjeechaa sanarratti odeeffannoo gadi fagoo akka hin qabne dubbatan.
“Dhimmichi nama gaddisiisa’’ jechuun waa’ee ajjeechichaafi hidhaa kan dubbatan jiraataa BBCn dubbise, namoonni 13 Faannoon hidhamanii turanis guyyootaan booda Roobii darbe gadhiifamuu himan.
Jiraataan gara biraa ammoo namoonni to’atamanii turan maallaqa gaafataman erga kaffalanii booda akka gadhiifaman dhagahuu ibsan.
Waa’ee namoota ajjeefamanii jiraattonni kan jedhan
Namoonni hidhattootaan ajjeefaman “ija naannoo sanaati. Aanichattis, sadarkaa naannoottis namoota beekaman turan.
Gootawwan misoomaa turan,” jechuun waa’ee namoota ajjeefamanii kan dubbatan jiraataan tokko, sirni awwaalasaaniis Kibxata bataskaan Goorgisii Garcaac jedhamu keessatti raawwatamuu ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Amaaraa A L I ibsa Kibxata Adoolessa 16, 2016 baaseen, taateen kun, “gocha gara jabinaati” jechuun kan ibse yoo ta’u, tarreeffama maqaa hidhattoota Faannootiin ajjeefaman jedhee ifa godheera.
Hoji-gaggeessaan ‘Beetekinatii’ aanichaa Mariigeetaa Giruum, Obbo Azzanee Adimaas, Obbo Asimaamaawu Abbee, akkasumas Aadde Yeneehaayyeu Daanyee kanneen jedhaman jiraattonni magaalattii ajjeefamuu beeksiseera.
Bulchaan kun waa’ee namoota ajjeefamanii yeroo ibsan, “ummata duratti fudhatama kan qabaniifi ummatichis bakka nu bu’a” jedhee kanneen yaadudha jedhan.
“Qabsoo jechuun bishaan jechuudha; kanuma arge nyaata. Yoo xiqqaate hawaasichi maaliif? Akkamiin jedhee ni gaafata kan jedhu yaadeen ture,” jechuun waan ta’e sana kan ibsan jiraataan tokko; haleellichi odeeffannoo dogoggoraatiin raawwatameera amantaa jedhu qabu.
“Wanta hin qulqullaa’iinirratti dhugaadha jedhanii ‘girrigirrii’ uuman….Bakki oolan sirriitti qulqullaa’eera osoo ta’ee [ajjeechaafi nama butanii hidhuun] kun mudachuu dhiisuu danda’a ture,” jedhan.
“Biltsigaannan fuudhee akkas godhee isaan mariisise; akkas godhanii biyya gurguranii galan’ jechuun kan itti baalte namadha,” jechuun ajjeechaafi darara mudateef qubsasaanii hidhattoota naannoo sana keessa socho’an caalaa namoota odeeffannoo sobaa kennuun eeraniiru jedhanitti qabaniiru.
Gaddaafi yaaddoo uumame
Aanaalee 10 godina haaraa hundeeffame Goojjam Kaabaa keessaa tokko kan ta’e aanaan Mechaa Kibbaa; erga walitti bu’iinsi mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti dhalatee as aanaan kun yeroo dheeraatiif to’annoo humnoota Faannoo jala jira.
Naannawaa sana yeroo wagga tokko ta’uuf ‘Koree Hawaasaa’ Faannoon diriirseen bulchaa jira kan jedhan jiraattonni, kanaan dura rakkoon kana fakkaatu mudatee akka hin beekne eeruun wanta uumame kanaan jiraattonni rifachuusaanii ibsaniiru.
“Hattuun hin jirtu, reebichi hin jiru, yakki hin jiru bulchiinsa callisee gadi jedhee jiraatuti ture. Wanti ‘kosh’ jedhu tokkollee hin jirtu. Amma garuu beellamni isa balleessuufi isa baduu tokkodha, kun mudateera,” kan jedhan jiraataan biraa, namoonni“qindeessaniiru” jedhaman odeeffannoo dogoggoraa kennuu isaaniitiin haleellaan kun raawwatameera jedhan.
Bulchaan godinichaas, “akka kanaa haala ifa ta’e keessattiifi waraanni naannoo sana osoo hin jiraatiin akka kanaa shakkiidhaan [Faannoon] tarkaanfii yoo fudhatu kun isa jalqabaa natti fakkaata,” jedhan.
Naannawaan sun ammallee to’annoo hidhattoota Faannoo jala akka jiru kan dubbatan jiraattonni, naanawwaa sanatti dararaafi ajjeechaan namoota beekamoorratti raawwatamuu hordofee yaaddoo keessa galuusaanii dubbatu.
Bulchaan godina Goojjama Kaabaa Obbo Asaffaa Xilaahun gamasaaniitiin hidhattoonni kunneen, “tarkaanfii dabalataa fudhachuu danda’a jechuun muddamni guddaan kan uumame yoo ta’u, hawaasa naannawaa sana keessatti cabinsi qoor-qalbii, soda, naannoo sana gadhiisuun” akka jiru eeraniiru.
BBCn haala naannoo sanatti uumame jiraattotaafi namoota ijaan arganirraa hubachuudhaaf carraaqqii guyyootaaf taasiseen namoota 15 ta’an kan dubbise ta’us, baayyeen isaanii yaaddoo nageenyaa akka qaban ibsuun fedhii akka hin qabne himaniiru.
Carraaqqiiin BBCN naoota hidhattoota Faannoon qabamanii turanii gadhiifaman jedhan keessaa hanga tokko dubbisuudhaaf taasise sodaafi yaaddoo keessa jiranirraa kan ka’een wanta tokkollee dubbachuu akka hin barbaanne ibsaniiru.
Jiraattonni gabaasa kana keessatti gaafataman nageenyasaaniitiif yaadda’uun maqaasaaniifi dhimma eenyummaasaanii agarsiisu akka hin fayyadamne waan nu gaafatanii maqaasaanii hin ibsine.












