Naannoon Amaaraa dararaa hidhattootni namoota nagaarratti raawwataniin 'seenaa qaanessaa' jedhee balaaleffate

Madda suuraa, Viidiyoo miidiyaa hwaasaarra naanna'u kan AMC qooderraa screenshot fudhatame
Mootummaan Naannoo Amaaraa ajjeechaafi gocha sukanneessaa hidhattoonni ‘Faannoo’ tibba kana godina Goojjam Kaabaa aanaa Meccaa Kibbaatti abbootii amantaa, maanguddootaafi dubartoota dabalatee namoota nagaarratti raawwatan balaaleffachuun ibsa baaseen, “lammilee nagaa ajjeesuudhaan kaayyoo kamiyyu galmaan ga’uun hin danda’amu,” jedheera.
Ibsi kun miseensonni garee hidhattootaa Goojjama Kaabaa naannawaa Baahir Daar keessa socho’an A L I Adoolessa 15, 2016 namoota nagaa dhimma hawaasummaa isaaniitiif scho’aa turan 15 qabanii yeroo namummaa isaanii salphisaniifi hiraarsan argamaniiru jedha.
“Ummataafan dhaabadha kan jedhu gareen kun bifa duudhaa ummata Amaaraaraan ala ta’een warra qabate keessaa haadha tokko dabalatee namoota sadii ajjeesuu isaa ibseera.
Gochi kun seenaa ummata Amaaraa keessatti fokkisaa waan ta’eef hawaasichi nagaa argameef qabsoo jalqabe akka cimsee itti fufuufi falli nagaa mootummaan kaawunsilii nagaa waliin hojjechuu jalqabe bu’aa akka argamsiisuuf gocha hammeenyaafi badii raawwatamaa jiru kana akka mormuuf naannichi waamicha taasisuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Akka viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti qoodame agarsiisutti, gareen hidhattoota Faannoo kun yeroo namoota toora qabsiisanii lafarra jilbaan foqoqsiisaa, bitaafi mirgaan marsanii itti ga’isaafi ‘balaw ginbaaruun balaw’ jechaa sirbaa jiran dhaga'ama.
Namoota jilbaan foqoqan kana keessatti ‘Qeesiin’ mataatti marateeru, dubartooniifi maanguddoonni ni mul’atu.
Biiroon Nagaafi Tasgabbii Naannoo Amaaraa ibsa Roobii har’aa baasee kanaan, “gareen hidhate kun namoota nagaarratti gocha farra namoomaa kana raawwachuurraa akka of qusatuuf hubaciiseera.
Gareen hidhate kun gochawwan farra namoomaa raawwachuurraa akka of qusatuufi filannoo nagaa Kaawunsilii Mageenyaa kanaaf akka bitamu Biiroon Bulchinsaaf Nageenyaa Naannichaa hubachiiseera.
Sadarkaa itti-aanaa pirezidantiitti hogganaan Biiroo nageenyaaf Tasgabbii naannoo Amaaraa Obbo Dassaaleny Xaasoo ibsa kennaniin, rakkoo nageenya anaannichattti mudatee ture furuudhaaf hojiin seera kabachiisuufi waltajjiiwwan nagaa gaggeeffaman naannicha keessatti hanga tokko akka deebiyu taasisuu eeraniiru.
Kana hordofuunis naannicha keessatti dhibba keessaa harka 90 keessatti nagana bu’eera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Nagaa argameef ammoo gumaachi raayyaa ittisa biyyaa, caasaa nageenyaa naannichaa, akkasumas jiraattota naannichaa olaanaadha jedhan.
Nagana argame qonna waqtii gannaatiif galtee dhiyeessuun, barattoonni qormaata haala milkaa’een akka xumuran, akkasumas pirojektoota jalqabaman itti fufsiisuun akka danda’amu taasiseera.
Nageeny boora’uun tiraanisoortiin gufachuun, saamichi, ukkaamsuu/ugguruun, akkasumas rakkoon dinagdeefi aala’insi jireenyaa rakkoon nageenyaa uume ammallee rakkoolee hawaasicha qoraa jiran ta’uu ibsi kun eereera.
Rakkoowwan jiran bu’uuarraa furuudhaaf nagana dhimma furtuu ta’edha kan jedhan Obbo Dassaaleny Xaasoo, mootummaan nagana dhibuun ummaticha gatii guddaa baasisaa akka jiru hubachuudhaan osoo walirraa hin kutiin waamicha taasisaa turuu kaasaniiru.
Kana hordofees miseensonni garichaa kuma 10 olitti lakkaa’aman ummatatti makamuusaaniis dubbataniiru.
Haata’u malee, gareen kun yaada nagaa hawaasichaarraa fagaachuun alatti, warri yaada nagaa kaasan diinakooti jechuun Gondariifi Dabire Maarqositti jaarsolii biyyaa, abbootii amantaafi dubartoota ajjeesuufi madeessuus beeksisaniiru.
Miseensonni garee hidhate kanaa kan Goojjama Kaabaa naannawaa Baahir Daar keessa socho’us A L I Adoolessa 15, 2016 namoota dhimma hawwaasummaa isaaniitiif socho’an qabatee salphisuun hiraarseera, isaa keessaa ammoo namoota sadii ajjeesuu ibseera.












