Kaawunsiliin Faannoo fi mootummaa walitti fiduuf hundaa'e ''bu'aa buusuu hin dandeenye'' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Amaaraatti walitti bu'iinsa hidhattoota Faannoofi mootummaa gidduutti erga eegalee waggaa caale karaa nagaan furuuf haala aanjessaa kan ture Kaawunsiliin Nageenyaa, gufuu hedduun isa mudachuu ibse.
Kaawunsiliin nageenyaa kun ''namoota hawaasa bakka bu'aniifi dhiibbaa uumuu danda'an,'' jedhaman, kanneen magaalaa Finfinneefi kutaalee naannoo Amaaraa garaagaraa irraa hundaa'e.
Kaawunsiliin miseensota 15 qabu kun kora nageenyaa ALI Waxabajjii 18, 2016 magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffame irratti hundaa'e, erga hojii eegalee ji'a lammaffaasaatii.
Mootummaa fi Faannoon haal-duree tokko malee akka waliin dubbataniif haala mijeessuu kaayyeefattee kan hundaa'e kaawunsiliin kun, hojiisaa kana milkaa'inaan raawwachuu akka hin dandeenye ibse.
Keessattuu gurmuun faannoo qaama tokko jalatti taliigamuu dhabuun mariif haala mijeessuu keessatti gufuu akka itti ta'e dubbi himaan kaawunsilii kanaa Obbo Iyaachoo Tashaalee BBCtti himan.
''Garee tokkorraa deebii gaarii argatta, kaan ammoo yaada faallaa dhiheessu,'' kan jedhan Obbo Iyaachoon, gareen Faannoo hooggana walfakkaataa jalatti buluu dhabuu fi ejjennoo tokko dhabuun mariin kun akka gufatu taasiseera jedhan.
''Nan mari'adha jechuu qofaaf miti, hin mari'adhu jechuufillee jaarmiyaa fi hoogganaa barbaachisa. Gurmuu tokko ta'anii dhihaachuu qabu,'' jedhan.
Kaawunsiliin nageenyaa kun hundaa'uu duras Faannoon hooggansa tokkoon akka hin taliigamne beekamaa ture.
Kana ilaalcha keessa galchuun gara marii nagaatti akka seenaniif akka filannootti maal dhiheessitan? gaaffii jedhuuf Obbo Iyaachoon ''humnoonni Faannoo gara tokkotti ni dhufu abdii jedhu qabna turre,'' jedhan.
''Gareen Faannoo qindaa'aa ta'uu dhabuun hundeeffama kaawunsilii kanaaf sababa tokko. Nutis yeroo kaawunsilii kana hundeessinu kun akka nu qoruu danda'u hubanneerra. Garuu tarii Faannoon maqaa marii jedhu dhageenyaan hatattamaan fudhata jennee abdanne. Ammas taanaan garee hedduun turan irraa gara lamaatti dhufaa jiru,'' jechuun ammas abdii akka hin kutanne ibsan.

Madda suuraa, Amhara Communication/FB
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhihoo kana Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad garee Faannoo waliin ''dhoksaatti marii gaggeessaa akka jiran,'' ibsanii turan.
Haata'u malee humnoonni Faannoo tokko ta'uu dhabuun fedhii marii mootummaan agarsiisaa jiru kanatti gufuu ta'uu ibse kaawunsiliin nageenyaa kun.
Mariin Ministirri Muummee Abiy garee hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho'u waliin gaggeessaa jiraachuu ibsan, tattaaffii kaawunsiliin kun taasisaa jiruun kan wal hin qabanne ta'uu kan ibsan Obbo Iyaachoon, ''isa kanarraa mootummaan karaa mataasaa itti deemaa jiraachuu hubanna,'' jedhan.
Faannoon hooggana tokko jalatti taliigamuu dhabuun alatti, maqaan duraan irra kaa'ames garee kana gara mariitti fiduurratti gufuu ta'eera jedhan Obbo Iyaachoon.
''Kaayyoon kaawunsilii kanaa araara gaafachuudha. Kanneen araaraan nu galchuuf jedhanii nu farrajan jiru. Nuti kan gaafachaa jirru mariin idilee akka gaggeeffamuudha malee jaarsummaadhaan garee kana deebisuuf miti. Gareen Faannoo heddummaachuu fi kaan kaawunsilicha farrajuun adeemsa araaraa nuti qabannee kaanetti qormaata guddaa ta'eera,'' jedhan.
Mootummaan humna addaa naannoo Amaaraa fi hidhattoota Faannoo hidhannoo hiikkachuuf murteessuu hordofee, humnoota lamaan gidduutti waldhabdeen uumame naannocha rakkoo nageenyaa keessa galche.
Sababa waldhabdee kanaan ji'oota 10f naannichatti labsiin yeroo muddamaa labsamee kan ture yoo ta'u, kutaaleen naannichaa irra caalaan walitti bu'iinsa kana to'achuu dadhabuun ammallee jeequmsa keessa jiru.
Walitti bu’iinsi naannichatti rakkoo nageenyaa hamaaf sababa ta’e kun daran cimee itti fufuun yeroo ammaa gareewwan Faannoo fi humnoonni mootummaa waldhabdee keessa jiru.
Sababa kanaan naannichatti rakkoon hedduun uumamuu jiraattonni ni himu.
Mootummaan federaalaa fi bulchiinsi naannoo Amaaraa walitti bu’iinsa kana karaa nagaa hiikuuf fedhii qaban irra deddeebiin ibsaa kan turan yoo ta’u, hanga ammaatti garuu bu’aan qabatamaan hin argamne.












