Naannoo Amaaratti hidhattoonni baankii cabsuun birrii miliyeena 67 ol saaman

Suura nama meeshaa hidhatee

Madda suuraa, AFP

Naannoo Amaaratti hidhattoonni baankii cabsanii birrii miliyeena 67 ol saamuun ibsame.

Hidhattoonni naannicha keessa socho'an saamicha kan gaggeessan jedhame baankilee lama cabsuun akka ta'e gaggeessitoonni damee baankichaa ibsuu isaanii Amhaaraa Miidiyaa Korporeeshiniitu (AMC) gabaase.

Saamichi kun kan raawwate baankii Tsadaayifi Abisiiniyaa irratti yoo ta'u, damee Giishan Dabra Karbe jedhamutti akka ta'etu gabaafame.

Hidhattoonni baankiwwan lameen irratti saamicha kan gaggeessan ALI tti gaafa Fulabaana 25, 2017tti ture.

Hoji gaggeessaa Baankii Abisiiniyaa damee Giishan Dabra Karbee kan ta'an, Obbo Zawuduu waabeffachuun miidiyichi akka gabaasetti, hidhattoonni kun hojjattoota reebun erga sodaachisaanii booda kaazenaa cabsuun birrii miliyeena 63 fudhatanii deeman.

Baankii Tsadayi damee Giishan Dabra Karbeetti hoji gaggeessaa kan ta'an Obbo Amaaraa Maammoo halkan manaa ukkaamfamuun gara baankii erga geeffamanii booda rebanii kaazenaa baankii akka banu dirqisiisun birrii miliyeena 4 fi kuma 800 ol fudhatanii deemuu himan.

HIdhattoonni kun maallaqa erga fudhatanii booda "odeeffannoo yoo baastan lubbuu keessaniifi maatii keessanitti du'a muruu keessani" jechuun sodaachisanii deemuu himu hoji gaggeessitoonni baankilee kanneenii.

Bataskaana Orthodoksii Itoophiyaatti itti gaafatamaa kutaa lallabaa Godiina Wallo Kibbaa kan ta'an Laayikun Wandaafiraawu, saamichi baankii bataskaana Giishan Dabra Karbeetti argamu irratti raawwate akka isaan gaddisiise himan.

Bataskaanni Giishan Dabra Karbee bakka amantoonni Orthodoksii heddumminaan deeman keessaa tokko yoo ta'u, baankiwwan kunis amantoota garas deeman tajaajiluuf achitti banamuu kaasu.

Itoophiyaa bakkeewwan nama ugguranii maallaqa gaafachuu saamichi itti heddummatu keessaa naannoon Amaaraa tokkoodha.

Hidhattoota Faannoofi humnoota mootummaa gidduutti lolli naannichatti gaggeeffamu hanga ammaa furmaata dhabuunsaa jiraattota naannichaa rakkoolee garaa garaaf saaxiluu itti fufeera.

Dhimma kana ilaalchisee hanga maallaqa eeramee fi humnota hidhatan kamtu akka gocha kana raawwate BBC'n addatti hin mirkaneeffanne