Dhibdee Gaanfa Afrikaa ilaalchisee Pirezidantiin haaraa Itoophiyaa maal jedhan?

Preezdaantiin Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atskesalaasee paarlamaa irratti wayita ibsa kennan

Madda suuraa, HPRE

Anga'ootni Itoophiyaa waltajjiwwan heddu irratti dhimma nagaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa irratti gama dippiloomaasii fi nagaan akka fala argatu Ijjannoo Itoophiyaa ta'uu irra deddeebin ibsu.

Pirezidaantii Itoophiyaa ta'uun Tibbana kan filataman Ambasaddar Taayyee Atsiksilaase paarlamaa biyyatti irratti wayita kallattiiwwan xiyyeeffannoo Itoophiyaa yeroo itti aanuu dhiyeessan ijjaannoo Itoophiyaan wal dhabbii Gaanfa Afrikatti tibbana dhalate ilaalchisee ijjaannoo Itoophiyaa ibsaniiru

Akka ibsichatti Itoophiyaan nagaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu keessatti gahee ishee bawuu akka itti fuftu himan.

Itoophiyaan hariiroo dippilomaasii jajjabeessaa ta’e keessumaa biyyoota ollaa waliin qabdu daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu Pirezidaantichi ibsaniiru.

Ityoophiyaan buufata doonii fi karra galaanaa fayyadamuuf Somaaliland waliin waliigaluu hordofee, muddamni cimaan Gaanfa Afrikaa keessatti mudateera.

Wal garreffannaan Itophiyaa fi biyyoota ollaa kun kan mudate sababoota waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti dhalate dabalataan kan sababa hidha laga Abbayaan wal qabatee Itoophiyaa fi Masiriin qaban gidduu jiruuni.

Pirezidaantiin Itoophiyaa Ambasaddar Taayyee Atsiksilaase waliigaltee sana booda fi hariiroo dippiloomaasii cimaa Itoophiyaan taasisaa jirtu hordofee duulli maqa balleessii Itoophiyaa irratti deemaa turuu yaadachiisun, duula taasifamaa jiru kana fashaleessuuf sochiin hedduun hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Itoophiyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti "Masiriin irra deddeebiin tarkaanfii humnaa akka fudhattu dhaadachuushee akka hubatu" beeksiftee turte.

Biyyattiin dantaa biyyaalessaashee itti fufiinsan kabachiisu fi nageenya naannichaa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddoon gama dippilomaasii fi daandii nageenyaatti geessu hedduun hojjetamuu fi gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Keessattuu sochii Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nagaa buusuuf taasiftu, keessaa waldhabdee Sudaan, ''carraaqqiin dippilomaasii nagaa ifaa fi wal irraa hin cinne'' taasifamuun cimee itti fufa jedhan.

Biyyattiin miseensa guutuu BRICS ta'uunis hambaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa guddisuun hariiroo madaalawaa ta'e horachuuf carraa akka uumamu ibsan

Carraa gara daandii nagaatti deebi'uu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaan waraana Kaaba Itoophiyaatti gaaga'ma guddaa itti dhufe irraa hin dandamannee, Ammayuu sababa waraanan dinagdeen ishee kufaa jira. Waraanni sun waliigaltee Piritooriyaa booda cufamullee, ammallee gareen bulchiinsa Tigraay bakka lamatti wal qooduun sodaa nageenyaa ta'eera.

Kana malees, waggoota 10'nan darban keessa maraanmartoo waraanaa keessoon raafama keessa bahuu hin daandeenye.

''Kanaaf hunda ol filannoon ishee daandii karaa nagaa akka ta'u shakkii hin qabu. Ta'us garuu waliigaltee ulaa galaanaa fi buufata humna galaanaa Somaalilaand waliin wal mallatteessite raawwachuuf ijjannoo duubatti jedhu hin qabdu.''

Ministirri muummee Itoophiyaa dhimmi ulaa galaanaa Itoophiyaaf “ dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu” akka ta'e ibsuun kan yaadatamuudha.

Itoophiyaan akka seera idil-addunyaatti ulaa galaanaa Somaaliyaa argachuuf walii galuun mirga ta'uu ibsiti.

Dhimma laga Abbayaa waliinis Masrii waliin waggoota 10 darbeef irratti wal falamaa turan irratti karaa nagaan yoo ta'een ala araarama hin qabdu.

Dhiyeenya kana dubbii aanga’oonni Somaaliyaafi Itoophiyaa walitti deebisan cimaa dhufuu hordofee walitti bu’iinsa kallattiin ykn karaa biraatiin gaggeeffamu kaasa soda jedhu uume ture.

Akkas taanaan humnoota Masiriifi Itoophiyaa Somaaliyaa keessa buufatan gidduutti walitti bu’insi kallattiin akka jiraatu gochuu keessatti carraa olaanaa qabaata jedhamee sodaatama.

Haa ta'uu malee sochiin IGAD dhimma kana gidduu seenuun muddamni kun yeroof akka tasgabbahu taasiseera. Kun ammoo Somaaliyaan ejjennoo duraan qabatte laaffisaa dhufuusheef agarsiiftudha.

Jaarsummaa Tarkiitinis mariin jalqabame hin goolabamne. Himannaan Masrii fi Somaliyaanis waltajjiwwaan idil addunyaa aadda adda irratti taasisaa turan hedduun fudhatama hin argannee.

Itoophiyaa waliinis Masrii waliinis hariiroo gaarii kan qabdu Tarkiin biyyoonni kunneen wal dhibdee qaban mariin akka furaniif dhuubbaa gochuuf humna qabdi.

Ijjannoo Itoophiyaa fi haalota jiran kanarraa biyyootni kun gara waraanatti deemuu caalaa marii fi karaa nagaan dhimma isaanii furachuu danda'u kan jedhu xinxaltoota biraa ka'aa jira