Pirezidantii Itoophiyaa tahuun kan muudaman Taayyee Asqasillaasee eenyu?

Madda suuraa, House of Peoples Representatives of FDRE
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa kora idilee waggaa 4ffaa har'a 07/10/2024 taaa'een Ambaasaaddar Taayyee Asqasillaseedhaan pireezidantii Federaala Rippabliik Itoophiyaa gochuun muudeera.
Muudamni isaanii kuni sagalee caalmaa paarlaamichaan ragga'eera.
Itoophiyaa waggaa shanan darbaniif pireezidantii tahuun kan tajaajilaa turan Saahaleworiq Zawudee aangoo isaanii dabarsanii jiru.
Taayyee Asqassillaase Mana Maree Bakka Bu'oota Itoophiyaa fi Manni Maree Federeeshinii hojii bara haara jalqabuu labsaniiru.
Amb. Taayyeen UNtti Amaasaaddara Itoophiyaa ta'uun yeroo dheeraaf tajaajilaa erga turanii booda ji'oota dura Ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa ta'an.
Pireezidantiin duraanii Saahilawarqi Zawdee walakkeessa bara 2018 gara aangoo kanaa dhufuun pireezidantii dubartii jalqabaa ta'ani.
Ambaasaddar Taayyee Asqasillaasee Guraandhala 2024 irraa kaasee Ministira Dhimmaa Alaa Itoophiyaa ta’uudhaan mudamunsaanii ni yaadatama.
Ambaasaaddar Taayyeen Pirezidantii biyyattii ta’udhaan kan mudaman bara aangoosaanii kan tibban xumuran Pirezidanti SaahilaWarqi Zawudee bakka budhaan.
Muudamichaan dura Af-yaa’iin Paarlaamaa, Obbo Taaggasaa Caafoo sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii Ambaasaadar Taayyee ilaalchisuun miseensoota mana maree bakka bu’ootaafi mana maree federeshiniitiif dhiheessaniiru.
Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee Amdee dippilomaatii olaanaa yoo ta’an, Itoophiyaa bakka bu’uudhaan dhaabbata Biyyoota Gamtooamanii keessatti tajaajilaniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen eenyu?

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee dippilomaatoota muxannoo waggaa dheeraa qabanidha.
Waggoota soddomaa oliif walitti dhufeenya iddil-addunyaafi damee dippilomaasiitiin biyyasaanii kan tajaajilan Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaalee, Ministira Dhimma Alaatti, biyyoota garaa garaatti, akkasumas Biyyoota Gamtooman (UN) keessa tajaajilaniiru.
Ambaasaaddar Taayyeen gama barnootaatiin Yunivarsitii Finifinneerraa Saayinsii Siyaasaafi Quunnamtii Idil-addunyaatiin diigrii jalqabaa kan argatan yoo ta’u, biyya Ingiliizii Yunivarsitii Laankaasarirraa ammoo diigrii qorannoowwan lammataasaanii quunnamtii idil-addunyaafi tarsiimootiin argataniiru.
Gorsaa Imaammata Dhimma Alaa Ministira Mummee ta’uun hojjataa kan turan Amabaasaadar Taayyeen, daareektara olaanaa dhimmoota Ameerikaatii hanga ittaanaa ministeerummaatiin tajaajilanii jiru.
Kana malees, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ergamaa Itoophiyaa, waggoota lamaaf ammoo sababii Hidha Haaromsa Guddichaatiin biyya Itoophiyaa waliin barootaaf falmii keessatti argamtu Masriitti amabaasaadara ta’uun hojjataniiru.
Ameerikaa bakka waggoota dheeraadhaaf dippilomaatii ta’uun itti tajaajilanitti ammoo Biyyoota Gamtoomaniin alatti, Loosaanjalasiitti Qontsilaa olaanaa, Waashingitaniitti ammoo Ambaasaadara Ittaanaa Imbaasii Itoophiyaa akkasumas Siwuudiin Istookhoolmiitti ammoo qontsiilaa ta’uun tajaajilaniiru.
Dippilomaatiin kun dabalataan, waltajjiiwwan idil-addunyaa garaagaraa irratti biyyasaanii bakka bu’uudhaan hirmaachuudhaan dippilomaatii muxannoo baroota dheeraa qabaniidha.
Ambaasaadar Taayyee Asiqasillaaseen waggoota shanan darban keessa, keessattuu dhimma Hidha Haroomsa Guddiichaatiin wal qabateen, yeroo Itoophiyaa Masrii waliin falmii keessa seentetti, akkasumsa tibba waraana Tigraayiitti dhimmichi wayita Mana-maree Nageenya Biyyoota Gamtoomaniitti dhiyaateetti dippilomaatiin fulduratti bahuun mul’ataniidha.












