Somaaliyaan meshaalee waraanaa guddaa Masirii irraa argachuun himame

Madda suuraa, Villa Somalia
Somaaliyaan meeshaalee waraanaa gurguddoo garagaraa Masirii irraa akka argatteefi dabalataanis yeroo itti aanu eeggacha jiraachuu aanga’aan Somaaliyaa tokko mirkaneessan.
Osoo maqaan isaanii hin eeramiin BBC Somaaleetti kan dubbatan aanga’aan kun guyyoota darban keessa dooniitiin fe’amanii ulaa galaana Moqaadishoo kan qaqqabe meeshaalee waraanaa kana mootummaan Somaaliyaa kan hidhatu ta’uu eeraniiru.
Meeshaaleen waraanaa gara Somaaleetti ergaman kunneen misaa’eloota farra xiyyaaraa, madfiiwwafi meeshaaleen waraanaa xixiqqaa ta’uu aanga’aan kun dabaluun ibsaniiru.
Meeshaan waraanaa guddaa kun karaa ulaa galaanaa Moqaadishootiin gara Somaaliyaa galuu isaa ilaachisuun sabaa himaaleen biyyattii gabaasaa kan jiran yoo ta’u, fuula miidiyaalee hawaasaa garagaraa irrattis suuraawwan kana agarsiisanis qoqqodamaa jiru.
Somaaliland ammoo meeshaaleen waraanaa dhiyeenya keessa Masirii irraa gara Moqaadishootti fe'amaa jiran rakkoo nageenyaa hamaafi walxatataa duraanuu Gaanfaa Afrikaafi qaxanaa sana keessa jiru daran hammeessa jechuun yaaddoo guddaa qabaachuu ibsiteetti.
Ministirri dhimma alaafi tumsa idil-addunyaa Somaaliilaand ibsa baaseen, bulchiinsi Somaaliyaa meeshaaleen waraanaa Moqaadishootti fe'amaa jiran kana to'achuufi sirriitti qabachuuf humna isaa waan hin qabneef akkaan yaaddoo itti ta'uu eeree jira.
"Meeshaan waraanaa to'annoo tokko malee naannawaa akka kana gadhiisii ta'etti fe'amuun qaamoleen garagaraa achi keessa jiran fedhii isaanii guuttachuuf hidhacuu waan barbaadaniif, dorgommii meeshaa waraanaa daran hammeessa.
Mootummaan Somaaliilaand keessumaa meeshaaleen waraanaa kunneen harka garewwan finxaaleyyoo warra akka al-Shabaab fi milishoota gosaa galuu waan danda'aniif hokkara hammeessuun qaxanicha tasgabbii dhorka," jedheera ibsi kun.
Daafoo hamaa akka qabaatu hubatee hawaasni addunyaa rakkkoon osoo hin uumamiin dursee akka tarkaanfii fudhatuufis gaafateera Ministirri dhimma alaafi tumsa idil-addunyaa Somaaliilaand.
Sabaa himaaleen Somaaliyaa meeshaaleen waraanaa kunneen ulgaa galaanaa Moqaadishoo qaqqabanii kan buufaman doonii Masiriitiin ta’uu gabaasaniiru.
Fuula miidiyaalee hawaasaarratti Dilbata kaleessaarraa kaasee meeshaaleen waraanaa guruddoo gosa garagaraafi konkolaaraan fe’umsaa meeshaa waraanaa fe’atanii maramanii imalaa turan daandii Moqaadishoorra yeroo darbanitti mul’ataniiru.
Aanga’aan mootummaa Somaaliyaa BBC Somaalee dubise meeshaa waraanaa amma gale kanatti dabalataan yeroo itti aanutti taankii akka eegan ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oduun kun kan dhaga’ame yeroo Masiriin waliigaltee waraanaa Somalaiyaa waliin taasifteen loltootashee Somaaliyaa keessatti bobbaasuuf fedhii akka qabdu ibsuu hordofee Itoophiyaan mormii qabdu dhageeessifteen boodadha.
Torbanoota muraasa dura xiyyaaronni waraanaa Masirii lama Moqaadishoo galuun isaanii yeroo gabaafametti, Itoophiyaan gocha kana nagaa qaxanaa kanaa kan jequdha jechuun, Somaaliyaan humni alaa gara daangaa bulchiinsa ishee akka seenuuf hayyamuu hin qabdu jechuun mormii dhiyeessa turteetti.
Amajji darbe Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa argachuudhaaf ishee dandeessisu Somaaliland waliin wal mallatteessuun booda Somaaliyaa waliin atakaaroo keessa galuun ni yaadatama.
Rakkoo biyyoota lamaan gidduutti erga dhalateen booda sababa Hidha Guddicha Abbayyaa irratti Itoophiyaa waliin wal dhabdee kan jirtu Masiriin, Somaaliyaa cinaa dhaabachuun deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophaa’uu beeksifteetti.
Meeshaan waraanaa amma karaa ulaa galaanaa Moqaadishootiin seeneera jedhame kun kan jalqabaa miti.
Hagayya darbes xiyyaaronni waraanaa lama meeshaa waraanaafi rasaasa fe’an Moqaadishoo galuun isaanii ni yaadatama.
Qoqqobbiin meeshaa waraanaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Somaliyaarra yeroo dheeraatiif kaa’ee ture erga wagga darbe ka’een booda meeshaaleen waraanaa ifatti gara biyyattiitti yeroo seenu kun yeroo lamaffaafidha.
Waldhibdee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti dhalate keessatti Masiriin hirmaattu ta’uun naannicha keessatti muddama kan uume yoo ta’u, sanada waliigaltee Itoophiyaa waliin kan mallatteesssiyte Somaaliilaand Wiirtuu Aadafi mana Kitaabaa daangaa bulchiin ishee keessa jiru cufteetti.
Somnaaliyaan ambaasaaddara Itoophiyaa biyyasheetii kan ariite ji’ootaan dura yoo ta’u, birmadummaa biyya kook an cabsudha kan jette waliigaltee Itoophiyaan Somaaliilaand waliin taasifte akka kuffiistuuf gaafachaa jirti.












