Araada ofiin of gammachiisuu 'masterbute' jireenyakoo jijjiire

Akkuma dararaa nama irra gahuutti ilaalamuu danda'a. Garuu faayidaa fayyaa guddaas qaba jedhama. Ofiin of gammachiisuu ykn 'Masterbution' dargaggoota addunyaa biratti waan baramedha.
Gochaan ofiin of gammachiisuu kun inni dhiiraa akka hin fuune ykn dubartiin akka hin heerumne godhaa? Rakkoo fayyaa hoo fidaa?
Qabiyyeen kun namoota umuriin isaanii saal-qunnamtiif gahe ilaallata. Kun seenaa dargaggeessi tokko BBC'f qoodedha. Garuu maqaa isaa ibsuu hin barbaanne.
Ergan ofiin of gammachiisuu dhiisee amma ji'a 13 taheera. Ejjennoo kanaan itti fufun salphaa hin turre. Dhugaa dubbachuuf garuu jireenyikoo akka duraa sana naa tahuu hin dandeenye.
Ofiin of gammachiisuu dhiisuun akkam akka gaarii anaaf tahen arge. Torbanootaaf dhaabeen ture. Garuu ittuman deebi'a.
Takka takka ji'ootaafis nan dhiisa. Garuu yaadakoo jijjiireen deebisee jalqabaa ture. Rikardii guddaan galmeesse garuu kan ji'oota 13ti.
Yeroo umuriinkoo waggaa 20 keessa ture waan kana guyyuma guyyaan raawwachaan ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Addunyaa irraa ana qofa jedhee hin yaadu. Miliyoonotaan kan lakkaa'aman dhiiraa fi dhalaan waan kana keessa jiru.
Booda sochii waan kana dhaabuuf hojjetu ''NoFap'' jedhamuttin makame.
Dargaggoota miliyoonotaan lakkaa'amantu miseensa taheera. ''NoFap'' sochii aka namoonni ofiin of gammachiisuu ykn 'Masterbution' jedhamuu fi fiilmii poornoogiraafii ilaaluu dhiisan jajjabeessudha.
Akkuma dargaggoonni hedduun godhan fedhuma mataakoon poornii ilaalaan ture.
Garuu miidhaa inni narratti qabu kanan yaaduu jalqabe yeroo umuriinkoo waggaa 19 turedha.
Interneetii fayyadamee ''lingerie" jedhee yoon interneetii fayyadamee barbaadu gara viidiyoo qullaa namaa agarsiisan hedduutti na geesse.
Ijoollee tahee umurii waggaa 14 booda mana keessa yeroo baay'ee qofaakoo waanan turuuf dafee viidiyoo poornii ilaaluu jalqabuuf yeroo dheeraa natti hin fudhanne.
Araada natti tahaa laata jedhee ammoo yaadda'uun jalqabe. Yeroo kana akka nama kasaareettan of ilaalaa ture. Kana jechuun nama dubartiin tole hin jenneef ykn ammoo nama dubartii waliin jaalala keessa hin galle jedheen of madaaluu jalqabe.
Kun ammoo ofitti amanamummaakoo baay'ee gadi buuse. Of jibbuun jalqabe jedhe dargaggoon kun.
Fedhii dubartii waliin jaalala keessa galuu yeroon godhadhu ammoo manatti ol deebi'een of gammachiisa ykn 'masterbute' godha.
Yeroo umuriinkoo waggaa 19 jaalallee hin qabu ture. Ammoo dhiirummaa koonan ture. Kana jechuun qunnamtii saalaa sirrii dubartii waliin gaggeessee hin beeku.
Hariiroon jaalalaa jalqabe kamuu waan qabatamaa tahetti hin jijjiiramne.
Waa'ee qunnamtii saalaa isa sirrii homaayyuu hubannaa hin qabu jechuudha.
Manakootti ol galee of gammachiisuun balaa dubartii gaafatadhee yoo isheen na didde aaruu irraa na oolcha, kana wayya jedheen yaadaa ture.
Yeroon dubartii waliin haasa'uu jalqabu kan dursee sammuukootti dhufu dubartii viidiyoo irratti qullaa ishee ilaalee of gammachiisaa turedha.
Osoo amma kana narratti barte akka nama gadhee tokkootti na ilaalti jedheen yaada.
Halkan guutuu osoo waa'ee miidhaa araada kanaa yaaduu naaf bari'a. Hiriyyootakoottis himuu hin barbaadu.
Yoon akkas godhe waanan of saaxilu waan natti fakkaatuuf. Guyyaa tokko guyyaa dhalootakoo waggaa 20 kabajadheen dhaabuuf murteesse.
Haatikoo nama kadhataati. Gara kitaabota isheen dubbistuu deemeen ilaale. Yeroo kana murteesseen qalbiikoo kadhatatti hidhuun eegale.
Haala kanaan ofitti amanamummaa fi aannisaa ykn humna guutuu argachuu jalqabe.
Akka amantaatti kanan fudhadhe amantaa ganamaa beekamu 'Kundalini' jedhamu tokko jira. Harmeekoo gaafachuu sodaadheen ofumakooof baruuf yaale.
Jalqaba ji'a tokkoof dhaabeen itti deebi'e. Waanuman umuriikoo guutuu dhaabu natti fakkaatee ture.
Ergasii garuu karoora milkeessuu danda'u tokkon baasuu qaba jedheen irratti hojjedhe.

Jalqaba waa'ee miidhaa sammuu ofiin of gammachiisuun qabuu marii 'Ted Talk' jedhamu irraan dhagahe.
Sochiin gochaa kana dhaabuuf hojjetu 'NoFap' jedhamu ammoo guutummaatti araada kana keessaa bahuuf inni xiqqaan guyyaa 90 tahuuf gochaa saal-qunnamtii kamirraayyuu fagaachuu akka tahe gorsa.
Gorsi marii 'Ted Talk' irraa argadhe miidhaa poornii ilaaluun qabuu fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuun qabu wal bira qabee ibsa.
Akkasumas poornii akka malee ilaaluun dargaggoonni akka rakkoo qaamni saalaa isaanii ka'u dadhabuuf saaxilaman ibsa.
Namoonni miliyoonotaan lakka'aman akka viidiyoo poornoogiraafii ilaalan nan hubadhe.
Kaan faayidaa fayyaa qaba jedhanii yaadu. Ani garuu miidhaa dhiirri tokko sababa gochaa kanaan dabarsu yeroon yaadu homaattiyyuu hin madaalu.
Sochiin 'NoFap' bara 2011 jalqabe. Yeroo sana maamila miiidyaa hawwaasaa 'Reddit' jedhamuu Aleeksaander Roodes jedhamutu faayidaa ofiin of gammachiisuu dhaabuun qbau qoode.
Akka malee jaalatame. Kana irraa ka'uun sochiin kun jalqabe. Amma sochiin kun miseensota 300,000 qaba.
Aleeksaander akkasuma marsariitii bakka namoonni muuxannoo isaanii itti qoodanii fi jireenya ofiin of gammachiisuu irraa bilisa tahe itti jiraatan hojiirra oolcheera.
Ergan sochii kanatti makamee anis nan fayye. Ofitti amanamummaankoo anaaf deebi'e. Rakkoo qaamni saalaa isaanii ka'uu warri qabanis akka fayyan himaniiru.
Amma sammuunkoo qulqulluu akak tahe natti dhagahama. Kana dura of ceepha'aa oola. Haamilee gaariis nan qaba. Amma bilisa tahees dubartoota waliin nan haasa'a.
Jaalalafis haamilee gaariin qaba.
Waggoota 10 darbaniif viiidyoo poornoogiraafii ilaaluu fi ofiin of gammachiisuu irraa bilisa of baaseera.
torban jalqabaa baay'ee ulfaata ture. Waan hunduu waa'ema qunnamtii saalaa si yaadachiisa.
Dubartii bareedduu tokko Tv irratti yoon argeyyuu qaamni saalaakoo ni ka'a ture.
Al takka takka yeroo dubartiin an barbaade tokko na diddu deebi'ees of gammachiisa ture. Akkan waan ishee argadheettan yaada ture.
Naamusa gaarii hin qabun ture. Dadhabaa nama milkaa'uu hin dandeenye of godheen of yaada. Kanaaf ofan jibba ture.
Guyyoota muraasa boodan ofitti deebi'a ture. Amma ergan guutummaan dhaabee garuu dadhabbiin natti hin dhagahamu. Hojiikoo irratti baay'een xiyyeeffadhe.
Haamilee guddaan qaba. Of hin ceepha'u. Akkasittan araada kana keessaa bahe.








