Aanga'aan viidiyoo saal-qunnamtii hojjechuun beekame Baaltazaar adabame

Baaltazaar Ebaang

Madda suuraa, Baltasar Ebang Engonga / Faceboo

Aanga'aan olaanaa mootummaa Ikkuwaatooriyaal Giinii hojjetoota waajirasaafi haadhotii warraa aanga'ootaa dabalatee dubartoota lakkoofsaan hedduu ta'an waliin saal-qunnamtii raawwateefi viidiyoo gocha isaa kana waraabuusaan hojiirraa ari'amee ture, hidhaa waggaa saddeetiin adabame.

Manni-murtii Naannoo Bi'ookoo Ikkuwaatooriyaal Giinii Baaltazaar Ebaang Engongaa maallaqa uummataa qisaasuufi qabeenya isaaf hin malle walitti qabateera yakka jedhuun irratti murteesseera.

Hogganaa duraanii Ejensii Intelejensii Faayinaansii Biyyaalessaa (NFIA) kan ta'e Baaltazaar, qondaalota mootumma olaanoo shan biroo waliin ta'uun, kuusaa maallaqaa biyyaalessaa keessaa dolaara kuma dhibbaan lakkaa'amu hatuun faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchaniiru

Manni-murtii adabbii maallaqaa guddaa akka kaffalanis ajajeera. Baaltazaar hidhaa waggaa saddeetiin alatti doolaara kuma 220 kan adabame yoo ta'u, qondaaltonni biroo isa waliin himataman hidhaa waggaa sadiin adabamaniiru.

Baltazaar Ebaang Engongaa ilma obboleessa pirezidaantii Tewodoroo Obiyaang Niguwemaa kan bara 1979 irraa eegalee aangoo irra turee yoo ta'u, umriin isaanii waggaa 82 dha.

Baaltazaar namoota Pirezidaanticha bakka bu'uuf ilaalamaa jiran keessaa tokko ture.

Murtiin kun biyya boba'aan badhaate garuu maallaqa akka hin taanetti fayyadamtuufi itti gaafatamummaan hoggantoota mootummaa hin jirre keessatti mul'atu kan ibsudha.

Viidiyoo saal-qunnamtiin maqaa hin malle akkamiin horate?

Himannaa maallaqa qisaasuu ittiin himatameen alatti, Baaltazaar viidiyoowwan saal-qunnamtii yeroo dubartoota gara garaa waliin sagaalgalutti waraabee toora interneetiirratti gadhiifameen baayyee beekamee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Viidiyoo inni gadhiise kun ammoo haadhotii warraa aanga'oota mootummaa waliin kan sagaaggalu dabalatee waan ta'eef biyyattiirra darbee ijoo dubbii miidiyaa ta'ee ture.

Viidiyoowwan kanneen keessatti dubartoota hirmaatan keessaa gariin isaanii haadhotii warraa ykn ammoo firoota aanga'oota olaanoo biyyattii turan. Kun ammoo oduun gochi Baaltazaar kun akka baayyee gabaafamuufi guutummaa adddunyaarratti ijoo dubbii miidiyaalee akka ta'u godheera.

Viidiyoowwan yeroo aanga'aan duraanii kun dubartoota gara garaa waliin yeroo saal-qunnamtii raawwatu waraabames toora intereneetiirratti dhoksaan erga gadhiifamaniin booda, hatattamaan akka addabaabaayitti beekamu ta'eera.

Viidiyoowwan gadhiifaman kunneen jireenya dhuunfaa Baltazaar fi hariiroowwan jaalalaa inni qabaataa ture baasanii kan hafan ture. Kun ta'uun ammoo addunyaarratti hedduu xuraa'eera, waan fokkuu itti qana'es ta'eera.

Taateen kun waa'ea jireenya aanga'oota mootummaafi neetiworkii miidiyaa hawaasummaarratti falmii jabduu kaaseera.

Viidiyoon waa'ee jireenya dhuunfaa akkamitti akka saffisaan tatamsa'uun, agarsiiftuu seeraa tokko malee maqaa akka nama balleessan kan agarsiisedha.

Viidiyoowwan saal-qunnamtii kunneen qaama himata kanaa ta'u baatanis, maqaafi seenaan inni qabu akka badu godheera.