'Qubeelaa cidha keenyaa saree keenyatu qabatee nuu dhiyeesse'

Madda suuraa, Sophie Collins
''Qubeelaa keenya akka nuu baatu mataa otoo hin mariin murteessine,'' jedha Biraad. ''Haala tokkoon cidha keenyarratti akka hirmaatu barbaanne'' jedhe.
Biraadiifi Eliin yeroo bultii ijaarrachuuf murteessan sareen isaanii Niiwton cidha isaanii irratti hirmaachuun waan nama wal-gaafachiisu hin turre.
Sareen isaanii kuni gaafa cidha isaanii ko'ommatee oole. Keessumoota dubbisaa, suuraa maatii wajjiin ka'aa dabarse.
''Inni jiraachuun gammachuu guddaa ture. Bira dhaqeen hammachaa faan ture,'' jedhe aruuztichi Biraad.
''Waa ajaa'ibaa nuu godhe,'' jette Eliin.
Biyyoota alaa kanatti saree qaama cidhaa godhachuu waan baratamaa dhufedha.
UK keessatti namoota 10 keessaa sagal sareen isaanii hiriyyaa isaanii dhihoo akka tahe himatu.
Kanneen %89 tahan ammoo sareen deeggarsa miiraa akka godhaniif qorannoon 2024tti biyyattiitti taasifame agarsiisa.
Emaa fi Adee Kaartliich faa tajaajila saree cidha irratti hirmaatu qopheessuu irratti hojjetiu. Kanas guyyaan cidhaa otoo hin gahiin dursanii warreen wal-fuudhan waliin marii'atu.
Gaafa guyyaan cidhaa geessus saree fuudhanii wajjin deemuun dalagaawwan gaafa cidhaa raawwatu shaakalchiisu.
''Yeroo baayyee saroonni kunneen cidha hirmaatan irratti karra fuuldura dhaabachuun keessummaa dhufu harka fuudhu,''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Beetaan fi Chaarliillee dhihoo kana wal-fuudhan sareen isaanii Ferguus maatii kaan waliin kabajaan cidha isaanii irratti argameera.
''Sareen keenya Ferguus cidha keenya irraa akka hin hafne gaafa qophaa'aa turrerraa qabnee beekna,'' jedhan.
Gaafa cidha isaanii saree isaaniitu ''jalqaba'' misirritti wayyaa adii sanaan arge.
''Yeroon jalqaba bataskaana gahu Feergus achitti na eegaa ture. Yeroon achitti isa argu baayyeen gammade,'' jetti.
Farguus keessummaa qofa osoo hin taane qubeelaa keenya baachuun ykn dhiyeessuun shoora guddaa fudhatee ture jette.
''Cidha keenyarratti Ferguus argamuun akkasumas shoora qabaachuunsaa akkaan nu gammachiise,'' jechuun ibsiti.
Beetaan saroota cidha irratti hirmaatanii miidiyaa hawaasaa irratti suuraan isaanii hordoftoota kumaatamaan lakkaa'amu akka qabu arguu himti.
''Anis abbaan warraan koos baayyee ijaa isa jaalannuuf cidha keenya irratti Ferguus hafa jedhee namni yaadeyyuu hin jiru,'' jetti.
''Namni saree qabu akkuma daa'imaa akka tahe beeka,'' jechuun ibsiti.
UK keessatti saroota cidha irratti hirmaatan guyyichaaf kennan jiraatanillee, saree yeroo dheeraaf kireessuun dhorkaadha.












