Sareen umrii dheeraa jiraachuun rikardii addunyaa qabate ganna 31tti du’e

Boobiin umriisaa guutuu maatii isa guddise waliin dhiha Poorchugaal, naannoo qarqara galaanaa jiraate

Madda suuraa, Rooyitars

Sareen addunyaarratti umurii hunda caalaa jiraate waggaa 31 fi guyyaa 165tti du'e.

Sareen galmee umurii dhheraa jiraachuu isaatiin Galmee Dinqisiisoo Addunyaa qabate kanaan warri guddise 'Boobii' jedhanii waamu.

Boobi gosa sanyii saree Poortugaal keessatti 'Rafeiro do Alentejo' jedhamuun beekama. Gosti saree kanaa qonnaafi qe'ee eeguudhaan baayyee kan beekaman yoo ta'u, giddu-galeessaan umurii waggaa 12-14 jiraatu.

Boobiin Sambata darbe Poorchugaalitti du'e.

Sareen kun du’uu miidiyaa hawaasaarratti kan beeksise ogeessa fayyaa beeyladaa yeroo hedduu saree kana hordofaa ture.

" Saree seena keessatti hunda caala umrii dheeraa jiraate ta’us, guyyoonni 11,478 lafarra jiraate warra isa jaallataniif gonkumaa gahaa miti ," jechuun barreessan Dr Kaaren Beker.

Guraandhalaa 2023 darbe Boobiin saree dullacha hunda caala addunyaarra umrii dheera jiraate ta'uun galmaa'e.

Sareen kun rikaardii jaarraa tokkotti dhiyaatuuf Saree Austiraaliyaa Bluey jedhamu kan waggaa 29fi ji'a shan jiraateen qabamee ture cabsuun injifate.

Boobiin saree hunda caala umrii dheerate jedhamuun Guraandhala darbe galmaa'e ture

Madda suuraa, UINNESS WORLD RECORDS

Sareen Awustiraaliyaa Boobii dura rikkardii qabattee ture Bluey, bara 1939 du'e.

Boobiin umriisaa guutuu maatii isa guddise waliin mandara Conqueiros jedhamtu lixa Poorchugaal naannoo qarqara galaanaa jiraate.

Liyooneel Koostaan, abbaa saree kana guddisedha. Koostaa fi obboloonnisaa nyaata ofii nyaatan sooraa guddisan.

Warri Koostaa bineensota baay'ee kunuunsan qabu turan.

Bara 2018 sababa hafuura baafachuu dadhabuun tasa kufee hospitaala seenee tureen alatti Boobiin rakkoo hin argine.

Boobiin du'uusaa dura deemsa dadhabuufi ijaan waa hubachuuf rakkatee ture.

Boobii qofa miti umurii dheeraa kan jiraate, haati saree kanaallee waggaa 18 dachee kanarra lubbuun turuun himameera.