Biyya saree qabaachuun hidhaa nama buusuu malu beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
‘’Akkan ala isa fudhee bahu barbaada. Garuu yoo baane hidhaa nu buusu.’’
Mahisaan saree qabdi. Dhihoo namoonni saree, adurree yookiin kaan manaa qaban magaalaa guddoo Iraan, Tehiraanitti hidhaa seenaa akka jiran yeroo ibsitu kana jette.
Poolisiin achii dhihoo akka ibsetti, saree qabatanii paarkii keessa adeemuun yakkadha. Dhorkaan kuni ''nageenya ummataa tiksuuf’’ akka bahetti ibsame.
Paarlaamaan Iraan wixinee seeraa namoonni bineeldota akka hin qabaanne dhorku raggaasisuuf jira.
Mallattoo aadaa ‘warra Lixaa’
Akka seera dhihaatetti, saree yookiin adurree yookiin bineensa kaan madaqfame qabaachuu kan eeyyamuu danda’u koree addatti hundaa’e qofaadha.
Adurree, qocaa yookiin illeettii ''galchuun, bituufi gurguruun akkasumas of bira tursuun’’ hanga dolaara 800 nama adabsiisa.
Akka Pirezidantii Waldaa Ogeeyyi Fayyaa Horii Iraan Dr Payam Mohebii himanitti, falmiin wixinee seeraa kanarratti waggootii kudhan ol dura eegale.
Akka isaan jedhanitti, miseensonni paarlaamaa Iraan jalqaba namoota saroota qaban jalaa fudhachuuf yaada dhiheessaniiru.
''Tura keessa yaada isaanii yeroo adda addaatti jijjiiraniiru. Kanneen saree qaban adabuufiyyuu mari’atanii turan. Karoorri isaanii garuu fagoo hin deemne.’’
Saroota guddisuun baadiyyaa Iraan keessatti wanta baratamaadha. Magaalota keessa keessumaa jaarraa 20ffaa keessattis akkasuma.
Iraan biyyoota jalqabaa Giddugala Bahaa keessaa seera kunuunsa bineensotaa baasan keessaati. Warrii mootii biyyattiis saroota qabu turani.
Warraaqsi Islaamawaa [Islamic Revolution] bara 1979 taasifameefi Shaah Mohaammed Rezaa Pahlaavi aangoorraa buqqise garuu jiruu lammiilee Iraaniifi saroota isaanii gama hedduun jijiire.
Akka duudhaa Islaamaatti bineensonni kunniin balfamu akka qabanitti ilaalame.
Sirna haaraa aangoo qabateen saroonni mallattoo ‘aadaa warra Lixaa hordofuutti’ fudhatame. Akka dhorkamuu qabanis yaadame.
''Seera qabaachuurratti qajeelfamni cimaa bahe hin jiru,’’ jechuun ogeessi qoricha horii [veterinary] Dr Ashkaan Shemiraanii ni himu.
''Mallattoo aadaa warra Lixaa hordofuuti jechuun poolisiin namoota saree karaarra harkisan yookiin konkolaataa isaanii keessa isaan baatan hidhu.’’
Akka ogeessa kanaatti aangawoonni inumaa ''mana hidhaa’’ bineeldota qabaman itti tursan hundeessaniiru.
''Oduu nama suukaneessu bakka saniitii dhageenya,’’ jechuun himu.‘’Bineeldonni nyaataafi dhugaatii gahaa malee tursiifamu.’’

Madda suuraa, IRANIAN ROYAL FAMILY COLLECTION
Qoqqobbii biyyoota Lixaa booda diinagdeen Iraan miidhamuunis labsiin haaraa kuni akka bahu gahee ofii qaba.
Aangawoonni kuufama sharafa alaarraa hanqisuu dhabuuf waggoota sadii oliif soorati bineeldota manaa akka biyya hin seenne dirqaniiru.
Kunimmoo gatiin soorata bineeldotaaf biyya keessa qophaa’e akkaan akka dabalu taasise.
''Baay’inaan namoota dhoksaan soorata galchanirratti hundoofne,’’ jedha abbaan kilinika horii magaalaa Mashihaad jiraatu tokko.
''Gatiin isaa kan baatii shan dura turerraa dachaa shan dabale,’’ jedha. Soorati bineeldota madaqfamoo biyya keessa qophaa’e qulqullina ni hanqata jechuun ibsa.
Adabbii adurree makate
Labsiin haraa saree qofaaf miti. Adurreellee dabalata. Maqaan naachaas eerameera.
Kuni isa Iraan bakka argama adurree Pershiyaa taateef faallaadha. Gosti adurree kuni gosa addunyaarraa beekamaadha.
''Amma adurreen Pershiyaa biyya isaaniittuu jiraachuu akka hin dandeenye yoo dhageessu ni amantaa?,’’ jedhu ogeessi wal’aansa horii yeroo BBC’tti dubbatu.

''Seerri kuni hiika hin qabu. Kanneen dubbii cimsan irree isaanii ummatatti agarsiisuu barbaadaniiti.''
Pirezidantiin Waldaa Ogeessota Horii Iraan Dr Mohebii seera ragga’uuf dhihaate ‘’qaanfachiisaadha’’ jechuun ibsu.
''Paarlaamaan labsii kana yoo raggaasise, dhalooti dhufu namoota saree saree waan taatef, adurrees adurree waan taateef dhorkani jedhanii nu yaadatu,’’ jedhan.












