Raajii bineensotaa: akkamiin dhala namaa caalaa waan ta'uuf jedhu beekuu danda'an?

Re'ee raajii

Madda suuraa, MPI-AB

Waggoota kuma hedduuf uummanni addunyaa miira bineeldonni agarsiisan irraa balaa uumamaan mudatu tilmaamaa yoona ga'eera.

Mallattoon bineensonni agarsiisan yeoo ammaa balaa uumamaa akkaan hammaate dursanii beekuuf hagam gargaara?

Bara 2004 balaan Sunaamii kirkira lafaa rektar iskeelii 9.1 ta'e galaana jalatti mudachuun Indoneeshiyaa keessatti uumameen biyyoota handaara garba Hindii keessatti yoo xiqqaate namoonni 225,000 lubbuu dhaban.

Namoonni hedduun sababa dursanii odeeffannoo hin arganneef gaaga'ama lubbuuf saaxilaman.

Garuu balaan kun osoo hin mudatin daqiiqaawwan muraasa dura bineensonni hedduun gurra dhaabanii caqasaa turan, hedduun baqachuufis yaalaniiru.

Namoonni yeros ijaan argan akka jedhanitti hoomaan arbaa gara lafa olka'aatti baqataa ture, allaattiiwwan filaamiingoo man'eesaanii gadi siqee jiru keessaa baqaa turan, saroonni manaa ba'uu sodaataa/didaa turan.

Qarqara ganda Taayilaand Bang Koey keessatti ammoo tikeen gafarsaa battaluma gurra samiitti ol dhaabuu fi ija babaasanii rifachuu, booda osoo sunaamiin hin eegalin gara gaara naannoo jiruutti walcaccabsaa burraaquu namoonni argan himan.

Arba lamaa fi nama tokko

Madda suuraa, Getty Images

Irina Rafliyaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti damee of eeggannoo fi akeekkachiisa balaa tasaa turan.

''Namoonni lubbuun ba'an bineeldonni akka sa'aa, re'ee, adurree fi sinbirroonni kirkirri lafaa mudatee osoo sunaamiin hin ka'in, gidduu sanatti gara giddugala biyyaatti baqataa akka turan himan,'' jechuun namoota ijaan arganirraa odeeffannoo argatan ibsan.

Haallii fi amalli bineensota kunneen irraa mul'atu kan isaan sodaachise namoonni muraasni, bineensota lubbuuf kaatan waliin waan godaananiif lubbuun kan oolan jiru.

Kana jechuun namoonni bineensota amanan lubbuun baraaramaniiru jechuudha.

Addunyaan gama meeshaalee teeknooloojiin akeekkachiisa balaa uumamaa dursanii himuutiin hagas mara hin milkoofne.

Meeshaaleen dhimma kanaaf oolan hedduun ammoo kanneen suphuu gaafataniidha, yookiin ammoo bakka barbaachisu hundatti dhaabuun rakkisaadha.

Maalumaafuu yeroo balaan kun mudatu hojiin ala turan.

Addunyaarratti biyyoonni 100 caalan meeshaa balaa uumamaaf dursee akeekkachiisa kennu hin qaban.

line

Dhuguma bineensoti kennaa addaa balaa uumamaa dhufuuf jedhu dursanii ittiin beekan qabuu?

Dur bineensonni ni amanamu turanii? Seenaan waa'ee kanaa himu barruu dhaloota Kiristoos dura bara 373 barraa'e irratti argama.

Abbaan seenaa biyya Giriik Taadiyoos akka barreessetti, yeroo sanatti saroonni fi bofti akkasumas bineensi amaa fakkaatu magaalaa Haliis jedhamtu gadhiisanii baqatanii turan.

Guyyoota muraasa booda kirkirri lafaa hamaan mudate.

Nama bofa baatee jiru

Madda suuraa, BBC Horizon

Qorattoonni re'oonni dhohiinsi volkaanoo akka uumamuuf ta'u dursanii beeku jechuun meeshaa mormasaaniitti hidhu.

Seenaa yeroo dhiyootiin ammoo bara 1805 wayita Neppaal balaa kirkira lafaan rukutamtee turte guyyaa muraasa dura sa'oonni, hoolonni, saroonni fi allaattiiwwan walitti dhufuun sagalee dhageessisaa, rifaatuudhaan jiraataa turan.

Fardeen ammoo tasuma ka'anii fiigicha keessaa fuudhan. Haalli jiru uummatatti bitaa gale, guyyaa muraasa booda Neppaal akka hin jirre taate.

Kana qofaas miti, bara 1906 San Firaansiskootti taatee walfakkaataan mudateera, fardeen lafumaa ka'anii waaqatti ol utaalu, ni burraaqu turan.

Waan dhufuuf jedhu laf-jala waan arganiifi, dhalli namaa garuu kana hubachuuf yeroo dheeraa ittifudhate.

Farda bakkee

Madda suuraa, Getty Images

Dhimma kanarratti ogeettii kan taate Charlotte Francesiaz, ''qaroomina addunyaa hanga kana keessatti hanga beelladootaallee waan fuulduratti ta'u beekuu dhabuun keenya baayyee na ajaayiba,'' jette.

Dandeettiin bineensotaa sirrii ta'uusaa mirkaneessuuf qorannoon sirnaan gaggeeffameera.

Kunis kan ta'e biyya Itaalii giddugala Maarchees iddoo yeroo mara kirkirri lafaa itti mudatutti. Kutaa biyyaa kana keessatti qorattoonni sochii bineensotaa hordofuu eegalan. Saroonni, sa'oonni, fi hoolonni hirmaattota qorannoo kanaati.

Bineensota kunneen irratti meeshaan sochiisaanii galmeessu hidhame.

Meeshaan kun sochii bineensota hunda galmeessuun gara kompiyuutaraa dabarsa.

Qorannoon kun bara 2016 eegalee waggaa tokkoof ture.

Waggaa tokkoon kana keessatti kutaalee Itaalii keessatti kirkirri lafaa sasalphaan kuma 18 mudate, hedduunsaanii kan meeshaa qofaan galmaa'aniidha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hoolonni fuula namoota akka adda baasan qorannoon tokko mullise

Baayyeensaanii riktar iskeeliidhaan 0.4 gadidha, baayyee xiqqoodha.

Boodarra Noorviyaa keessatti kirkirri lafaa cimaan riktar iskeelii 6.6 mudatee ture.

Kanaafuu bineensonni kun akka ta'u dursanii beekaniiruu moo oduu fakkeessaati?

Lakkii kun oduu akkanumaan uumamee odeeffame miti, inumaa bu'aansaa akkaan saayintistoota raaje.

Kirkirri lafaa hunduu uumamuun dura bineensonni kunneen amalaa fi sochiisaanii jijjiiranii akka turan galmaa'eera.

Siisilii keessattis bara 2020 keessa qorannoon walfakkaataan gaggeeffamee bu'aa walfakkaataatu argame.

Amma saayinstistoonni kan qorataa jiran, bineensonni osoo kirkirri lafaa hin uumamin dursanii akka beekan waan taasiseedha.

Kennaa dhalli namaa hin qabne, isaan addatti qabaatanii akkamiin egeree beekuu danda'an laata?

Qorannoonsaa hin dhaabbanne, ittuma fufeera...