Namichi bofa ajjeesee ittiin 'moruuf' ture hidhaan adabame

HImatamaa Obbo Lammeessaa Diriirsaa mana murtiitti

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa Jibaat

Ibsa waa'ee suuraa, HImatamaa Obbo Lammeessaa Diriirsaa mana murtiitti

Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Jibaatitti namichi bofa kukkutee hojii tolchaa ykn moraaf mana namaa keessa utuu awwaaluuf yaaluu argame to’annoo jala oole.

Obbo Lammeessaa Diriirsaan, A.L.I 08/02/2014, Ganda Maaruu Gomboo naannoo Babal’ii jedhamutti ture, mana nama dhuunfaa deemuun ture hoji tolchaa kana raawwachuuf kan yaale.

Hoogganaa Komunikeeshinii Aanaa Jibaat Obbo Iftiyoom Wayyeessaa akka BBCtti himanitti, namichi maqaa amantii da’eeffachuun ‘isiiniifan kadhadha’ jechuun mana firoottan isaa sana deeme.

Erga nyaatee, takka haasa’ee booda, mana fincaaniin deema jechuun gadi ba’ee, “yeroo inni bofa kukkuteeru kana yeroo inni awwaluuf jedhu harkaaf harkatti qabame,” jedhu Obbo Iftiyoom.

Erga to’annoo jala oole buufata poolisiitti geeffamee booda namichi kun gocha isaa hunda akka amanee fi namootni hedduun biroo hojii wal fakkaata hojjatan akka jiran himuu isaa Obbo Iftiyoom BBCtti himaniiru.

“Kuni hojii kooti, kana duras akkanuma hojjachaan ture,” jechuun amaneera jedhan.

Waajjirri Komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa suuraa namicha yakka hojjete jedhame kanaa bofa ciccitaa inni awwaaluuf turee fi wayita mana murtiitti dhiyaatu mul'isu fuula feesbuukii irratti maxxanseera.

HImatamaa Obbo Lammeessaa Diriirsaa

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa Jibaat

Obbo Ifitiyoom akka jedhanitti namicha kana irratti himannaan dhiyaate, yaali nama raatessuu fi bofa fayyadamuun namatti moruu kan jedhudha.

Himatamaa Obbo Lammeessaan, Mana Murtii Aanaa Jibaatiitti gaafa guyyaa A.L.I 11/02/2014 erga dhiyaatee booda, abbaan seeraa galmee qorachuun hidhaa baatii ja’aa fi addabbii maallaqaa birri 1,000 irratti murteessuu isaa Komunikeeshiniin Godina Shawaa Lixaa fuula Feesbuukii isaa irratti ibseera.

Marsaalee hawaasaa irratti namoonni hedduun 'adabbiin itti xiqqaate' jechuun gocha namicha kanaa yoo balaaleffataniiru.

Fayyadamaan marsaa hawaasaa tokko ammoo "labsiin mortuu ittiin adaban keeyyata meeqaffaadha?" jechuun gaafata.

Osuma mortuun mortuu, hortuun horti jechuun kan mammaakanis hin dhabamne.