Waraan Yukreen: Yukireen saree meeshaalee waraanaa dhohan suufuun adda baasu medaaliyaa badhaaste

Zeleenskiin yeroo Paatrooniif badhaasa kennan

Madda suuraa, Ukrainian Presidential Press Service/Reuters

Yukreen saree meeshaalee waraanaa dhohan suufuun adda baasu erga Raashiyaan Yukireen weerartee tajaajila kenneef badhaaste.

Sanyiin saree 'Jack Russell terrier' Paatron jedhamu badhaasni meedaaliyaa kuni Pireezidantii Yukreen Voloodmiir Zeleenskiidhaan jila Kiyiivitti qophaa'ee kennameef.

Sareen ganna lamaafi baatii jahaa kuni garee meeshaaalee waraanaa dhohan sakatta'an gargaaruun meeshaaleen 200 ol akka argaman taasiseera.

Sareen kuni akka goota biyyaalessaafi mallattoo diddaa weerara Yukreenittis ilaalamaa jira.

''Gootota Yukreen lafa keenya meeshaalee waraanaa dhohanirraa qulqulleessaa jiran badhaasuun barbaada. Gootota keenya kunneen waliin immoo- gooti keenya xiqqoo Paatroon meeshaalee dhohan kunneen dhabmsiisuurratti gargaaruu qofa osoo hin taane, ijoollee keenya iddoo balaan akkasii jiru jiran qajeelfamoota of eeggannoo barsiiseera,'' jedhan Zeleenskiin jila gaafa Dilbataa qophaa'e irratti.

Qophii kana irratti kan hirmaatan Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Tiruudoo, biyyi isaanii meeshaalee waraanaa dabalataa Yukreeniif akka ergitu achumaan beeksisaiiru.

Abbaan saree Maayihaayiloo fi Paatroon meedaaliyaan kennameeraafi, Ministirri Mummee Tiruudoo akka nama sareef waa kennuu barbaadanitti yeroo gephii isaanii keessaa waa barbaadan mul'ataniiru.

Paatroon akka mallatoo sabboonummaa lammiilee Yukreenitti ilaalamaa jira, miidiyaalee hawaasaa Yukreen irrattis viidiyoonsaa haalaan qoodamaa jira.

Kana malees hojiiwwan aartii baayyeedhaafis kaka'umsa tahaa jira, deeggartoonni saree kanaa fakkii kaasuu dabalatee aartii gargaraa qoodaa jiru.

Hojiiwwan mul'atan keessaa Paatroon misaayelii Raashiyaa irratti yeroo fincaa'u kan agarsiisu tokko dha.

Fakkiin biraan immoo Paatroon duuba walakkaaan margaa lalisaa kana agarsiisu yoo tahu, gamni kaan immoo caccaabaa gamoowwan boombiidhaan barbadaa'anii agarsiisa