Biyya saree ofii gadi baasanii bashannansiisuu dhabuun seeraan nama gaafachiisu

Madda suuraa, Getty Images
Hindii keessatti bineelda daandii gubbaa hidhuun, daa'ima umriin barumsaaf gahe mana barumsaatti galmeessisuu dhabuun akkasumas haadha daa'ima harma hootu hinqabneef qaruuraa daa'imni annan keessaa dhugdu kennuun gochaalee yakkaan isin himachiisuu danda'anidha.
Seerota federaalaa biyyattii 882 keessaa 370 tumaalee yakkaa ofkeessaa kanqaban yemmuu ta'u, gosoota gochaalee 7,305 tumaalee kunneen keessatti tarreeffaman dalaguun yookiin dalaguu dhiisuun nama adabsiisa.
Gochaaleen kun yakkoota xixiqqaa kunneen hojii gadhiisuun dura ji'a tokko dursanii beeksisuu dhabuu akkasumas saree ofii manaa gadi baasuun akka bashannanu yookiin lafoo deemu gochuu dhabuutii hanga yakkoota ciccimoo akka meeshaa waraanaa seeran alaa qabachuu, ajjeechaa fi qoccollaa saalaa ofkeessatti qabatu.
Dhaabbanni qorannoo biyya Hindii magaalaa Deelhii keessatti argamufii Giddugala Imaammata Seeraa Vidhi jedhamu, biyyattiin dhimmoota xixiqqaa furuufillee seera yakkaatti fayyadamti jedha. Seeronni baay'eenis 'gochaalee jiruuf jireenya idilee keessatti raawwataman akka yakkaatti ilaalu' jedha dhaabbatichi.
Fakkeenyaaf Hindii keessatti re'ee ofii daandiirratti funyoodhaan hidhanii tursiisuun yakka, ujummoo bishaanii mana keessatti cabe heeyyama malee hojjechuun yakka, dabalataan abbaa qabeenyaa gamoo tokkoo akka waaman ajajamanii waamuu dhabuunis yakka.
Kana malees biyyattii keessatti maatiin barnoota ijoolleessaanii hin hordofan taanaan seeraan gaafatamu. Namni tokko heeyyamni konkolaachistummaasaa ittifamee osoo jiruu heeyyama konkolaachistummaa haaraaf iyyannoo galchuun isa adabsiisa.
Gama biraatiin Hindii keessatti booyyee daandii yookiin dirreerratti gadhiisuun hanga birrii 16 nama adabsiisa. Bineelda dawoo bineeldotaa keessa jiru jeequun yookiin dawoosaa keessatti kosii gatuun hidhaa ji'a jahaa yookiin birrii 3,000 ol nama adabsiisa. Kana malees saree ofii manasaatii gadi baasanii bashannansiisuu dhabuun hanga birrii 150 yookiin hidhaa ji'a sadii nama adabsiisa.
Kanaaf hidhaan Hindii keessatti mala adabbii isa filatamaa ta'edha jedhama. Haaluma kanaan yakkoota seerota biyyattii keessatti tarreeffaman keessaa dhibbeentaan 73 hidhaa guyyaa tokkoo hanga waggaa 20 kan nama adabsiisaniidha.
Gama biraatiin Hindii keessatti gosoonni yakkaa 301 murteen du'aa akka namarratti muramu kan taasisanidha. Biyyattii keessatti nama ajjeesuu yookiin finciluu qofa osoo hintaanee ujummoo boba'aa miidhuu fi loltuu ta'anii dirqamarra osoo jiranuu rafuun gochaalee adabbii du'aa namatti mursiisanidha.
Yakkoota gosa 7,305 seera biyyaalessaa biyyattii keessatti hammataman keessaa dhibbeentaa 80 kan ta'an adabbii maallaqaa birrii sadii hanga miliyoona 78.5 adabsiisu.
Haa ta'u malee tumaalee seera yakkaa biyyattii keessaa baay'eensaanii qabatamaan hojiirra yeroo oolan hin mul'atu.
Garuummoo tumaaleen kunneen malaammaltummaaf carraa kan banan akka ta'e Giddugala Imaammata Seeraa Vidhi keessa kan hojjetan Naviid Mehmuud Ahimad himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatiin "seera yakkaa akka malee fayyadamuun kun jireenya idilee lammiilee nagaa jeequun dabalataan hojii dhaabbilee daldalaa kan danquudha" jedha bu'aan qorannoo Giddugalli Imaammata Seeraa Vidhi baase.
Dhaabbileen daldalaa biyya Hindii keessaa dambiiwwan walxaxoon kan marfaman ta'ullee, wayita dhaabbileen kunneen dirqamasaanii bahachuu dadhaban seera yakkaa fayyadamuun adabbii humnaa olii adabuun omishtummaa biyyattii kan miidhu akka ta'es ogeeyyiin himu.
Gama biraatiin yakkoota gidduutti walsimuu dhabuun adabbii akka jirus gabaasichi hima.
Fakkeenyaaf gareedhaan ta'uun jeequmsa kaasuun hidhaa waggaa lamaa kan adabsiisu yemmuu ta'u, galmeessa ragaalee bu'uuraa irratti dhaloota yookiin du'a sobaan galmeessisuun hidhaa waggaa sadiin nama adabsiisuu danda'a.
Gama biraatiin biyyattiin lammiileenshee seerota akka kabajaniif seerota yakkaa fayyadamuunshee lammiileefii dhaabbilee daldalaaf qofa osoo hintaanee caasaalee mootummaarrattis dhiibbaa kan uumu akka ta'e gabaasichi hima.
Manneen murtii biyyattii keessatti galmeewwan yakkaa miliyoona 34 murtee osoo hinargatin taa'anii kan jiran yemmuu ta'u, kana keessaa dhibbeentaan 72 galmeewwan waggaa tokkoo ol lakkoofsisanidha.
Kana malees manneen hidhaa biyyattii hidhamtoota humna isaaniitii ol ta'een guutamanii kan jiru yemmuu ta'u, lakkoofsi hidhamtootaa hamma manneen hidhaa biyyattii keessa jiran qabachuu danda'an waliin walbira yemmuu qabamu dhibbeentaa 131 irratti argama. Manneen murtiifii poolisiinis hanqina humna namaatiin rakkachaa jiru.
Hindii keessatti lakkoofsi qaamolee seera kabachiisanfii lammiilee biyyattiis kan walsimu miti. Ragaan ALA Amajjii bara 2023 akka agarsiisuutti lammiilee biyyattii 100,000'f poolisoota 154tu jira.
Kanaafis seerri yakkaa gochaalee duudhaa hawaasaa kunneen akka nageenya uummataa, nageenya biyyaalessaa, lubbuu namaa, bilisummaa, qabeenya fi waliinjireenya hawaasaa miidhan irratti qofa kan xiyyeefate ta'uu akka qabu gabaasichi hima.
Gama biraatiin angawoonni biyyattii adabbiiwwan gosa 180 bara 2023 keessa haqaniin dabalataan adabbiiwwan yakkaa tumaalee seeraa 100 ol keessa jiran haquuf karoora akka qaban himaniiru. Kunis seerota foyyeessuun dabalataan haala biyyattiin lammiileeshee itti qabdu irra deebiin akka ilaaltu kan taasisudha.












