Miyaaw! Lammiileen Keeniyaa wixinee gibira adurreen yaadda'uu himan

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobitti namoonni adurree guddisan dhimma ‘gibira adurree’walqabatuuf yaadda’an.
Wixineen gibiraa adurree kun jalqaba Kaawuntii Naayiroobirra kan dhiyaate yoo ta’u, namoonni adurroota guddisan hundi adurreesaanii akka galmeessisan gaafate.
Naayiroobiitti namoonni adurree guddisan eyyama waggaatti shilingii 200 bitamuu fi waraqaa adurreen isaanii talaalli dhibee saree ittisu qabaachu mirkaneessu dhiyeessuu qabu.
Kana qofayyuu miti, warri adurree guddifatan ni beekamu- amala adurreesaaniif ittii gaafatamummaa fudhatu.
Akka wixineen labsii kutaan to’annoo bineensotaa magaalaa Naayiroobii jedhutti, namoonni adurree isaanii ‘’iyyitee jiraattoota akka nagaa hin dhoowwine mirkaneessuu qabu’’ jedha.
Kana malees adurreesaanii bakka ho'aatti hidhuutu irraa eegama.
Wixineen seera dhiyaate kun nageenya adurree fooyyessuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, jiraattonni magaalattii kaan garuu amansiisuutu irraa eegama.
Lammileen Keeniyaa dhiheenya kana mootummaan labsii faayinaansii gibira falmisiisaa ta’e akka haqu dirqisiisanii turan
Karooraa kaawuntii Naayiroobii kana namoota kaan akka mootummaan galii dabalataa walitti qabachuu barbaadurraa kan maddee jedhu.
"Jalqaba modasii dubartoonni ittiin to’atan irratti gibira baasan, amma namoota adurree guddisan gibira kaffalchiisu." Adurreekoo dhiisi!” jette Kadijaa M. Faraah toora X irratti wixinee faayinaansii haqame eeruun.












