Gandi Niwuzilaand kun maaliif adurroota dhabamsiisuu barbaadde?

Madda suuraa, Getty Images
Gandi xiqqoo kibbaa Niiwuzilaandiitti argamtu adurreen tokko otoo hin hafiin baduu qabdi jetti. 'Maaliif?' yoo jettan lubbuu qabeeyyii alaa galan eeguufi.
Takkaa adurreen isaanii duutee jennaan, warri adurree mararsiifatan hundi lammata hin argatani.
Waan adurreetti garaa jabaanne fakkaata garuu hawaasni naannoo keenyaa akka adurree du'a simbirroofi hosiftoota miliyoonaan lakkaawwamaniif sababii tahan baruu qabu jedhu hogganaan wiirtuu shimbirroota godaananii kan taheefi dhimma kanaratti kitaaba kan barreessan Dr. Piitar Maaraan.
''Adurroota namatti madaquun kan jaalataman yoo tahaniyyuu alabuloota tahuu hin qabani, inumaayyuu ala bahuu hin qabani'' jedhu.
"Sarooti akka diidatti bahan hin goonu, amma yeroonsaa adurrees akka sareetti yeroo kununsinuu dha.
Qondaltoti ganda Omaayuu tarkaanfichi sirrii dha. Adurrooti yeroo isaan simbirroo, ilbisaafi warra bishaan keessa jiraatan adamsanii yeroo nyaatan kaameeraan waraabeeraaa jedhaniiru
Adurrooti ala deemanii adamsan hundi itti haa fufan takkaa duunaan garuu bakka buufachuun hin danda'amu jedheera hogganaan eegumsa naannoo Alii Meed.
Namni kana gochuuf hin galmoofne akeekkachiifni ergamaafi jedhameera.
Saayintistooti kunuunsa naannoo, adurrooti ala oolanii bulan bineensota lubbuu qabeeyyii balleessuun beekaman 100 keessa jiru jedhu.

Madda suuraa, Tim Romano/Smithsonian Conservation Biology Instit
Baduu sanyii simbirroofi hoosiftoota 63 sababii kan tahu dabaluu lakkoofsa adurreeti jedhu.
Jiraattonni gandicha adurree qabaniifi jaalataniif hanga dhumaatti mormina jedhaniiru.
Alii Meed, warreen adurree qabaniifi jaalatan, lubbuu qabeeyyii biroofillee hiluu qabuu, manatti madaqsaniifi leenjisanii kunuunfachuu qabu jedha.
Ameerikaatti simbirrooti biliyoona afur tahaniifi hoosiftoonnii biliyoona lama tahan waggaa tokko keessatti qofa adurreedhaan nyaatamu.
UK'tti immoo miliyoona 55 kan tahan adurreen dhumu.













