Yeeyyiin daa'imman aadamsan Hinditti rifaatuu uuman

Yeeyyii qarqara qillee gubbaa dhaabbatan

Madda suuraa, Getty Images

Daa'imi umuriinshee kan ganna afur ta'e Saandiyaa, Hagayya 17 galgala keessa kutaa biyya Hindii Uttaar Piraadesh keessatti, mana maatiisaanii dhoqqee irraa ijaarame ala rafaa osoo jirtuu akka tasaa ibsaan bade.

Naannichis battalumatti dukkanaan golgame.

"Ibsaan badee daqiiqaa lama keessatti Yeeyyiin wal haranii dhufan. Yoo waan ta'aa jiru hubannuttis daa'ima ciiftee ture fudhachuu hubanne," jechuun dubbatti haati mucaa, Sunitaan.

Reeffii daa'ima tanaatis guyyaa itti aanuutti ture kan maasaa suukkaaraa manasaanii irraa fageenya gara meetira 500 irratti argamu keessatti argame.

Akkasumas jalqaba baatii kanaatti, ganda ollaa tokkootti, daa'imni ganna saddeet Utkaarsh jedhamu, agoobara jala osoo rafaa jiruu, haatisaa wayita yeeyyiin as itti loo'uun godoo isaanii keessa seenuu hubatte.

"Bineensichi gaaddidduu keessaa as ba'e. Anis 'Ilma koo hin xuqiin!' jedheen iyye. Ollaankoos ariitiin birmannaan bineenisichis baqate," jechuun waan ture yaadatti.

Erga walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee, haleellaan yeeyyii kun naannoo daangaa Nepaal aanaa Baahraayichitti gara gandoota 30 shororkeessuun isaa ni yaadatama.

Daa'imman sagal fi ga'eessi tokko bineensa kanaan fudhatamanii ajjeefamaniiru. Daa'imti xiqqaan bineensa kanaan miidhames mucaa waggaa tokkoo yoo ta'u, namni guddaan immoo dubartii waggaa 45 ture.

Kana malees yoo xiqqaate namoonni gara 34 ta'an bineensa kanaan madaa’aniiru.

Nama balaa bidiruu namoota 20 waliin dhidhimtee wayita barbaadamaa jiruan jiraattoota ollaa sanaa osoo ilaalanu

Madda suuraa, ANI

Ibsa waa'ee suuraa, Aanaan Baahraayich lolaadhaaf saaxilamaadha
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hawaasa bineensoota kanneeniin miidhame sodaa itti nammeera. Manneen gandaa hedduun qulfii waan hin qabneef, ijoolleen mana keessa akka turan kan taasifaman yoo ta'u, dhiironni ammoo halkan daandii ibsaadhaan sakattaʼaa bulu.

Angawoonni diroonii fi kaameraa bobbaasuun, kiyyoo kaa'uu fi yeeyyii sodaachisuudhaaf ibiddaa fayyadamaa fa'i jiru. Hanga ammaatti yeeyyiiwwan sadii qabamuudhaan gara mannee bineensotaa (zoo)tti geeffamaniiru.

Haleellaan yeeyyii namarratti raawwatu baayyee kan hin baramne yoo ta’u, irra caalaan bineensoota kanneenitis kan dhukkuba saree maraattuu, dhukkuba vaayirasii sirna narvii miidhutiin qabamaniidha.

Waraabessi dhibeen saree maraatuun qabamanis garmalee namoota irraan miidhaa qaqabsiisuu danda'u.

Gabaasni Inistiitiyuutii Qorannoo Uumamaa Noorweey bara 2002 fi 2020 gidduutti Hindii dabalatee, biyyoota 21 keessatti yeeyyiin haleellaa raawwataniiru. Isaan keessaa 26 qofatu lubbuu namaa galaafate. Namoonni gara 380 ta'an ammoo "rakkoo saree maraatuuf" saaxilamaniiru.

Ameerikaa Kaabaa keessatti waggoota 50n darban keessatti namoonni Yeeyyiin wal qabatee lubbuun dhabuun mirkanaa’e lama qofa akka ta’e ogeessi baayoloojii Ameerikaa beekamaan amalayeeyyii qoratan, Deev Mech BBC’tti himeera.

Baay’inni yeeyyii kutaalee biyyattii 48, Kaanaadaa fi Alaskaa keessatti babal’ate gara kuma 70tti kan tilmaamamu ta’us himan.

Kanaafuu yeeyyiin maaliif kutaa biyya Hindii keessatti akkasiin manoota irratti miidhaa qaqabsiisaa jiru?

Lagaa fi bosona gidduutti kan argamu kutaaleen Baahraayich yeroo dheeraaf bakka jireenya yeeyyii ta'anii turan. Aanaan lolaa laga Ghaghara keessatti kan argamu kun namoota miliyoona 3.5 kan qabu yoo ta'u, lolaa waqtiitii waqxiin uumamuuf saaxilamaadha.

Yeeyyii hedduun erga qabamanii booda gara dahannoo bineensootaatti geeffamaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Yeeyyii hedduun erga qabamanii booda gara dahannoo bineensootaatti geeffamaniiru

Roobni cimaa fi lolaa yeroo gannaa roobuu haala lafaa garmale jijjiireera. Lagni naannichaas guutee danbalii'uudhaan bosona bishaaniin guutee, yeeyyiin nyaataa fi bishaan barbaaduuf akka bahanii deeman gochuu mala.

''Jijjiiramni qilleensaa adeemsa suuta suutaan taasifamuudha. Garuu lolaan yeeyyiiwwan kun bakka jireenyaa jeequu danda'a, nyaata barbaaduuf gara qubsuma namaa dirqisiisuu danda'a,'' jetti Amitaa Kanaujia Inistiitiyuutii Saayinsii Bineensota Bosonaa Yunivarsiitii Lucknow.

Yeeyyiin maaliif ijoollee irratti xiyyeeffatan?

Ofii yeeyyiiwwan maaliif nyaata barbaacha daa'imman irratti xiyyeeffatuu?

Bara 1996tti gandoota Uttar Piraadesh keessatti miidhaa yeeyyiitiin daa'imman baay'ee ajjeefamuu irratti qorannoo wayita gaggeeffameetti, ogeeyyiin bineensota bosonaa to'annoon, daa'immanii miidhaan irra gahe hedduunis kan eegumsigahaan hin taasifamneef ta'u hubatan.

Irra caalaan daa'imman beneensa kanaan miidhamanis ijoollee maatii hiyyeeyyii warra tokkoo ykn yeroo baayyee haadholiin kan guddifamaniidha.

Gandoota Hindii hiyyeessa taatee kana keessatti, yeroo baayyee horiin daa’imman caalaa eegumsa gaarii qabu.

Haleellaan yeeyyii daa'immaniifi gaheessootarratti raawwataa jiran jiraattoota yaaddeessaa jira
Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan yeeyyii daa'immaniifi gaheessootarratti raawwataa jiran jiraattoota yaaddeessaa jira

Bineensi beela’e tokkoos, bakka jireenyaa adamsuun karaa ittiin foonaa horii seenu wayita dhabuutti, ijoollee namoonni gurguddoon bira hin jirree yoo argatu, isaan irratti xiyyeeffachuu danda’u.

''Addunyaa irratti bakka biraatti haleellaan yeeyyiin daa'imman irratti raawwatamu baay'ee hin argine,'' jechuun dursaan saayintistii fi ogeessi kunuunsa Hindii, Yaadvendraadev Jhaalaa BBC'tti himan.

Haleellaan yeeyyii tibbanaa Hindiyaa keessatti raawwatamaa jiru kunis tarii waggoota 40 darban keessatti isa 4ffaa ta'uu hin oolu. Bara 1981-82tti haleellaan yeeyyii Bihaar keessatti raawwatameen yoo xiqqaate lubbuu daa'imman 13 galaafateera.

Bara 1993 fi 1995 gidduutti ammoo daa'imman 80 gara biraa irratti haleellaan kan raawwatame yoo ta'u, yeroo sanatti ammoo aanaa naannoo Haazaaribaagh keessatti gareewwan yeeyyiin shan maddeeffataniiti jedhamee amaname ture.

Taateen hamaan kan raawwatame ammoo baatii saddeeti bara 1996 keessatti ture. Kunis yeroo gandoota Uttaar Piraadesh 50 ol keessatti daa'imman 76 irratti haleellaaraawwachuun lubbuun 38 itti darbeedha.

Ajjeechaan kun kan dhaabbate erga aanga'oonni yeeyyii 11 ajjeesaniin booda ture. Miidiyaaleenis yeeyyii “nama nyaatan” jechuun ibsaa turan.