Ikuwaatoriyaal Giiniin hojjattoota mootummaa biiroo keessatti saal-qunnamtii raawwatan akeekkachiiste

Teodoro Obiang

Madda suuraa, AFP

Hojjattoonni mootummaa biiroo keessatti saal-qunnamtii osoo raawwatan heddu jiraachuu viidiyoon agarsiisu erga bahee booda Iquwaatoriyaal Giiniin hojjattota kanarratti tarkaanfii akka fudhattu beeksiste.

Biiroo keessatti hojjattoonni osoo saal-qunnamtii raawwatanuufi viidiyoo saal-qunnamtii ilaalanii ragaan agarsiisu bahuu hordofeeti pirezidaantii ittaanan biyyattii kan akeekkachiisan.

Viidiyoowwan gadi lakkifaman keessaa qondaalli mootummaa olaanan Baltaasar Ibaang Ingoongoo jedhamu dubartoota heddu wajjin [yeroo garaa garaatti] biiroo isaa keessatti osoo saal-qunnamtii raawwatuu agarsiisa.

Baltaasar Ibaang itti gaafatamaa Ejansii Qorannoo Faayinaansii Biyyaalessaa Iquwaatooriyaal Giiniti. Akkasumas fira pirezidaantii biyyattiiti.

Baalstar biiroosaa keessatti dubartoota inni wajjin saal-qunnamtii raawwate jedhaman keessaa haati warraa qondaala olaanaa mootummaa biyyattii keessatti argamti.

Dubartoota wajjin biiroosaa keessatti saal-qunnamtii isoo raawwatuu viidiyoon agarsiisu jira jedhamee Dhimma kanarratti yaada isaa akka kennuuf BBCn qondaala mootummaa kana gaafateera.

Baltaasar taatee mudatetti gadi itti dhagahamuu fuula feesbuukii isaa irratti barreesse.

Pirezidaantii ittaanaa Iquwaatooriyaal Giinii kan ta'an Teewoodor Obiyan Manguwee qondaalli mootummaa bakka hojiitti gochaa saal-qunnamtii keessatti hirmaate kamiyyuu akka hari'amu dubbatan.

"Kuni aadmaleedha, faallaa seera namuusati," jechuun biirolee garaa garaa keessatti kaameran akka dhaabatu ajajuu beeksisan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waajjirri pirezidaantii itaanaa ibsa baasen, tarkaanfin kun fudhatamuu kan danda'e, viidiyoon hojjattoonni mootummaa biiroo keessatti osoo saal-qunnamtii raawwatanuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti heddu qoodamee maqaa biyyattii xureessuu hordofeeti.

Qorannoon akka gaggeeffamuufis ajaji kennameera jedha ibsi mootummaan biyyattii baase kun.

Viidiyoowwan kunneen kan gadi lakkifaman, qondaalli olaanan mootummaa Baltaasar Ibaang Ingoongoo yakka malaammaltummaan shakkamee erga to'annoo jala oolee booda ta'uu miidyaan biyyattii gabaase.

Viidiyoon osoo qondaalli mootummaa kun dubartoota wajjin saal-qunnamtii raawwatuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti heddu qoodamuu hordofee Abbaan Alangaa waliigalaa biyyattii TV biyyaalessaa Iquwaatooriyaal Giiniitti akka dubbatanitti, Baltaasar Ibaang Ingoongoo dhukkuboora saal-qunnamtiin daddarbu hedduun qabamuu ibsuun "fayyaa hawaasaa" irratti yakka hojjateera jedhan.

Baltaasar Ibaang nama sansakkaa toluufi bareedaa ta'uurraa kan ka'e maqaa masoo "Bello" jedhamuun beekama. "Bello" jechuun afaan Ispaanishiin "nama bareedaa" jechuudha.

Tarii bareedinasaa kanaan dubartoota heddu hawwate ta'inna.