Viidiyoon saal-qunnamtii otoo ati hin beekiin akkamiin Feesbuukii kee irratti maxxanfama?

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Firaa'ol Balaay
- Gahee, Gaazexeessituu BBC Afaan Oromoo
Hiriyaan Feesbuukii kiyyaa tokko guyyoota muraasaan dura qabiyyeen kan isaa hin taane [Timeline] Feesbuukii isaarratti maxxanfamuu argee rifate.
''Dhiifama naa godhaa waan safuu cabsetu (viidiyoo saal-quunnamtii) Feesbuukii koo irratti eeyyama koo malee maxxane ani arguu hin danda'u. Kana booda waan argitanis anaa miti kan maxxansu,'' jedhee hiriyyoota isaaf ergaa dabarse.
Haalli akkasii kan isa qunnamu hiriyyaa koo kana qofaa miti. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa baayyee akkaawuntiin isaanii haakarotaaf/saamtotaaf saaxilama.
Akka dhaabbanni haleellaa saayibarii hordofu StationX jedhamu ibsutti bara 2021tti akkaawuntiiwwan Feesbuukii miiliyoona 1.5 tahan hannaaf (hack) saaxilamaniiru.
Akkaawuntiin kee takkaa saaxilamee jennaan odeeffannoo kee fudhachuun dabalataan qabiyyeewwan ''saal-qunnamtii'' fi kaanillee [Timeline] kee irratti maxxanfamuun dhimmoota mudatan keessaati.
Qabiyyee saal-quunnamtii fi 'hack' godhamuu
Saamtonni onlaayinii kanarra jiran kaayyoon isaanii inni guddaan 'hannaafi to'annoo,' dha.
Ogeessi hubannoo nam-tolche fi IT Kaabilaa Sobbooqaan malooti saamicha maallaqaa ykn odeeffannoof itti fayyadaman keessaa ammoo qabiyyeewwan fayyadama miidiyaa hawaasaa hawwachuu danda'an erguudhaani jedha.
Qabiyyeewwan kunneen keessaa tokko viidiyoo saal-qunnamtii yoo tahu, fayyadamtoota karaa ergaa gabaabaa itti erguun ykn itti naquun [tag] gochuun akka banan taasisu barbaadu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Kaabilaan jedhutti saamtonni kunneen qe'ee ykn gola miidiyaa hawaasaa kee otoo hin seeniin dursanii ''qalbii kee hatu.''
''Kana kan raawwataniif ammoo dargaggoonni baayyeen viidiyoo saal-qunnamtii gaafa argan bira hin darban ni banu jedhanii waan yaadaniif,'' jedha.
Viidiyoo saal-qunnamtii Feesbuukii irratti maxxanfame ilaaluun saamtota akkamiin fayyada jechuu dandeessa.
Akkatti hojjetanin sitti hima:
Fakkeenyaaf hiriyyaan kee Feesbuukii akkaawuntiinsaa butame [hack] godhame tokko viidiyoo saal-qunnamtii namoota 98 biroo wajjin itti si naqee [tag] si godhee argita.
''Waan safuu cabse,'' jechuun otooma ija babaastuu viidiyoo sana banta taha yeroo bantu akkuma xiqqoo ilaalteen ''itti fuftee ilaaluuf password kee galchi'' siin jedha.
Kana yoo raawwatte ''hattuuf furtuu mana keetii akka kennitetti lakkaa'i.'' Siin hilan, odeeffannoo, maallaqa onlaayinii qabdu akkasumas icciitii kee itti fayyadamu ykn ni saamu jechuu dha.
Malli isaan itti fayyadaman immoo kana qofaa miti. Kaabilaan, ''namoonni carraa hojii, kan barnootaafi biyya alaa deemuuf akkasumas viidiyoowwan saal-quunnamtii ilaaluuf gaafa onlaayinii marsariitiiwwan soqanis odeeffannoon isaanii marsariitii qaamni suni itti fayyadamuuf dabarfamee ni kennama,'' jedha.
Kana jechuun carraa barnootaa biyyaa alaa ''kaffaltii tokko malee'' jedhu isinitti erguun hiriyyaa keessaniifis ergaa siin jedhu jechuu dha.
Kana malees takka hiituu [link] akka isaan bantu barbaadan erga banteen booda akkaawuntii kee keessa seenuun hiriyyoota kee biroos ''tag'' godhu, haala kanaan carraan isaan akkaawuntii baayyee waliin gahuu danda'an ni dabala.
Gama biraan ''vaayirasii riphee badii dalagu kan ati yeroof arguu hin dandeenyes bilbila kee irratti fe'uu danda'u,'' jedha Kabilaan.
'Eeyyama koo malee maxxanfame'
Akka Kabilaan jedhutti fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa link viidiyoo saal-qunnamtiis tahe kan carraa barumsaafi kaan saamtota kanaan ergame ykn kara biraan onlaayinii irratti argame yoo banan ''akkaawuntiin isaanii to'annoo isaanii jalaa baha.''
''Haala kana keessattis haakaroti qabiyyee barbaadan Feesbuukii fi kan hiriyyoota isaanii irratti maxxansuu danda'u,'' jedha.
Yeroo waan kuni taasifamutti ati quba qabaachuu dhiisuu malta.
Dabalataan vaayirasii badii dalagu bilbila kee irratti akka fe'amu taasisu jedha.
''Fakkeenyaaf vaayirasiin kiiloogar jedhamu namoonni bilbila irratti yeroo paaswordiifi message dabalatee waan isaan kiiboordii fayyadamanii barreessan to'achuu fi hordofuu danda'a,'' jedhe.
Haala kanaan sochii ati miidiyaa hawaasaafi marsariitiwwan irratti taasiftuufi dhimma icciitiin qabatte beekamtii kee malee si gaadu jechuu dha.
Odeeffannoo kanas, ''hojii seeraan alaa dalaganiif itti fayyadamuuf oolchuu danda'u,'' jedha ogeessi kuni.
Falli maali?
Haakarootni yeroo baayyee akkaawuntii kee galuudhaaf taa'anii jecha darbii kee qofa ''kanammoo sana tahiinnaa,'' jedhanii yaalaa hin oolan. Maloota baayyee fayyadamu malu. Maloota isaan fayyadaman keessaa tokko karaa ati otoo hin hubatiin banteen seenuu dha.
Gochaa isaanii kana ittisuuf link kamiyyuu banuun dura qalbeeffachuun barbaachisaa dha.
- Ergaan gabaabaan sitti ergame taanaan - mee tasgabbaa'i ilaali. Tarkaanfii fudhachuu keen dura daqiiqaa shan fudhadhuutii, ergaan kun sirrii tahuu adda baasi. ''Jarri kun maaliif na qunnaman?'' jedhii of gaafadhu.
- Hidhaa ykn liinkii sitti ergame cuqaasuuf hin ariifatiin. Dhaabbata sirriitu ergaa kana sitti erge taanaan, si hin muddan.
- Nama beektan irraas tahu ergaan shakkisiisaa tahe isin dhaqqabnaan, tarkaanfii fudhachuu keessan dura, gama biraan isaan qunnamaatoo mirkaneessaa. Isaanis saaxilamaniiru taha.
- Ergaa gabaabaarraa appii hin buufatiinaa - appicha buufachuun isin barbaachisa taanaan, wiirtuu mirkanaa'erraa tahuu qaba.
- Link marsariitii tokkoo gaafa bantu https tahuusaa qalbeeffadhu, http 's' ofirraa hin qabu taanaan 'secure' ykn 'eegamaa' miti jechuu waan taheef keessaa bahi ykn marsariiticha irratti odeeffannoo dhuunfaa hin qoodiin. Sababiinsaa marsariitichi mala ittiin gara akkaawuntii kee seenuuf fayyadaman tahuu mala.
Erga takkaa taheewoo?
Battala qabiyyeen kan kee hin taane miidiyaa hawaasaa kee irratti akka maxxanfame gaafa hubattu, ''password ykn jecha darbii kee dafii jijjiirii,'' jedha ogeessi IT Kaabilaan.
Jechi darbii kees saamtota kanaan akka salphaatti kan baramuu danda'u tahuu hin qabu. Paaswordiinkee hangam cimaadha? 123456 taanaan ammuma geeddari
Tarkaanfiin inni lammata furtuu bilbila kee settingkeessa galuun tag akkaawuntii biraa irraa eeyyama kee malee akka hin maxxanfamneef sirreessuu qabda.
Sadaffaan yeroo akkaawuntiin kee kuni saamtotaaf saaxilametti ammas eeyyama kee maleefi haala hin mul'anneen vaayrasiiwwan loosanii galchuun riphanii akka badii dalagan taasifamu.
Dhimmi kuni bilbila kee irratti raawwachuu isaaf immoo mallattoowwan argitu jira. Mallattoowwan torba akka bilbilli kee butame mul'isan
Mallattoowwan kunneen keessaa muraasa argite jennaan bilbila kee 'reset' gochuu qabda. Kabilaan, ''odeeffannoowwan barbaaddu irraa garagalfadhuutii, ''format'' tolchuun akka haaraatti jalqabsiisuu qabda jedha.












