Saamicha onlaayinii: Qaamota nu gowwoomsuun nu saaman akkamiin ofirraa qolanna?

Dubartii kaaffee keessatti baankii onlaayinii fayyadamaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odeeffannoo waa'ee keenyaa miidiyaa hawaasummaarratti kennuuf baayyee saaxilamoodha jedhe ogeessi xiin-sammuu tokkko

Maqaan gooftaa yookiin giiftii kee eenyu? Sareen kee eenyu? Iddoon ati jalqaba itti bashannante eessa? gaaffileen jedhan yoo sitti dhufu ta'e gatii si kaffalchiisu.

Osoo interneeta fayyadamtuu gaafileen kunneen yoo tasa si dhaqqaban dhaabbatee si'a lama sadi yaaduu qabda jedhu gareen fayyadamtoota intereentii irratti hojjetan.

UK keessatti tajaajilli yakkoota karaa interneetii raawwataman gabaasu, bara darbe kana keessa yakkoota saayibarii 480,000 raawwatamaniin yuuroon biiliyoona 2.5 caalu hatameera.

Jaarmiyaan dhimma hanna onlaayinii qolachuurratti hojjetu-Which- jedhamu erga weerarri koronaavaayirasii eegalee as UK keessatti hanni akkasii dhibbeentaa 33'n dabaleera.

Gulaalaa olaanaan jaarmiyaa kanaa Adam French, yakki akkasii tibba ayyaanaa fi bara haaraa kana akkaan hammaata, sababni isaa namoonni hedduun meeshaa wayita bitan onlaayinii waan kaffalaniif akkasumas hariiroon hawaasummaa karaa miidiyaa hawaasaa yeroo kana waan cimuuf jedhe.

Hanna goyyoomsaa karaa onlaayinii raawwataman kanneen keessaa 90,000 kan caalan karaa bittaa fi gurgurtaa onlaayinii(online shopping) kan raawwatamaniidha.

'Hanni kun waan qoosaatti ilaalamu miti'

Aab Adam French akka jedhutti namoonni akka onlaayinii hataman haga tokko yaadaa qabu, garuu warri hanna kana raawwatan mala ittiin namoota guyyoomsan uumaa bulu.

Gaaffileen onlaayinii nama gaafataman akkamiin odeeffannoo namaa akka baasan giraafiksii agarsiisu

Madda suuraa, Which?

Hattoonni kunneen qabiyyee sobaa namatti dhiyeessuun nama goyyoomsu kan jedhu Aab French, kan baayyee hamaan ammoo wayita ati akka waan isaan nama isa dhugaatti haasa'aa jiraniitti deebii kennituudha jedhe.

Akkanni jedhutti erga daldalli onlaayinii akkaan babal'achuu eegalee as warri goyyoomsanii nama hatan carraa guddaa argatan, inumaa marsaritii fi akkaawuntii isa dhugaa fakkaatu diriirsanii namoota miiliyoonaan lakkaa'am saamuu eegalan.

Namoonni kunneen irra hedduu odeeffannoo nama dhuunfaa argachuuf mala dhahu, namoonnis yoo gaaffiin akkanaa dhiyaatuuf hatattamaan gaaffii nageenyaan walqabatee jiru deebisuu eegalu.

Adam French, gulaalaa olaanaa Which

Madda suuraa, Adam French

Ibsa waa'ee suuraa, Adam French, gulaalaa olaanaa Which

"Battalleewwan yookiin gaaffileen gaggabaaboon battaluma onlaayinii seentan gaafatamtan yeroof qoosaa fakkaachuu danda'u. Garuu odeeffannoo karaa kanaan isinirraa argamu deebi'ee isinumaan nyaata. Kanaafuu namoonni waan akkasii keessa seenuurraa akka of qusatan gorsina. Yoo gaaffileen dhiyaatan qoosaa fakkaatanillee,'' jedhe.

Rakkoo hamaa ta'ee kan jiru ammoo yakkoonni saayibarii gabaasamuu dhabuudha, kunis tarii namoonni akkaataa ittiin gabaasan osoo hin beekin ta'uu mala, yookiin ammoo akkamittan goyyoomsame jedhanii qaana'anii ta'uurraa madda.

"Yoo hattuun balbala keetti dhuftee si saamte yookiin yoo bakkuma ta'etti qaamaan si saamte qaana'uu hin qabdu,'' jedhe.

"Wayita saamaman namoonni kallattiin poolisiitti gabaasu, nutis kan barbaannu kanuma, namoonni sirriitti hubatanii ofirraa gabaasuu qabu.''

Kubbaaniyyaawwan teeknooloojii gurguddoon akka Feesbuukii fi Google ''beeksisi galii irraa argatan yakka akkanaarraa bilisa ta'uu mirkaneessuuf dirqama qabu, jedhe Adam French.

Namoonni maaliif saamtota onlaayinii harkatti kufu?

Ogeessi xiinsammuu Martin Graff, rakkoo guddaan onaalyinii wayita taanu of-eeggannoodhaan ta'uu akka qabu hubachuu dhabuurraa madda jedha.

''Namoonni wayita onlaayinii seenan(Feesbuukii) gaaffilee bifa qoosaa fi bashannanaan dhiyaatan utaalanii keessa seenu, kun ammoo balaa inni baatu hubachuu dhabuurraati,'' jedha.

"Fakkeenyaaf gaaffilee akka nyaati akka akkaan jaal'attu maali jedhan wayita argitu waanuma salphaa sitti fakkaatee bantee deebisuu dandeessa. Kanneenumatu akka saamamtu si godha.''

Martin Graff

Madda suuraa, Martin Graff

Ibsa waa'ee suuraa, Martin Graff

Goyyoomsamee saamamuu koo yoon shakke maalin godha?

Jaarmiyaan Action Fraud jedhamu namoonni `nageenyummaasaanii mirkaneeffachuuf 'Take Five to Stop Fraud' jedhanii deebisuu qabu. Kunneenis:

  • Dhaabbatanii ilaaluu: Odeeffannoo yookiin maallaqa kee dabarsitee kennuu dura dhaabbatee, tasgabbiin ilaaluu qabda.
  • Ittiin qabuu: Kun goyyoomsaa ta'uu danda'aa? Ergaa kamiyyuu diduu, haquu yookiin cufuun ni danda'ama. Kan ariifatee sitti deddeebi'ee si rakkisu yakkamtoota qofa waan ta'eef.
  • Of baraaruu: Saamtota kunneeniif saaxilamuu kee yoo shakkite yogguma sana baankii kee quunnami, yookiin ammoo gara Action Fraud bilbilii gabaasi.