Bilbilli balbalaa odeeffannoo dhuunfaa Feesbuukii fi Guugilii kennaa jira

Bilbila balbalaa

Madda suuraa, Amazon Ring

Bilbilii balbalaa odeeffannoo maamiltootaa dhaabota kanneen akka Feesbuukii fi Guugiliidhaaf akka kennan qorannon mirkaneesse.

Dhaabbatni Elektirooniik Firoonteer Faawundeeshin jedhamu appiichi nama sadaffaadhaaf saaxilamaadha, odeeffannoo namoota dhuunfaa gadi baasa jedheera.

Dhaabotni shan tahan odeeffannoo kannee akka maqaa namootaa, lakkoofsa eenyummaa isaanii fi teessoo namoota isaan beekanii fa'a ni argatu jedha.

Appiin Riing jedhamu immoo odeeffannoo qoodaa jiru irratti daangaa kaa'eera jedha.

Appichi tajaajilli keenya maal irra akka jiru baruuf, fooyyeessuu, fedhii maamilootaa guutuufi haala qixa taheen hojjechuuf qaamni sadaffaa akka qoratu ni taasifna jedheera.

Elektirooniik Firoonteer Faawundeeshin garuu appiin Riing odeeffannoo dhuunfaa fayyadamtootaa icciitiidhaan hin qabne jedheera.

''Balaan odeeffannoo xiqqoollee erguun qabu, dhaabotni kunneen odeeffanoo muraasa argatan kana walittii qabanii akka isaan odeeffannoo fayyadamaa meeshaa kana bira akka gahan taasisa.

Kana booda ashaaraa fayyadamtoonni appii biraa waliin itti waliigalan hordofa, fayyadamtoonni waan isaan appiiwwan kanarrtti hojjetan basaastotaaf ni saaxila.

Dhaabotni odeeffannoo kana argachaa jiran ...

  • Feesbuukiin sa'atii fayyadamtoonni irra jiran, meeshaa akkamii akka fayyadaman, dandeetti iskiriiniin isaanii fakkiifi viidiyoo agarsiisuuf qabu, lakkoofsa addabaasaallee bilbilichaa argateera. Guugilii, AppisFilaayar, Miikspilaanar dhaabotni jedhamanillee odeeffannoo argachaa jiru.

'Haa cufamu'

Appii Riing Amaazoontu bara 2018tti bitee, kaameeraawwan, bilbiloota balbalaa gurguruufi ajeensiiwwan 200 hojii sakatta'insaa dalagan kan amanamummaan isaanii xiqqaa tahe waliin michoomuun qeeqameera.

Warri mirga digitaalaaf duula gaggeessan kan 'Fight For Future' jedhaman Amaazoon ollaawwan akka wal basaasan gochaa jira jedhu.

Bara darbe oduuwwan waa'ee appii Riing baayyeetu bahaa ture.

Jiraataan kutaa biyyaa Alaabaamaa karaa kaameeraa kanaa namoonni hanna dijitaalaa gaggeessan ijoollee kootti haasa'an jedha.

Hojjetaan Amaazoon tokko ''Appiin Riing hatattamaan cufamuu qaba, deebi'ee dhufuus hin qabu jedheera.