Mallattoo ergaa ykn notification tokko malee araada bilbilaa qabaachuu-qorannoo

Dubartii bilbilashee ilaalaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon Yunivarsiitii Landan School of Economics and Political Science araadni bilbiloota Smartphone jedhamanii ‘notifcation’ waan qabaniif kan uumamu miti jedha.

Qorannichi bilbila keenya kan tuttuqnu harka 89 fedhii keenyaani, harka 11 qofa mallattoo argannuuf ykn wayita notification nu ga'u kan deebii kenninu.

Chaatii garee irratti walitti odeessuun immoo ‘madda dhiphinaa’ tahaa jira jedha qorannichi.

Akka qorannoo kanaatti fuula miidiyaa hawaasaa Instaagiraamiifi Feesbuukii keenya oliifi gad daddabarsuun (scroll’) gochuun dalagaa namoonni yeroo dheeraa irratti fudhatani dha.

Sababiin yeroo baayyee bilbila keenya tuttuqnuuf, fedhii fayyadamaan bilbilaa tokko battalaaf bilbilasaa obsuu dadhabuu dha, akkuma namni tamboo xuuxu tokko tahu sanaa,’’ jedha qorannichi.

Qorannoo kanaan bilbilawwan Smartphone 37 kan namoota umriin isaanii waggaa 25 olii UK,Jarmanii fi Firaans irraa dhufan xiinxalan.

Hirmaattonni qorannoo kanaa oolmaan isaanii guyyuu kaameraan akka waraabamu eeyyaman.

Hirmaattonni qorannoo kanaa oolmaan isaanii guyyuu kaameraan akka waraabamu eeyyaman

Madda suuraa, LSE

Ibsa waa'ee suuraa, Hirmaattonni qorannoo kanaa oolmaan isaanii guyyuu kaameraan akka waraabamu eeyyaman

Walumaagalatti tuttuqqaan bilbilaa 1,130 galmaa’era jedha qorannoon Science Direct irratti maxxanfame.

Namoonni bilbila isaanii irratti maal faa fayyadamu?

· WhatApp- 22%

· Bilbila isaanii takkaa bananii ilaaluu- 17%

· Instaagiraamii - 16%

· Feesbuukii - 13%

· Imeelii - 6%

· Yeroo bilbilli waamu - 1%

Chaatiin garee irratti taasifamu ‘madda dhiphinaati’ haa jedhamuyyuu malee fayyadamtoonni ergaaman garee yeroo baayyee kan faayidaa hin qabne dha jedhan.

Fayyadamtoonni imeelii-ergaa baayyee barbaachisaa jechuun sadarkaa kennaniiruufi.

Fayyadamtoonni yeroo namaa waliin tahan bilbila isaanii badaa hin tuttuqan. Geejibaa uummataan yeroo imalan bilbila isaanii irratti yeroo dheeraa dabarsu.

‘Hin qoramiinaa’

Hirmaattonni qorannoo bilbila isaanii saffisni isaan deddeebisanii itti tuttuqan baayyee isaani dinqe.

‘’Ani nama bilbila ofii daddafee hin fayyadamne dha jedhee yaada tureyyu,’’ jedhu fayyadamaan tokko.

‘’Ergan kana argee booda garuu yoom akkan bilbila koo kaasullee akka hin beeknen hubadhe.

Isan beeku caalaan bilbila koo fayyadamaa jira jechuu dha,’’ jedhan.

‘’Yoomin bilbila koo baase? Battala sana hin yaadadhu…hamma kana irra deddeebisee tuttuquun koo na dinqeera,’’ jedhan fayyadamaan biraa.

Bilbila ofiii ilaaluun ykn tuttuquun namoota baayyeef waan barbaachisaa taheera. Wal-quunnamtiif qofa itti hin fayyadaman, jedhan qorannoo kana kanneen barreessan keessaa tokko kan tahan, Piroof, Saadi Laahluu

‘’Dhimmi kun keesumaa ijoolleef waan yaaddessaa dha.Meeshaaleen kun akkatti jireenya keenya geeddaran otoo hin beekiin dukkanuma keessa adeemaa jirra.

‘’Akkatti qormaata kanarraa of eegnu barachuu qabna. Yemmuu yeroo xiyyeeffannoo barbaannuufi namootatti haasa’uu barbaannu. Akkuma abbaan qawwee mana seenu qawweesaa ala kaa’u ykn qaawwee keessaa rasaasa baasu gochuu qabna.

‘’Dhimmi barbaachisaa fi hatattama baayyee xiqqoo dha. Waanti baayyee yeroof isin eeguu danda’a-waanti isinitti hafu hin jiru.’’

Dr Liindaa Kaayee, Kutaa Qorannoo Qor-qalbii Yunivarsiitii Eej Hiil irraa, qorannoon akkasii namoonni bilbila isaanii waa dalaguuf moo amalaaf tuttuqu kan jedhu gaafachuufi bira gahuu qaba jedhan.

‘’Kunimmoo amalli/araadni kun fedhii keenyaan akka raawwannuufi dhiisnu nuu saaxiluu danda’a.

Kana malees araadni kun waan fedhii keenya wayii nuu guutu moo waanuma akka salphaatti raawwannu dha kan jedhu adda baasuu qabna,’’ jedhan.