Kachachala Pegasus: Hundumti keenya osoo hin beekiin basaastota taaneerraa laata?

Dubartii iPhone Waajjira olaanaa NSO fuldura qabattee dhaabbattu Herzliya, Israel. Suuraa kuusaa keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'eliiti kan argamu NSO Group maamiloonni isaa eeggannoon qoratamu jedhe

Himannaan basaasaa sooftiweeriin 'Pegasus' jedhamu gaazexeessitoota, roogeeyyii fi hoggantoota siyaasaa irratti gaggeessaa turuu hin hafu jedhame, amma hojiin basaasaa gurgurtaaf ooluu agarsiisa jedhame.

Kaampaaniin moosaajii kana duuba jiru NSO Group himaticha haaluun maamiloonni isaa eeggannoo karaa qabuun qoratamu jedhe.

Garuu tooftaaleen basaasaa cicimmoon biyyoota muraasaan qabameeru, babal'ataa deemuun waa'ee iccitii dhuunfaa fi nageenyaa addunyaa onlaayinii irratti qabnu dhiibbaa uumuun akkaataa itti ilaallu jijjiiraa jiru.

Waggootuma darban dhiyoo keessa, tajaajilli nageenyaa maal akka hojjataa jirtan baruu osoo barbaade, haga tahe waan hojjetan qabu. Bilbila keessan waraabuuf eeyyama argatan qabu ta'a. Yookaan ammoo meeshaa waan ati haasoftu ittiin dhaggeeffatan mana kee keessa dhaabu yookaan akka si hordofaniif garee basaastotaa sitti erguu.

Hiriyoota ati waliin jiraattuu fi jireenya akkamii akka qabdu baruuf obsaa fi yeroo gaafata.

Amma waan baruu barbaadan, waan jechuu barbaadan, eessa akka jirtu, eenyu waliin akka wal argituufi maal akka jaalattu illee baruun bakkuma tokkotti meeshaa yeroo hundumaa baattee ooltu keessa jira.

Bilbilli harkaa kee osoo namni tokkoyyuu hin tuqiin fagoodhaa seenamuu danda'a. Innis akka hirriyyaa gargaarsaakee dijitaalaa ta'urraa gara kan nama ittiin basaasamuutti jijjiiramuu waan beektu hin qabdu.

Yeroo tokko fageenya irra teessee bilbila namaa seenuun kun kan biyyoonni muraasa qofti hojjetan tahee ilaalamaa ture. Amma garuu basaasni kun harka biyyoota baay'ee galuun namoonni dhuunfaa yookaan gareen xiqqaanillee kana hojjechuu danda'a.

Hojjetaan kontiraataa duraanii Dhaabbata Basaasaa Ameerikaa Edwaardi Isnoowden humna basaasaa US fi UK komunikeeshinii addunyaa irratti qaban bara 2013 saaxilee ture.

Biyyoonni kunneen yeroo hundaa hojiin isaanii kun eeyyamaa fi dimokiraasii biyyattii irratti hundaa'a jechaa turan. Eeyyamni kennamu kunis yeroo sana dadhabaa ture. Ergasii garuu jabaateera.

Waan inni saaxile kun ergasii biyyoonni kaan maal gochuu akka danda'an irratti akka dammaqan godhe. Gariin isaanii dhimma kana irratti dammaquun garee kaampaanotaa maqaa guddaa hin qabne filan. Isaanittis gurguruu barbaadan.

Israa'el yeroo hundumaa humna saayiberii kanaan kan beekamtuu fi dandeettii basaasummaa kanaa cimaa qabdudha. Kaampaanotni ishee akka NSO Group, namoota addunyaa basaasaa keessatti muuxannoo guddaa qabaniin hundaa'e.

Isaan kunneen warreen tooftaa basaasummaa kana gara daldalaatti jijjiiraniidha.

NSO sarara basaasa isaanii shororkeessitootaa fi yakka gurguddaa warra hojjetan ittisuuf jecha qofa gurgurra jedhe. Garuu rakkoon jiru garee kana akkamiin ibsita isa jedhudha.

Attamiin odeeffanno walitti qabuu?
1px transparent line

Biyyootni mootummaa abbaa irree gaazexeessitootni, gareen siyaasaa fi aktivistootni mirga namoomaa yakkamtootadha yookaan ammoo nageenya biyyaaf yaaddoodha jedhanii akka basaasaman godhu.

Biyyoota akkasii keessa itti gaafatamni yookaan haala akkamiin akka hojjetan waan muraasatu beekama yookaan ammoo dandeettii akkasii fayyadamuu isaanii waan beekamu hin jiru.

Qunnamtiin namootaa cufaa tahuu daballaan mootummaan meeshaa namootaa keessa galuuf yaaliin godhus dabalaa dhufe. Qunnamtiin bilbilaa karaa komunikeeshinii guddaa yoo tahu kaampaanotni telekoomii haasaakee akka waraaban taasifamu. [Kunis shiboon itti hidhamuun ture kan gaggeeffamu.]

Amma ergaan hunduu hidhaa erga tahee maaltu akka barreeffame yookaan jedhame argachuuf meeshicha keessa galuu qabda. Meeshaaleen akka bilbilaas odeeffannoo guutuu tahe qabatu.

Biyyoonni gariin haala akkamiin kana akka hojjetan beeku. Fakkeenya dhiyoo kan tahu, oppireeshiinii Ameerikaa fi Awustiraaliyaan dhiyeenya waliin hojjetan yoo tahu, bilbiloonni baay'ee addaa fi nageenyi isaanii amansiisaadha jedhamee itti himame garee yakkamtootaaf akka raabsamu tahedha.

Garuu dhimmichi basaasa bilbilaa kana irra bal'aadha. Tooftaan basaasummaa cimaa tahes saffisaan babbal'ataa jira.

Inumaayyuu meeshaaleen biizinesii oonlaayinii jeeqan salphaatti argamu. Dur, kaffaltiin beenyaa ransomware- kaffaltii haakerootni siistema hojiikee butuun gaafatan neetwoorkii yakkamtootaa jedhamuun beekama. Amma garuu gabaa gurraacha marsariitii keessatti akka tajaajilaatti gurguramaa jira.

Nama dhuunfaa tokko bu'aa isaa gadi buusee waliigala. Inumaayyuu meeshaa, gorsaa fi deeggarsa kennuuf. Yeroo rakkinaattis sarara qunnaman waliin tolchuuf.

Basaasummaan biraa bakka namni jiru hordofuu, seenaa nama sanaa qorachuufaa, yeroo tokko hojii adda tahe barbaadu amma bilisaan jira.

Eenyu fa'i irratti xiyyeeffatamee?
1px transparent line

Basaasummaa yeroo jennu dhimma biyyaa qofa miti. Kaampaanotni bakka jirru baruuf basaasa isaan nurratti hojjetanis dabalata. kunis meeshaa basaasaa dhaabuun osoo hin taane, waan nuyi miidiyaa hawaasaa irratti jaallannufaa hordofuun kaampaanii barbaadu sanaaf dabarsuuni.

Kun hundi odeeffannoo guutuu kaampaanotni fayyadaman gabbisa. kan haakerootnii fi biyyootni argachuu barbaadanidha.

Tooftaaleen tokko tokko ammoo amma nama hundumaatti gurguramaa jiru. Basaasonni tokko tokko ammoo nama miira keessa galu yookaan maatiin isaa eessa akka jiran hordofuu barbaadutti gurguramu.

Kana hundaa jechuun egaa, addunyaa hundi keenya basaastota taanutti galaa jirra, yookaan ammoo hunduma keenya irrattis basaasama.