Appilikeeshiniin 'Great Nation' dhoksaatti basaasuu dandeessisa' jedhame

Pirezedaantii Chaayinaa Shii Jiipiing

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Chaayinaa Shii Jiipiing

Dhaabbanni Nageenyaa tokko appilikeeshiniin Chaayinaa 'Great Nation' jedhamu fayyadamtoota bilbilaafi hojii isaanii dhoksaatti hordofuu akka danda'u akeekkachiiseera.

Gabaasni qorannoo gaggeeffame tokko akka agarsiisetti, Paartiin Komunistii Chaayinaa appilikeeshinii hojii waajiraaf jedhamee beeksifamaa jiruun lammillee miliyoona 100 ol ta'an basaasuu dandeessiseera.

Akka xiinxala qorannoo gaggeeffame kanaatti, appilikeeshiniin 'Great Nation app' jedhame kun wantota namni tokko fayyadameefi daataa namni koppii godhate hordofee basaasa.

Qorannoo kana kan gaggeesse ogeessota nageenya bilbila mobaayilaa Cure 53 jedhamuuti.

Appilikeeshiniin kun mootummaan "fayyadamaa hunda caalu' akka ta'u godheera jedha dhaabbanni qorannoo kun.

Mootummaan Chaayinaa garuu appilikeeshinichi akka qorattoonni kun jedhan wantoota ittiin basaasan hin qabu jechuudhaan waakkateera.

Bu'aan qorannoo Guraandhala keessa gaggeeffame kun appilikeeshiniin 'Study the Great Nation' Chaayinaa keessatti sagantaa kompiitaraa bilisaan hunda caalaa namoonni buufatan ta'ee galmaa'eera.

Akka namoonni baayyinaan buufatanii itti fayyadaman kan taasises, aanga'oonni Chaayinaa lammileen biyyattii akka buufatanii itti gargaaramaniif dholodholuun fedhii keessatti uumuu isaati.

Dirqamaan fayyadamuu

Appilikeeshiniin kun oduuwwan biyyaafi suuraawwan daddabarsuun akkasumas namoonni barreeffama dubbisuun qabxii akka argatan jajjabeessuun, yaada irratti kennuuf, taphawwan waa'ee Chaayinaafi Pirezedaant Shii Jiinping namootaaf dhiyeessa.

Aanga'oota paartii biratti appilikeeshinii kana fayyadamuun dirqamadha. Hojjetoonni mootummaas fayyadamuun dirqama yoo ta'u bakkeewwan hojii tokko tokkotti ammoo miindaa waliinillee walqabsiisu.

Maqaa 'Open Technology Fund' tiin dhimmoota mirgoota namoomaarratti kan hojjetu dhaabbanni nageenya Saayibarii Jarmanii Cure 53 gara galcha 'Android' appilikeeshinii kanaa irraa adda baasuun wantota hin galmoofneefi dhokatanii jiran adda baasuu danda'eera.

Gabaasa dheeraa qopheesseen Cure 53 appilikeeshiniin 'Study the Great Nation' kun dandeettii "ballinaan seenuun" appilikeeshinoota bebbeekamoo namoonni bilbila isaaniirratti tolfatanii fayyadaman faana bu'uu danda'a.

"Appilikeeshiniin kun daataawwan hedduu tokko tokkoon sassaabuun akka hordofuu danda'u kan mirkanaa'eefi waan hin haalamnedha," jedha gabaasichi.

Miseensonni Paartii Kuministii warra Chaayinaa appilikeeshinicha dirqamaan fayyadamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni Paartii Kuministii warra Chaayinaa appilikeeshinicha dirqamaan fayyadamu

Appilikeeshiiniin kun mala faayila mobaayilaa ittiin nageenya isaa eegsisan dadhabsiisuudhaan, daataafi ergaawwan butuudhaan salphaatti cabsuun seenuu dandeesisa.

"Appilikeeeshiniin kun koodiiwwan walfakkaatoo dhoksaan kaawaman waan qabuuf, ajaja tasaa darbarsuudhaan mirga hunda caalaa fayyadamuu kenna," jedha gabaasni kun.

Mootummaan Chaayinaa garuu appilikeeshiniin kun akka Cure 53 jedhutti kan hojjetu miti jechuun waakkateera.